bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Luke 8
Luke 8
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 9 →
1
Kanaan duuba adoo hin turin, Yesuus Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa lassaa lallabaa qachootaa fi olloota keessa ideeme. Barattooti isaa kudhanii lamaanii,
2
fi dubartooti gariin ta ayyaana hama'aa fi dhukkuba irraa fayyanelle isa woliin jiraniiyyu. Isaan san keessalle'ee Maariyaamii Magdalaa ta jedhantu, ta durriisoti torba keessaa baafame,
3
Yo'anaa niiti Kuuzaa mana Heroodisii tooyatuu, Susanaa fi dubartooti hedduun dhibiin ta karra ifiitiin Yesuusii fi barattoota isaa qarqaarane.
4
Yennaa gumiin hedduun qachaa adda addaatii Yesuus biratti wolitti qabante, inni itti mammaakee:
5
“Namichi tokko sanyii facaasiisaaf baye. Adoo inni facaasuu sanyiin gariin irga kara'aa buutee, irra ijjatante; sinbirrootille qocattee nyaate.
6
Sanyiin dhibiin lafa dhakittii irra buutee, yennaa mudhiisa jalqadde, biyyeen jiidha waan hin qanneef godde.
7
Sanyiin dhibiin qoree keessa buutee, qoreen woliin guddattee huute.
8
Sanyiin gariin biyyee dansaa keessa buute; lattee guddattee, tokkoon tokkoon isi'ii midhaan dachaa dhibba buutte” jedhe. Yesuus yennaa dubbii tana dubbatee fixe, “Gurra dhage'u ka qabu dhage'uuti!” jedhe.
9
Barattooti Yesuusii hiikkaa mammaasa kanaa isa gaafatane.
10
Inni deebisee, “Dhossaa mootummaa Waaqaa akka beettanu isiniif kennateerti; worra kaaniif ammoo adoo ilaalanuu akka hin dhaggine, adoo dhagganuu akka hin hubane, mammaassaan kennanti” jedhe.
11
“Hiikkaan mammaassaa kunoo kana: Sanyiin dubbii Waaqaa ti.
12
Sanyiin karaa irga buute, worra dubbii Waaqaa dhage'ee, durriisi ammoo dhufee akka isaan dhugeeffatanee ittiin hin fayyine, dubbii san gadhaa isaanii keessaa fudhatu.
13
Sanyiin lafa dhakitii irra buute, worra dubbii Waaqaa dhage'ee gammadaan fudhatu. Ammoo hidda waan hin qanneef, yennaa qofaaf dhugeeffatan; yennaan haga ilaalichaa yoo dhutte ammoo hin jigan.
14
Sanyiin qoree keessa buute, worra dhage'u; akkuma bulanee oolanuun ammoo yaaddoon, karraa fi gammachuun jiruu lafa tanaa isaan huutee, midhaan isaanii ijjumaa hin sibu.
15
Sanyiin biyyee dansaa keessa buute, worra dubbii dhage'ee gadhaa qajeela'aa fi dansa'aan jabeessee qabatee, ciniinnatee ossiisaan midhaan buusu.
16
“Eennulle ifa issee, gonbisaa jala yookiin taqee jala hin keyu; worri gara manaa seenu akka ifa dhagguuf waan issaan irra keyamu irra keya.
17
Wonni dhokate ka hin mudhanne hin jiru, wonni buqame ka hin beekkannee fi gara ifaa hin baane hin jiru.
18
“Tanaaf akka itti dhageettanu ifi eeggadha'a! Ka qabuuf ede'antee kennanti, ka hin qanne ammoo wonni inni hin qaba jedhee yaadatu diqqoon sunuu irraa fudhatanti” jedhe.
19
Haatii fi obboleeyyan Yesuusii gara isaa dhufane; ammoo sababa gumi'iitiif isa bira geyiisa hin dadeenne.
20
Nami tokko Yesuusiin, “Haati teetii fi obboleeyyan teeti si dhaggiisaaf barbaadanee ala dhaabbatan” jedhe.
21
Yesuus ammoo deebisee, “Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya worra dubbii Waaqaa dhage'ee hujii irra oolchu” isaaniin jedhe.
22
Gaafa tokko Yesuus barattoota ifii woliin hoboloo yaabee isaaniin, “Ka'aa gara abbaaya'aan gamaa buunaa” jedhe. Maarre isaan deemiisaaf ka'ane.
23
Adoo isaan hobolo'oon bu'iisatti jiranuu, Yesuus rafe. Dedhuma bubbeen gara abbaaya'aa gad bubbittee, hoboloon bisaaniin guutamiisa jalqaddee jennaan, buutoo hantuu afaan bu'ane.
24
Barattooti gara Yesuusii dhaqanee dammassanee, “Barsiisaa, barsiisaa! Kunoo dhumataarra!” jedhaneen. Inni dammaqee bubbe'ee fi danbalii xixe; bubbe'ee fi danbaliin bisaaniille cadhisanee, cadheessi guddaan te'e.
25
Achiin duuba inni barattootaan, “Dhugeeffannaan teessan meeti?” jedheen. Isaan ammoo sodaatanee baaseffatanee, wol woliin, “Nami kun eennu? Inni bubbe'ee fi danbalii hin ajaja, isaanille isaaf hin ajajaman!” jedhane.
26
Yesuusii fi barattooti isaa Abbaayyaa Galiila'aatiin gama, gara biyya Gergeesa'aa hobolo'oon bu'ane.
27
Akkuma Yesuus qarqara bisaaniititti bu'een, namichi qachaa sanii, ka durriisaan qabameeru tokko itti dhufe. Namichi kun yennaa hedduu woyaa hin uffatu, manalle hin le'u, ammoo yennaa hedduu goda awwaalaa keessa le'a.
28
Inni yennaa Yesuus dhagge, miila isaa duratti jigee, guddisee iyyee, “Ee Yesuus, Ilma Waaqa Ol Aana'aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, na hin rakkisin!” jedhe.
29
Waan Yesuus akka ayyaanni hamaan namicha keessaa bayu ajajeeruuf, inni akkana jedhe. Yennaa hedduu ayyaanni hamaan waan itti ka'uuf, wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa eegamulle, hidhaa san kukkutaa, hunna ayyaana hama'aatiin gara goomole'ee oofamaa ture.
30
Yesuus, “Maqaan keeti eennu?” jedhee isa gaafannaan, durriisoti bacaan waan itti galaneeranuuf, inni deebisee, “Maqaan kiyya duula” jedhe.
31
Durriisoti gara bowwaa qile'ee akka isaan hin ergine Yesuus kadhatane.
32
Roga gooroo sanii gubbaa, booyyoti hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. Maarre durriisoti gara booyyotaa akka galanuuf, Yesuus akka eeyyamu kadhatane; innille isaaniif eeyyame.
33
Durriisoti namicha keessaa bayanee booyyotatti galane. Booyyoti sun martinuu roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante.
34
Worri booyyee tissanu yennaa waan te'e kana dhagge'ane, baqatanee worra qacha'aatii fi biyya saniititti odeessane.
35
Kolbaan waan te'e san dhaggiisaaf, yennaa gara Yesuusii dhutte, namichi durriisi keessaa baye woyaa uffatee qalbiin itti deebitee, miila Yesuusii bira tee'eeruun dhaggitte martinuu sodaatte.
36
Namichi attam akka itti fayye worri dhaggane kolba'atti himane.
37
Achiin duuba kolbaan biyya Gergeessa'aa martinuu akka malee waan sodaatteef, Yesuus akka isaan lakkisee deemuuf gaafatte. Maarre Yesuus hoboloo yaabee achii deeme.
38
Namichi durriisoti keessaa bayane, “Si woliin deemuu?” jedhee Yesuus kadhate. Yesuus ammoo,
39
“Gara mana keetii deebi'ii, waan Waaqi si'iif godhe himi” jedhee isa erge. Namichi waan guddoo Yesuus isaaf godhe himaa, qachaa keessa deeme.
40
Yennaa Yesuus gara abbaaya'aan gamaa deebi'e, isaan martinuu waan isa eegiisatti jiranuuf, kolbaan isa fudhatte.
41
Achiin duuba namichi Yaayiroos jedhamu, bulchaan mana Waaqeffannaa Yihudoota tokko dhufee, miila Yesuusii jalatti jigee akka inni gara mana isaa dhaquuf kadhate.
42
Sababille intalti isaa takkattiin inni qabu, ta woggaa kudhanii lamaa, du'iisa geetteertiiyyu. Adoo Yesuus dhaqiisaaf karaa irra jiruu, kolbaan gara maraan isa dhiphitte.
43
Dubartittiin woggaa kudhanii lamaaf dhiigi dhaabbatuu didee rakkataa turte takka achi jirti; waan qaddu maraa cidheeyyi'itti fixxe; eennulle ammoo isii fayyisu'uuf hin dandeenne.
44
Isiin duuba Yesuusiitiin dhuttee handaara woyaa isaa tuxxee, dhiigi isi'ii ka jigu yoosuma dhaabbate.
45
Yesuus, “Ka ana tuqe eennu?” jedhee gaafate. Nami martinuu mormannaan, Pheexroos, “Barsiisa'a, kolbaan marti si dhiphittee, si dhiibiisatti jirti” jdhe.
46
Yesuus ammoo, “Hunni fayyittu na keessaa akka baate ani waan beekuuf, nami tokko na tuqeera” jedhe.
47
Dubartittiin akka dhokattee hafaa hin jirre dhaggitee, rorommaa dhuttee miila Yesuusiititti jidde. Achiin duuba maaf akka isa tuxxee fi yoosuma attam akka fayyite kolbaa duratti itti hinte.
48
Yesuus isi'iin, “Intala tiyya dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi” jedhe.
49
Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, nami tokko mana Yaayiroosii bulchaa Mana Waaqeffannaa Yihudootaatii dhufee, “Intalti teeti duuteerti. Yoona barsiisaa hin rakkisin” jedhe.
50
Yesuus ammoo yennaa waan kana dhage'e Yaayiroosiin, “Hin sodaatin; dhugeeffadhu malee, intalti teeti hin fayyiti” jedhe.
51
Yesuus mana Yaayiroosii bira yennaa geye, Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, abba'aa fi haadha intalaa malee eennulle isa woliin akka seenuuf hin eeyyanne.
52
Namooti achi jiranu martinuu intalaaf booyanee wiiccifatane. Yesuus ammoo, “Hin booyina'a; intalti rafiisatti jirti malee, hin duune” jedhe.
53
Isaan akka intalti duuteertu waan beekanuuf, marti isaaniituu itti kollane.
54
Yesuus ammoo harka isi'ii qabee, “Intala, ka'i!” jedhee waame.
55
Lubbuun isi'ii itti deebitee, yoosuma ol kaate; Yesuus ammoo waan nyaattu akka isi'iif kennanu isaan ajaje.
56
Worri isi'ii maalalfatane; Yesuus ammoo waan te'e kana eennulle'etti akka hin hinne isaan ajaje.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24