bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Luke 20
Luke 20
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 21 →
1
Gaafa tokko Yesuus Galma Waaqaa keessatti kolbaa barsiisiisaa fi Oduu Gammadaa lallabiisatti adoo jiruu, moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muse'ee, maanguddoota woliin gara isaa dhufanee,
2
“Baallii maaniitiin waan kana goota? Eentu baallii tana si'iif kenne? Nutti himi!” jedhaneen.
3
Inni deebisee, “Anille gaaffii tokko isin gaafadha;
4
cuuphaan Yohaannis cuuphe Waaqa irraa moo, nama irraa dhutte? Natti hima'a!” jedhe.
5
Isaan waan kana irratti mari'atanee, “ ‘Waaqa irraa’ yoo jenne, ‘Maaf dubbii isaa hin dhugeeffatin ree?’ nuun jedha.
6
‘Nama irraa’ yoo jenne ammoo, kolbaan martinuu akka raagaa tokkootitti Yohaannis waan dhugeeffateertuuf, dhaka'aan nu tunti” woliin jedhane.
7
Maarre isaan, “Eessaa akka dhutte nuuti hin beennu” jedhanee deebisane.
8
Yesuus deebisee, “Anille baallii maaniitiin waan kana akka godhu isinitti hin himu” isaaniin jedhe.
9
Yesuus itti aansee mammaassa kana kolba'atti mammaakee, “Namichi tokko muka woyni'ii fichaa ifiititti dhaabee, qottee bultootaaf kireessee, biyya fago'oo dhaqee achi ture.
10
Yennaan guuranu geennaan, qooda midhaan woyini'ii ka isa gewu akka itti kennanuuf garbicha ifii tokko gara qottee bultootaa erge. Isaan ammoo isa dhaananee harka duwwaa ari'ane.
11
Maarre inni garbicha dhibii itti erge; isaan isalle dhaananee salphisanee harka duwwaa ari'ane.
12
Inni amalle garbicha sadeesso'oo itti erge; isaan isaalle madeessanee alatti darbane.
13
Achiin duuba abbaan muka woyni'ii, ‘Ani maan godhu? Ilma kiyya jaallatamaa itti erga; isa hin ulfeessan fa te'a’ jedhe.
14
Qottee bultooti ammoo yennaa isa dhaggane, ‘Kun ka dhaalu; akka dhaalli nu'uuf te'u, kowaa isa ijjeennaa!’ jedhanee mari'atane.
15
Maarre isaan fichaa muka woyni'ii keessaa alatti isa darbanee ijjeesane. Yoona abbaan fichaa muka woyni'ii maan isaan godha laati?
16
Inni hin dhufa, qottee bultoota san hin ijjeesa, fichaa muka woyni'iille worra dhibi'itti hin kennata” jedhe. Kolbaan tana yennaa dhageette, “Hanqisi!” jette.
17
Yesuus ammoo isaan laalee, “‘Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakaa dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e’ jedhante ta barreeffante maan jechu'u ree?
18
Nami dhakaa san irratti jigu maraa hin caccaba; nami dhakaan sun irratti jigu ammoo hin bututa” jedhe.
19
Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi moototi hayyootaa akka Yesuus mammaassa kana marroo isaaniitiif mammaake beekanee, yennuma san isa qabiisaaf barbaadane; ammoo kolbaa sodaatane.
20
Isaan Yesuus baalli'ii fi hunna bulchaa worra Rooma'aatitti dabarsanee kenniisaaf, waan inni dubbatuun qaxafiisaaf isa gaadane; maarre dootuu nama balchaa ifi fakkeessitu itti ergane.
21
Maarre dootuun, “Barsiisa'a, wonni ati dubbattuu fi barsiittu dhugaa akka teete nuuti hin beenna; nama adoo wol hin caalchisin karaa Waaqaa dhuga'aan hin barsiitta.
22
Mootii worra Rooma'aatiif gibira gabbaruun seera moo seeraa moti?” jettee isa gaafatte.
23
Yesuus ammoo maltummaa isaanii dhaggee,
24
“Beesee ittiin bitaa gurgurattanu takkaa anatti mudhisa'a; misili'ii fi barreeffama eennuutitti irra jira?” isaaniin jedhe. Jennaan, “Ka mooticha worra Rooma'aati” jedhane.
25
Maarre Yesuus isaaniin, “Ka mootichaa mootichaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kenna'a!” jedhe.
26
Isaan kolbaa san duratti waan inni dubbatteen isa qaxafiisaaf hin dandeenne. Deebii isaa baaseffatanee cadhisane.
27
Saduqooti gariin, worri du'aa ka'iisi hin jiru jedhanu, gara Yesuusii dhufanee,
28
“Barsiisa'a, Muuseen, ‘Nami tokko niitii fuudhee ijoollee adoo hin uumatin isii irraa yoo du'e, obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaalee sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuuti” jedhee nu'uuf barreesseera.
29
Obboleeyyan torba, tokko jiran. Angafichi isaanii niitii fuudhee ijoollee adoo hin uumatin du'e.
30
Obboleessi isatti aanulle, haadhuma hiyyeesaa san dhaalee ijoollee adoo hin uumatin du'e;
31
achiin duuba obboleessi sadeesso'oolle isii dhaale. Akkasuma obboleeyyan torbanuu adoo isii irraa ijoollee hin uumatin duute.
32
Muummee irratti dubartittiille duute.
33
Amma, isaan torbaanuu niitumma'aan isii waan fuudhaneeranuuf, guyyaa du'aa ka'iisaa isiin eennuuf haadha manaa teeti ree?” jettee gaafatte.
34
Yesuus deebisee, “Worri biyya lafa tanaa hin fuudha, hin heerumalle'e;
35
worri du'aa ka'iisaa fi biyya lafaa ta dhuttu keessatti le'iisaaf malane ammoo, hin fuudhanu, hin heerumanulle'e.
36
Isaan akka ergantoota Waaqaa waan te'aneef, deebi'anee hin du'anu; waan du'aa ka'aneeranuufille ijoollee Waaqaa hin te'an.
37
Muuseenuu, dabarsii marroo tusee gubattuu keessatti, Gootta'aan, ‘Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaaqii, Waaqa Yaaqoobii’ jedhee waan waameef, worri du'ane akka du'aa ka'anu mudhiseera.
38
Martinuu isaaf jiraataa waan te'aneef, inni Waaqa worra jiraata'aati malee Waaqa du'ootaatii moti” isaaniin jedhe.
39
Barsiisoti Seera Muuse'ee gariin deebisanee, “Barsiisaa, dansaa dubbatte” jedhane.
40
Achiin duuba isaan debi'anee gaaffii dhibii isa gaafatiisaaf itti hin gamne.
41
Achiin duuba Yesuus, “Attamiin isaan, ‘Masiihiin ilma Daawwitii ti’ jechu'uu dande'an?” jedhee isaan gaafate.
42
“Daawwiti ifiifuu kitaaba faaru'uu keessatti, ‘Goottaan Goottaa kiyyaan, ‘Haga ani diinota keeti ejjata miila keetii jala kewutti, midda kiyyatti tee'i’ jedheera.
44
Daawwiti, ‘Goottaa kiyya’ jedhee yoo isa waame, attamiin Masiihiin ilma isaa te'a ree?” jedhe.
45
Kolbaan martinuu adoo dhage'iisatti jirtuu, Yesuus baratoota ifiitiin,
46
“Barsiisota Seera Muuse'ee, ka woyaa dhedheertuu uffatanee asii fi achi ideemuu jaallatanu, addee dikko'ootitti nageya ulfinnaa akka isaan fuudhanu jaallatanu, Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barcumaa dansaa, lafa jilaatittille addee ulfinnaa filatanu irraa ifi eegadha'a!
47
Isaan mana haadhotii hiyyeessaa sossanee, itti aalatiisaaf dheeressanee daadimatan. Muraa hantu'utti isaanitti murama” jedhe.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24