bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Luke 4
Luke 4
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 5 →
1
Yesuus Ayyaana Woyyichaan guutamee laga Yordaanositii yennaa deebi'e, Ayyaanni gara goomole'ee isa geesse.
2
Achitti guyyaa afurtama Seexanaan ataabame. Guyyoota san inni womaa waan hin nyaatiniif dhuma guyyoota saniititti belowe.
3
Seexanni isaan, “Ati Ilma Waaqaa yoo teete, dhakaan kun daabboo akka te'u ajaji” jedhe.
4
Yesuus deebisee, “Barreeffam woyyichi, ‘Nami sagalee calla'aan hin le'u’ jedha” jedhe.
5
Achiin duuba Seexanni gara addee ol aantuu gubbaa isa geessee, yoosuma mootummaa biyya lafaa irra jirtu mara itti mudhise.
6
Seexanni Yesuusiin, “Ani kana maraa irratti ulfinnaa fi baallii si'iif hin kenna. Kun maraa waan anaaf kennameeruuf, ani ka jaalladheef kennuu hin dande'a.
7
Maarre yoo anaaf sagadde, kun maraa keeti te'a” jedheen.
8
Yesuus deebisee, “Barreeffam Woyyichi, ‘Goottaa Waaqa keetii sagadi; isa calla'aafille tajaajili!’ jedha” jedheen.
9
Achiin duuba Seexanni gara Yerusaalemii isa geessee, guutuu Galma Waaqaa gubba'atti dhaabbachiisee, “Barreeffam Woyyichi, ‘Waaqi ergantoota ifii akka si eeganuuf hin ajaja. Isaanille miila keeti dhakaan akka hin miine harka ifiitiin ol si hin qaban’ waan jedhuuf, ati Ilma Waaqaa yoo teete, asi gubba'aa ifi gad darbi” isaan jedhe.
12
Yesuus deebisee, “Barreeffam Woyyichi, ‘Goottaa Waaqa keeti haga hin ilaalin’ jedha” jedheen.
13
Seexanni karaa maraan isa ataabeen duuba haga yenna'aatiif isa biraa deeme.
14
Achiin duuba Yesuus hunna Ayyaana Woyyichaatiin gara Galiila'aa deebi'e. Gurri isaa adaala san maratti odeeffame.
15
Inni manoota waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barsiisee, nami marti isa galateesse.
16
Achiin duuba Yesuus gara lafa itti guddatee, Naaziret dhaqee, guyyaa Sanbataa akkuma aadaa ifii Mana Waaqeffannaa Yihudootaa dhaqe. Yennaa inni Barreeffama Woyyicha dubbisiisaaf ka'e,
17
kitaaba Isaayaasii raagichaa itti kennane. Maraa kitaaba sanii diigee,
18
“Ayyaanni Gootta'aa ana irra jira, worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammadaa akka himuuf ana muudeera. worra booji'ameef bilisummaa akka lassuuf, worra ballaa akka dhaggisiisuuf, worra miicame akka baasuuf,
19
woggaa Goottaan kolbaa ifii fayyisulle akka lassuuf na ergeera” dubbiin jettu addee itti barreeffanteertu dhagge.
20
Yesuus kitaaba san maree, namicha eegutti kennee tee'e. Kolbaan Mana Waaqeffannaa Yihudootaa san keessa jirtu marti adoo ila irraa hin caffatin isa ilaalte.
21
Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Akkuma dubbifamuun dhageettane, Barreeffam Woyyichi kun adha muummaye” jedhe.
22
Isaan martinuu marroo isaa waan dansaa dubbatanee, dubbii maso'oo ta inni dubbate baaseffatanee, “Inni ilma Yoseefiitii motii?” jedhane.
23
Yesuus isaaniin, “Isin dhugumaan mammaassa, ‘Cidheessa, dursii ifi fayyis!’ jedhu anatti hin mammaattan. Waan qachaa Qifirnaahoomiititti tolchitelle, ta nuuti dhageenne as qachaa keeti keessattille tolchi hin jettan” jedhe.
24
Itti dabaleelle, “Ani dhugumaan isinitti hima, raagaan tokko biyya ifiititti fudhatama hin qabu.
25
Dhugumaan, bara Eliyaasii raagichaatiitti woggaa sadii fi ji'a jaan bokkeenni dhabamee, lafa san duudii keessatti beelti hantuun yennaa galte, biyya Israa'elii keessatti haadhotiin hiyyeessaa hedduun jirti.
26
Eliyaas ammoo gara haadha hiyyeessaa ta biyya Sidoonii keessatti qachaa Saraaphta'aa keessa leetuu takka malee, gara dhibii gara nama tokkoolle hin erganne.
27
Akkasuma bara Elsaa'ii raagichaatitti kolbaan hedduun ta dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dhibanteertu jirti; ammoo, isaan keessaa Na'amaanii namicha biyya Sooriya'aa malee, nami tokkolle hin fayyine” jedhe.
28
Worri mana waaqeffannaa Yihudootaa keessa jiranu mara yennaa kana dhage'ane, akka malee aarane.
29
Isaan ol ka'anee, Yesuus qachaa keessaa harkisanee baasanee qile'etti gad qolaansiisaaf barbaadanee, gara ededa gooroo qachaan isaanii irratti ijaarameeruutitti isa geessane.
30
Inni ammoo isaanuma oddu'uun dabaree kara'atti bayee deeme
31
Achiin duuba Yesuus gara qachaa Qifirnaahoomii, ka Galiilaa keessatti dhaggamuu tokko dhaqee, guyyaa Sanbataa kolbaa barsiise.
32
Waan inni baalli'iin barsiiseef, isaan martinuu barsiisiisa isaa baaseffatane.
33
Namichi Ayyaana hama'aan qabameeru tokko mana waaqeffanaa Yihudoota keessa jiraayyu. Inni qoonqoo guddo'oon,
34
“Eeyyaa! Yesuusii nama Naaziretii, haajaa maan nu woliin qadda? Nu balleessiisaaf dhuttee? Ani ebeluu keeti hin beeka! Ati Woyyicha Waaqaa ti” jedhee iyye.
35
Yesuus ayyaana hama'aan, “Cadhisi! Keessalle'ee bayi!” jedhee xixe. Ayyaanni hamaan sun fuula isaanii duratti namicha gad jissee, womaa adoo isa hin miidhin keessaa baye.
36
Kolbaan martinuu baaseffatee, “Dubbiin akkasii tun maan? Ayyaanota hamootalle baalli'ii fi hunnaan xixa; isaanille isaaf hin ajajaman” wol woliin jette.
37
Gurri Yesuusii adaala biyya sanii maratti dhage'ame.
38
Yesuus Mana Waaqeffannaa Yihudootaatii bayee gara mana Simoonii dhaqe. Haati sodda'aa ta Simoonii dhukkuba nafa o'isu jaba'aan dhibanteertiiyyu; isaanille akka inni isii gargaaruuf itti himane.
39
Maarre Yesuus itti dhi'aatee cinaa isi'ii dhaabbatee, dhukkuba nafa o'isu san xixee, dhibeen isii lakkitte. Yennuma san ol kaatee isaanii areerte.
40
Yennaa aduun seente, worra dhukkuba adda addaatiin dhibamane maraa gara Yesuusii fidane. Inni isaan mara irra harka ifii keyee fayyise.
41
Durriisotille Yesuusiin, “Ati Ilma Waaqaa ti” jedhaa kolbaa hedduu keessaa iyyaa bayane. Ammoo waan isaan akka inni Kiristoos te'e beekaneef, xixee dubbatiisa isaan dhoogge.
42
Yennaa latti bariite Yesuus achii bayee, gara addee qoommi'ii dhaqe. Kolbaan isa barbaadiisa kaatee, yennaa dhaggite, akka inni isaan lakkisee hin deemne dhooggiisaaf wodhaante.
43
Inni ammoo isaaniin, “Ani Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa qachoota dhibiille'etti lallabu'uu male; ani akka tana hujuuf ergame” jedhe.
44
Maarre inni manoottaan waaqeffannaa Yihudootaa ka biyya Yihuuda'aa keessatti dhaggamuu keessatti lallabiisa itti fufe.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24