bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Luke 14
Luke 14
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 15 →
1
Guyyaa Sanbataa tokko, Yesuus sagalee nyaatiisaaf, gara mana sooreyyii Fariisaayota keessaa tokkochaa dhaqe; worri achi jiranu isa gaadiisatti jiraniiyyu.
2
Namichi nafi isaa iitoweeru tokko fuula isaa dura jiraayyu.
3
Yesuus, “Guyyaa Sanbataatiin fayyisuun seeraa moo seera moti?” jedhee barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota gaafate.
4
Isaan ammoo cadhisane. Yesuus namicha qabee fayyisee galche.
5
Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Isin keessaa nami tokko, ilmi isaa yookiin qotiyyoon isaa yoo boolla keessa bu'e, yennuma san guyyaa Sanbataatiin ka hin baanne eennu?” jedhe.
6
Isaan ammoo tanaafille deebii kennuu hin dandeenne.
7
Yesuus keessumooti addee ulfinnaa filattuun yennaa dhagge, itti mammaakee,
8
“Yennaa nami tokko gara jila fuudhaa fi heerumaa si waame, addee ulfinnaa hin tee'in, nami si caalu waamameera fa te'a.
9
Abbaan isin lamaanuu waame sun dhufee, ‘Addee tana namicha kanaaf lakkisi’ yoo si'iin jedhe, qaanowaa addee namichaaf lakkittee, addee gadee dhaxxee hin teetta.
10
Ati ammoo yennaa waamante, abbaan si waame sun dhufee, ‘Jaala kiyya, as addee tanatti ol dabar’ akka si'iin jedhuuf, dhaqiitii addee gadee tee'i. Yennaa san worra waamame san mara duratti ulfinna hin dhaggatta.
11
Nami ifi guddisu maraa hin diqqaata, nami ifi diqqeessu maraa hin guddata” jedhe.
12
Achiin duuba Yesuus namicha isa keessummeesu'uuf waameen, “Sagalee guyya'aa yookiin sagalee galgalaa yennaa gootu, jaalolee teeti yookiin obboleeyyan teeti yookiin firoottaan keeti yookiin dureeyyii ollaa keetii hin waamin; yoo waante, isaanille deebisanee si waamanee, deebittee hin kaffalta.
13
Ati ammoo yennaa jila gootu, worra hiyyeessa, worra naafa, worra hokkola'aa fi worra ballaa waami!
14
Ati hin eebbiffanta; isaan waan si'iif deebisanu hin qabanu, Waaqi ammoo guyyaa du'aa ka'a balchoole'eetitti si'iif hin deebisa” jedhe.
15
Keessummoota qori'itti hiiqanee tee'ane kessaa tokkochi, kana yennaa dhage'e Yesuusiin, “Mootummaa Waaqaatitti jilaaf ka tee'u ka badhaadhe!” jedhe.
16
Yesuus isaan, “Namichi tokko jila guddoo godhee keessummoota hedduu waame.
17
Yennaan jilaa yennaa geette, ‘Wonni maraa qophoyeera, koya'a!’ jedhee worra waamametti akka himuuf tajaajilaa ifii itti erge.
18
Isaan martinuu ammoo waan itti aalatanu himatiisatti ka'ane. Ka matoomaa, ‘Lafa bitadheera, dhaqee ilaalu'uu male; maganne'e na hin kajeelin!’ jedheen.
19
Kuun, ‘Qotiyyoo ximmaadii shan bitadheera, qotiisaa fi qotiisa dhabuu isaanii ilaaliisaaf kunoo kara'atti bayeera; maganne'e na hin kajeelin!’ jedheen.
20
Ka dhibiin, ‘Ani waajiba waan te'eef, dhaqqabee hin dhufu’ jedheen.
21
Maarre tajaajilaan galee goottaa ifiititti waan kana hime. Abbaan jilaa aaree tajaajilaa ifiitiin, ‘Ariifadhuu gara karaa gugurda'aatii fi xurree qachaa keessaa dhaqiitii worra hiyyeessa, worra naafa, worra balla'aa fi worra hokkolaa fidi!’ jedhe.
22
Tajaajilaan, ‘Gootta'a, waan ati ajajje maraa muummesseera, ammoo ammalle addeen hin jirti!’ jedheen.
23
Maarre goottaan tajaajila'aan, ‘Gara kara'aatii fi xurre'ee dhaqiitii, akka manni kiyya guutuuf kolbaan akka dhuttu tolchi!.
24
Ani isinitti hima, worra duraan waamame keessaa tokkolle sagalee tiyya ta galgalaa afaaniin hin qabu!’ jedhe” jedheen.
25
Gumiin guddoon adoo isa woliin ideentuu, Yesuus itti garagalee,
26
“Nami gara kiyya dhufu, abba'aa fi haadha ifii, haadha manaatii fi ijoollee ifii, obboleeyyanii fi obboleettota ifii, jiruu ifiille ana caalaa ka jaallatu yoo te'e, barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u.
27
Fannoo ifii ba'atee ka ana hin hordonne, barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u.
28
“Isin keessaa nami mana dhaka'aa ijaaruu barbaadu, duraan dursee beesee ittiin ijaaree fixu akka qabu beekiisaaf, tee'ee ka gatii hin herrenne eennu?
29
Yoo akkas hin te'in, hundee buusee fixiisa ammoo yoo dadhabe, worri kana dhaggu maraa itti kolla;
30
‘Ilaa, namichi kun ijaarsa jalqabee fixiisa ammoo dadhabe’ jedha.
31
Yookiin mootiin loltoota kuma kudhan qabu, mootii loltoota kuma diddama qabu woliin loliisaaf ka duulu tokko, duraan dursee gad tee'ee ka hin mari'anne kam?
32
Yoo hin dandeenne te'e, mootichi isa loliisaaf ka'e sun adoo fagoo jiruu ergantoota ifii itti ergee nageya buusiisaaf hin kadhata.
33
Akkasuma, eennulle isin keessaa qabeenna ifii mara ka hin lakkinne barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u” jedhe.
34
“Sooddi waan dansa'a, ammoo yoo kuraa ifi keessaa dhabe, attamiin deebi'ee kurowa ree?
35
Lafaaf yookiin kosii tuulantuufille hin te'u; alatti hin gatama. Gurra dhage'u ka qabu dhage'uuti!” jedhe.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24