bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Luke 21
Luke 21
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 22 →
1
Galma Waaqaa keessatti dureeyyiin subba kennansi itti kuufamu keessa, kennansa ifii buuttuun, Yesuus midhatee dhagge.
2
Haati hiyyeessaa hiyyeettiin takkalle saantimii sibiila diima'aa didiqqoo lamaan keessa buuttuun dhagge.
3
Inni, “Ani dhugumaan isinitti hima, haati hiyyeessaa hiyyeettiin tun isaan mara caalaa keessa buutte.
4
Isaan martinuu qabeenna isaan geyee hafe irraa keessa buusane; isiin ammoo adoo hiyyeetti'iituu, kama ittiin bultu maraa keessa buutte” jedhe.
5
Barattooti gariin Galmi Waaqaa dhakoota dadansa'aa fi kennansa Waaqaaf kennameen attam akka seefame dubbatane. Yesuus ammoo,
6
“Wonni isin dhaggitanu kun maraa, dhakaan tokochille wol irratti hin hafu; yennaan inni itti diigamu hin dhutti” jedhe.
7
Isaan, “Barsiisaa, kun yoom te'a? Wonni kun te'iisaaf akka dhikaate beekiisaaf beessisi te'uuf jiru maan?” jedhanee gaafatane.
8
Yesuus deebisee, “Akka hin sobanne ifi eeggadha'a! Namooti hedduun, ‘Ani Kiristos, Yennaalle dhikaaterti!’ jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan. Isin ammoo isaan hin hordofina'a!
9
Woraanaa fi worraaqa kolba'aa yennaa dhageettane hin sodaatina'a! Wonni akkasii kun dursee te'uu male; ammoo muummeen yoosuma hin teetu” jedhe.
10
Inni itti aansee, “Gosi gosatti, mootummaan mootumma'atti hin kaati;
11
tacho'i lafaa guddaan, beeltii fi dhukkubi hamaan addee adde'etti hin te'an; wonni sodaachisuu fi beessisi gugurdaalle ol-gubbaa irraa hin mudhatan.
12
Wonni kun maraa adoo hin te'in dura, isaan isin hin qaban, hin miidhan; gara mana waaqeffaannaa Yihudootaatii fi mana hidha'aa dabarsanee isin hin kennan; sababa kiyyaaf fuula moototaatii fi bulchitootaa dura isin hin geessan.
13
Kunille karaa dhugaa anaa ittiin baatanu isiniif hin te'a.
14
‘Maan jennee falmanna’ jettanee akka hin yaanneef gadha'atti qabadha'a!
15
Worri isiniin falmu tokkolle, isin dura dhabbatiisaaf, yookiin isiniin mormiisaaf ka hin dandeenne, waan dubbattanuu fi qarummaa, aninuu isiniif hin kenna.
16
Haadhoti'ii fi abbootiin, obboleeyyan, firoottanii fi lansooti teessanuu dabarsanee isin hin kennan; isin keessaa garii hin ijjeesan.
17
Nami martinuu sababa kiyyaaf isin hin jibba.
18
Ammoo rifeensi mataa keessanii tokkochille hin badu.
19
Isin ciniinnattanee ossatiisaan jiruu hin dhaggattan” isaaniin jedhe.
20
Yesuus itti aansee, “Yerusaalem loltootaan marfanteertuun yennaa dhaggitane diigamuun isi'ii akka dhikaate hin beettan.
21
Yennaa san worri Yihudaa keessa jiranu gara gaarotaatitti baqatanuu ti; worri qachaa keessa jiranulle keessaa bayanuu ti, worri baadiyyaa jiranulle qacha'atti hin deebi'in.
22
Guyyooti kun, ta barreeffante maraa akka muummottuuf, guyyoota adabbi'ii ti.
23
Guyyoota sanitti dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif aanne'e! Lafa tana irratti rakkinni hamaan, kolbaa tana irrattille mufiin hin dhutti.
24
Gariin goraade'een hin du'an, kuun gara biyya maraa hin booji'aman. Worri Yihudoota hin te'in haga yennaan isaanii muummottutti, Yerusaalem irra hin ejjatan” jedhe.
25
Yesuus itti aansee, “Beessisi aduu, ji'aa fi urjoota irratti hin te'a. Bulpheessa abbaayya'aatii fi danbali'iitiin ka ka'e lafa irratti gosi duudiin sodaattee, waan gootu wollaalti.
26
Hunnooti ol-gubba'aa waan raafamanuuf, kolbaan waan biyya lafaa irratti dhufaaru sodaattee eegatiisaan hin gaggaddi.
27
Achiin duuba Ilmi Namaa hunnaa fi ulfinna gudda'aan duumensa keessa dhufuun hin dhaggan.
28
Kun maraa te'iisa yennaa jalqabu, fayyinni keessaan waan dhikaateeruuf, ka'aa dhaabbadha'aatii mataa keessan ol qabadha'a” jedhe.
29
Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, “Muka harru'uutii fi mukoota maraa ilaala'a.
30
Yennaa baalli isaanii quunxuun dhaggitane, bonni akka dhikaate beettan.
31
Maarre isinille, tun maraa teetuun yennaa dhaggitane, mootummaan Waaqaa akka dhikaatte beeka'a.
32
Ani dhugumaan isinitti hima, tun maraa haga muummottutti dhalooti kun hin taru.
33
Ol-gubba'aa fi latti hin taran, Jechi kiyya ammoo ijjumaa hin taru” jedhe.
34
Yesuus itti aansee, “Akka malee nyaataa fi machi'iin yookiin jireenna lafa tanaatiif yaadaa, yennaa teessan balleessitanuun, guyyaan sun akka tiyyo'oo dedhuma akka isin hin qanne ifi eegadha'a!
35
Guyyaan sun kolbaa lafa duudii irra leetu maraa irratti hin dhufa.
36
Waan te'uuf jiru maraa jalaa bayiisaa fi Ilma Namaa dura dhaabbatiisaaf akka dandeettanu, ifi eegadha'aa, yennaa mara daadimadha'a!” jedhe.
37
Yesuus guyyaa guyyaa Galma Waaqaa keessatti barsiisee, halkan halkan gara gaara ejersaa jedhamu gubbaa dhaqee bule.
38
Kolbaan martinuu dubbii isaa caqasiisaaf barii halkaniin kaatee gara Galma Waaqaa dhaqaa turte.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24