bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Luke 3
Luke 3
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 4 →
1
Xiberyoos mooticha te'ee woggaa kudhanii shaneesso'ootitti, Phonxoos Philaaxoos bulchaa biyya Yihuda'aa, Heroodis biyya Galiila'aatitti, obboleessi isaa Filiphoos biyya Ixuriya'aatii fi Xuraakonixiititti, Lisaaniyaasille biyya Abiliinya'aatitti bulchitoota biyyaa te'ane.
2
Yennaa Haannaasii fi Qayyaaffaan Yihudootaaf hayyoota gugurdoo te'aneeranutti, Yohaannisiin ilmi Zakkaariyaasii goomolee keessa jiruun dubbiin Waaqaa itti dhutte.
3
Yohaannis adaala biyya Yordaanosii duudii keessa ideemee, “Cubbuu teessan irraa deebi'aatii cuuphama'a; Waaqille cubbuu teessan isiniif hin araarama” jedhee lallabe.
4
Isaayaasiin raagichi marroo Yohaannisiitiif, “Nami tokko goomolee keessatti, ‘Karaa Gootta'aa qopheessa'a; daandii inni irra ideemu qajeelcha'a!
5
Baleen martinuu guutantuu ti, koobii fi gaarri martinuu diriiruu ti. Karaan daddabaan qajeelee, daandiin kattattaan wol qixxoottuu ti.
6
Nami duudiin fayyisiisa Waaqaa hin dhagga’ ” jedhee barreesseera.
7
Yohaannis gumii harka isaatitti cuuphamiisaaf gara isaa dhutteen, “Isin ilmaan buuti'ii! Akka isin mufii Waaqaa ta isinitti dhufaartu jalaa baqattanu eennutti isinitti hime?
8
Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhissu tolcha'a. Abbaan keenna Abrahaam jedhiisatti hin ka'ina'a. Waaqi dhakoota kana keessaa fuudhee Abrahaamiif ilmaan tolchiisa akka dande'u ani isinitti hima.
9
Agaraan mukoota hiddatti muriisaaf qophoweera. Muki midhaan dansaa hin buunne maraa muramee ibiddatti hin gatama” jedhe.
10
Jennaan kolbaan, “Yoona nuuti maan tolchinu ree?” jettee Yohaannis gaafatte
11
Inni deebisee, “Nami uffana lamaan qabu ka womaa hin qanneef kennuu ti; ka sagalee qabulle warra hin qanne woliin qoodamuu ti” jedhe.
12
Worri qaraxa guuranu cuuphamiisaaf dhufanee, “Barsiisa'a, nuuti maan tolchinu?” jedhanee isa gaafatane.
13
Yohaannis isaaniin, “Ka seeraan murame caalchittanee hin guurina'a” jedhe
14
Loltooti gariin, “Nuuti hore? Maan goona?” jedhanee isa gaafatane. Innille isaaniin, “Hunnaan namuu irraa beesee hin guurina'a, eennulle dharaan hin himatina'a, mindaan keesssan isiniif gewuu ti” jedhe.
15
Kolbaan hedduun dhufa Kiristoosii eegiisatti waan jirtuuf, “Yohaannis Masiihii te'innaa?” jettee mante.
16
Yohaannis, “Ani amma bisaaniin isin cuupha, ka ana caalu ammoo ana duubaan dhufaara. Ani hidhaa kophee isaa hiikiisaafille nama te'uu moti. Inni Ayyaana Woyyichaa fi ibiddaan isin cuupha.
17
Inni eeddummee ifii keessatti midhaan qulleessiisaaf wobanee harkatti qabateera; midhaan qulleessee gootara'atti hin galcha; huura ammoo ibidda hin dhaanneen guba” jedhe.
18
Yohaannis karaa adda addaa heddu'uun gorsa isaaniif kennaa, Oduu Gammadaa isaanitti lallabe.
19
Heroodisiin bulchaan, Herodiyaas niitii obboleessa ifii fuudhee, waan badduu hedduu dhibiille waan hujeeruuf Yohaannis isa xixe.
20
Heroodis waan badduu ittuma dabalee, Yohaannis mana hidha'aatitti galche.
21
Kolbaan mara cuuphanteen duuba Yesuusille cuuphame. Adoo inni daadimatiisatti jiruu ol-gubbaan banantee,
22
Ayyaanni Woyyichi bifa saphaliisaatiin dhufee isa irra bu'e. Ol-gubbaa irraa, “Ati Ilma kiyya jaallatama'a. Ani si'itti gammadeera” qoonqoon jettu dhage'ante.
23
Yesuus yennaa hujii jalqabu, dhalatee gara woggaa soddomaa ti. Kolbaan, ilma Yoseefii Eeli'ii isa seete.
24
Eeliin ka Maataa'aa, Maataan ka Leewwi'ii, Leewwiin ka Malki'ii, Malkiin ka Yaanaayii, Yaanaayii ka Yoseefii,
25
Yoseef ka Maataatiyaasii, Maataatiyaas ka Amosii, Amos ka Naahomii, Naahom ka Eslii, Esliin ka Naagee,
26
Naageen ka Maa'aatii, Maa'aati ka Maataatiyaasii, Maataatiyaas ka Seeme'ii, Seeme'i ka Yoosee'ee, Yooseen ka Yooda'aa,
27
Yoodaan ka Yo'anaanii, Yo'anaan ka Resaa, Resaan ka Zarubaabelii, Zarubaabel ka Salaati'elii, Salaati'el ka Nerii
28
Neriin ka Melkii, Melkiin ka Adii, Adiin ka Qosaamii, Qosaam ka Elmaadaamii, Elmaadaam ka Eerii,
29
Eer ka Yoshu'aa, Yoshu'aan ka Elii'ezaarii, Elii'ezaar ka Yooraamii, Yooraam ka Maataatii, Maataat ka Leewwii,
30
Leewwiin ka Simi'oonii, Simi'oon ka Yihuda'aa, Yihudaan ka Yoseefii, Yoseef ka Yoonaam, Yoonaam ka Eliyaaqimii,
31
Eliyaaqim ka Meleyaa, Meleyaan ka Maayinaanii, Maayinaan ka Maaxaataa, Maaxaataan ka Naataanii, Naataan ka Daawwitii,
32
Daawwit ka Iseyii, Iseyi ka Yoobeedii, Yoobeed ka Bo'azii, Bo'az ka Salmoonii, Salmoon ka Nahasoonii,
33
Nahasoon ka Aminaadaabii, Aminaadaab ka Aaraamii, Aaraam ka Arnii, Arni ka Hesromii, Hesrom ka Faaresii, Faares ka Yihuda'aa, Yihudaan ka Yaaqoobii,
34
Yaaqoob ka Yisihaaqii, Yisihaaqi ka Abrahaamii, Abrahaam ka Taara'aa, Taaraan ka Naahorii, Naahor ka Serugii,
35
Serugi ka Raagaawuu, Raagaawu ka Felegii, Feleg ka Eberii, Eber ka Shala'aa, Shalaan ka Qaayinaamii,
36
Qaayinaam ka Arfaakisaadii, Arfaakisaad ka Seemii, Seem ka Nohii, Nohi ka Laamekii, Laameki ka Matusaala'aa,
37
Matusaalaan ka Heenokii, Heenoki ka Yaaredii, Yaared ka Mahalaalelii, Mahalaaleli ka Qaayinaanii, Qaayinaan ka Enoshii,
38
Enoshi ka Sheetii, Sheeti ka Addaamii, Addaam ka Waaqaa ti.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24