bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Luke 16
Luke 16
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 17 →
1
Yesuus barattoota ifiitiin, “Namichi dureessi tokko, tooyataa mana isaa tooyatu qabaayyu. Tooyataan kun akka karra isaa balleessaaru dureesichatti himane.
2
Maarre namichi dureessichi tooyataa san waamee, ‘Marroo teeti wonni ani dhage'u kun maan? Ati haganaan achi tooyataa kiyyaa waan hin teeneef, herrega toowatumma'aan itti hujje nati kenni’ jedheen.
3
Toowataan sun gadhaa ifii keessatti, ‘Amma goottaan kiyya toowatummaa tana ana irraa fuudhaara, maan godhu naa woyya? Hin qotadha'atti hin dande'u, hin kadhadha'atti hin fokkifadha.
4
Yennaa toowatummaa irraa ari'ame akka namooti gara mana ifii ana fudhatanuuf, ani waan godhu hin beeka!’ jedhe.
5
Achiin duuba worra liqaa goottaa isaa qabu tokko tokkoon waamee, ka duraatiin, ‘Liqaa goottaa kiyyaa meeqa ifi irraa qadda?’ jennaan,
6
namichi deebisee, ‘Zayitii ejersaa okkotee dhibba’ jedhe. Maarre toowataan, ‘Galmee keeti hoo'o; ariifadhuu shantama jedhii barreessi’.
7
Ammalle toowataan, nama liqaa goottaa isaa qabu dhibi'iin, ‘Liqaa gootta'aa meeqa qadda?’ jedhee gaafate. Namichille deebisee, ‘Qamadii daawullaa shantama ’ jedhe. Toowataan, ‘Galmee keeti hoo'o; dhibba saddeeti jedhii barreessi’ jedheen.
8
Goottaan, toowataa hin addatanne san mala inni dhowateef jaje. Kun ijoolleen lafa tanaa ijoollee ifaa caalaa worra isaan fakkaatu woliin wolitti dhikeenna qabanuun malaameyyii akka te'ane mudhisa.
9
Ani isinitti hima, yennaa karri teessan hobbaate, akka isaan gara mana bara baraan itti leetanuu isin fudhatanu, karra dabaa ta lafa tanaatiin fira baafadha'a!
10
“Nami waan diqqo'oon addatamaa te'e waan guddoolle'een addatamaa hin te'a. Nami waan diqqo'oon hin addatanne, waan guddoolle'een hin addatamu.
11
Yoo isin karra biyya lafaa tanaan hin addatamin, eentu addatee karra dhuga'aa isinitti kenna ree?
12
Isin karra worra dhibi'iitiin yoo hin addatamin, karra isiniif teetu eentu isiniif kenna ree?
13
“Nami tokko garba goottaa lamaa te'iisaaf hin dande'u, tokkocha jibbee, kaan hin jaallata; yookiin tokkocha ulfeessee kaan hin tuffata. Akkasuma Waaqaa fi beesee tajaajiliisaaf hin dandeettanu” jedhe.
14
Fariisaayoti worri beesee jaallatanu yennaa waan Yesuus dubbate kana dhage'ane isa ceeggatane.
15
Yesuus ammoo isaaniin, “Isin yennaa maraa balchoota ifi gootanee ilaaltan, Waaqi ammoo waan gadhaa keessan keessa jiru dhagga, wonni nama duratti ulfaataa faakkaatee mudhatu, Waaqa duratti tuffatama'a.
16
Seerri Muuse'eetii fi kitaaboti raagotaa haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti hujaa turane. Haga mootummaan Waaqaa odeeffanteen jalqabee nami martinuu itti galiisaaf jabeennaan wodhaneera.
17
Ammoo Seera keessaa bixxilleen addee dhidhattu ol-gubba'aa fi latti tartu irra kaso'o.
18
“Nami haadha manaa ifii lakkisee dubartii dhibii fuudhu maraa hin gaarayyeeffata. Akkasuma dubartii abbaan manaa lakkise ka fuudhu hin gaarayyeeffata” jedhe.
19
“Namichi dureessi woyaa dhiillee dansittii, ta gatii guddo'oo uffataa, guyyaa mara qananumma'aan le'u tokko jira.
20
Namichi hiyyeessi tokko, ka Alaazaar jedhamu, ka nafi isaa duudiin mammadaayeeru balbala namicha dureesichaa dura irkateeraayyu.
21
Inni waan qorii namicha dureesichaa irraa harca'e nyaatiisaaf halcha. Sareelle dhuttee madaa isaa arraabbatti.
22
Namichi hiyyeessi duunaan, ergantooti Waaqaa fuudhanee cinaa Abrahaamii geessane. Namichi dureesichille du'ee awwaalame.
23
Inni qilee keessatti rakkataa adoo jiruu, yennaa ol ilaale, fago'otti Abrahaam dhagge; Alaazaarille cinaa isaatitti dhagge.
24
Maarre inni Abrahaamiin, ‘Abbaa kiyya Abrahaam anaa nayi! Ani bobe'a ibiddaa kana keessatti guddoo waan rakkatiisatti jiruuf, Alaazaar qaccee quba ifii bisaan keessa cuuphee akka arraba kiyya anaaf qabbanneessu magane'ee naa ergi’ jedhee waammate.
25
Abrahaam deebisee, ‘Lansa kiyya, ati bara jiruu teeti ta lafaa, waan dansaa dhaggattee akka gammadde qaabbadhu; Alaazaar ammoo rakkataa ture. Amma inni gammadiisatti jira, ati ammoo guddoo rakkatiisatti jirta.
26
Tana maraa irratti, akka worri asii gara keessan, worri achiille as gara keenna hin qaxxaamurre, bowwaan guddaan nu wodhakkaa jira’ jedheen.
27
Namichi dureessichi ammoo, ‘Abrahaam, yoona akka Alaazaar gara mana abbaa kiyyaa ergitu si kadhadha.
28
Ani obboleeyyan shan waan qabuuf, isaanille as addee rakkinnaa tana akka hin dhunne dhaqee ifi eegachiisuu ti’ jedhe.
29
Abrahaam deebisee, ‘Isaan Muuse'ee fi raagota qaban, dubbii isaanii dhage'anuu ti’ jedhe.
30
Achiin duuba namichi dureesichi, ‘Waawwoo, abbaa kiyya Abrahaam, nami tokko du'aa ka'ee adoo dhaqee isaanitti himee ammoo cubbuu ifii irraa hin deebi'an’ jedhe.
31
Abrahaam ammoo, ‘Isaan Muuse'ee fi raagota dhage'uu yoo dhabane, yoo nami tokko du'aa ka'elle hin dhugeeffatanu’ jedheen” jedhe.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24