bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Luke 23
Luke 23
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 24 →
1
Achiin duuba worri kora murti'ii san keessa jiranu duudiin ol ka'anee, Yesuus Philaaxoos dura dhikeessane.
2
Isaan, “Namichi kun kolbaa teenna jallisiisee, mootii worra Rooma'aatiif gibra gabbaruu dhooggee, ani Masiihii mooti'i ifiin jedhuun qanneera” jedhaa isa himatiisatti ka'ane.
3
Philaaxoos, “Mootiin Yihudootaa si'ii?” jedhee isa gaafate. Yesuus deebisee, “Maarre atuu jette” jedhe.
4
Achiin duuba Philaaxoos mootota hayyootaatii fi gumi'iin, “Ani nama kana irratti yakkaa tokkolle hin dhaggine” jedhe.
5
Isaan ammoo, “Inni biyya Yihuda'aa mara keessatti, Galiila'aa jalqabee haga asiitittille barsiisaa kolbaa teenna raasiisatti jira” jedhanee itti jabeessane.
6
Philaaxoos tana yennaa dhage'e, nama Galiila'aa te'uu isaa gaafate.
7
Yesuus biyya Heroodis bulchu keessaa akka te'e yennaa hubate, gara Heroodisii isa erge; yennaa san Heroodis biyya Yerusaalemii keessa jira.
8
Heroodis yennaa hedduu dhaggiisaaf waan barbaadaa tureeruuf, yennaa Yesuus dhagge guddoo gammade. Marroo isaa waan dhage'eeruuf, bilbaasa garii inni hujuun dhaggiisaaf addateera.
9
Heroodis gaaffii hedduu isa gaafate, inni ammoo womaa hin deebinne.
10
Moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee achi dhaabbatanee, jabeessanee isa himatane.
11
Heroodisii fi loltooti isaa Yesuus salphisanee itti taphatane. Achiin duuba woyaa dansaa itti uffisanee gara Philaaxoosii deebisanee ergane.
12
Heroodisii fi Philaaxoos ka duraan wolii diina te'anee turane, gaafuma san wolii jaalomane.
13
Philaaxoos mootota hayyootaa, sooressitootaa fi kolbaa waamee,
14
“Namichi kun kolbaa jallisiisa jettanee, qaddanee gara kiyya fiddane; anille isinuma duratti isa qoree, waan isin isa himattane keessaa yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine.
15
Heroodisille waan yakkaa isa irraa dhabeef deebisee nutti ergeera; akkuma dhaggitanu, waan muraa du'aatiin isa geyu tokkolle hujee hin jiru.
16
Tanaaf dhaansiisee isa gad lakkisa” jedhe.
17
[Philaaxoos wogguma wogga'aan yannaa Jila Irra Dabaramaa worra hidhamane keessaa nama tokkocha kolba'aaf hiiku'uu male.]
18
Gumiin duudiin, “Namicha kana balleessi! Barabbaa nu'uuf hiiki!” jettee itti hogitte.
19
Barabbaan qachaa keessatti waan nageya booresseeruu fi nama ijjeeseeruuf mana hidha'aatitti hidhamee ture.
20
Philaaxoos Yesuus hiikiisaaf fedhee, ammalle gumi'iin dubbate.
21
Isaan ammoo, “Isa fannisi! Isa fannisi!” jedhanee ittuma hogisane.
22
Philaaxoos sadeessoo, “Maaf? Maan balleesse? Yakkaa muraa du'aatiin isa geettu isa irratti ani hin dhaggine. Tanaaf dhaansisee isa hiika” isaaniin jedhe.
23
Isaan ammoo, akka inni fannifamuuf qonqoo guddo'oon ittuma jabeessanee kadhatane; hogaan isaaniille milkowe.
24
Maarre gaaffii isaaniitiif deebii kenniisaaf, Philaaxoos muraa kenne.
25
Namicha nageya booressiisaa fi nama ijjeesiisaan hidhameeru, ka kolbaan gaafatte hiikee, akka fedha isaanii Yesuus dabarsee isaanitti kenne.
26
Adoo Yesuus geessanuu, nama biyya Qareena'aa ka Simoon jedhamu tokko baadiyya'aa galuun qabanee, muka fanno'oo ba'atee Yesuus faana akka deemuuf irra keyane.
27
Gumiin guddoon Yesuus hordotte; gumii san keessa dubartooti qoma dhowataa isaaf boottulle jirti.
28
Yesuus ammoo gara isaanii garagalee, “Dubartii Yerusaalemii, ifii fi ijoollee teessaniif booya'a malee, anaaf hin booyina'a!
29
Sababille guyyooti isaan, ‘Maseenni, gadaammessi ijjumaa hin deyinii fi harmi hin hoosisin ka badhaadhane’ jedhanu hin dhufan.
30
Yennaa san isaan gaarotaan, ‘Nu irratti jiga'a!’ koobotalle'een, ‘Nu dhossa'a!’ hin jedhan.
31
Adoo muki bisile'eetuu yoo akkasi godhane, yennaa muki goge attam godhan ree?” jedhe.
32
Namoota yakkaameyyii lamaan dhibiille, ijjeesiisaaf Yesuus woliin geessane.
33
Addee “Buqqii Mata'aa” jedhantu yennaa geyane, achitti Yesuus fannisane; yakkaammeyyiille tokkocha midda isaatitti, kaan bitaa isaatitti fannisane.
34
Yesuus ammoo, “Abba'a, isaan waan godhiisatti jiranu waan hin beenneef, isaaniif araarami!” jedhe. Isaan carraa buufatiisaan woyaa isaa qoodamane.
35
Kolbaan achi dhaabbattee ilaaliisatti jirtiiyyu; bulchitootille itti taphatanee, “Inni worra dhibii fayyiseera; Masiihii Waaqi filate yoo te'e ifi fayyisuu ti!” jedhane.
36
Loltootille itti taphatanee, daadhii woyni'ii dhangaggoottuu isaaf kennanee,
37
“Ati mootii Yihudootaa yoo teete, ifi fayyisi!” jedhane.
38
Barreeffam, “Kun Mootii Yihudootaati” jedhu mataa isaatiin gubbaa jiraayyu.
39
Yakkaammeyyii achitti fannifamane keessaa tokkochi, “Ati Masiihii motii? Ifi fayyisi, nulle fayyisi!” jedhee isa arrasse.
40
Yakkaammessi kuun ammoo, “Atille akkuma namicha kanaa muraa fudhatteerta, Waaqumalle hin sodaattuu ree?” jedhee isa xixe.
41
Achiin duuba, “Nuuti waan hunyeef waan dhaggatu'uu malle waan dhaggataarruuf, dhuguma nutti murame; inni ammoo womaa hin yakkine!” jedheen.
42
Achiin duuba Yesuusiin, “Yesuus, mootummaa teetiin yennaa dhuttu na qaabbadhu!” jedhe.
43
Yesuus deebisee, “Dhugumaan ani sitti hima, adhuma ana woliin addee gammadaa keessa hin jiraatta” jedheen.
44
Orraa gara sa'aatii jaatitti aduun ifa waan dhaddeef, latti duudiin dukkanoottee, haga sa'aatii sagalii turte. Gollaan Galma Waaqaalle addee lamatti tarsa'e.
46
Yesuus qoonqoo guddo'oon, “Abbaa kiyya, ani ayyaana kiyya harka keetitti kennadha!” jedhe. Inni kana jedhee du'e.
47
Ajajaan dhibbaa waan te'e kana yennaa dhagge, “Namichi kun dhugumaan nama balcha'a” jedhee Waaqa galateeffate.
48
Gumiin ilaaliisaaf achitti wolitti qabanteertu maraa waan te'e yennaa dhaggite, gaddaan qoma ifii dhodhowataa gara mana ifii galte.
49
Worri isa beekanu maraa fi dubartooti Galiilaa irraa isa hordofane ammoo fagoo dhaabbatanee, waan kana ilaaliisatti jiraniiyyu.
50
Namichi dansa'aa fi balchaan, ka mootummaa Waaqaa eeggatiisatti jiru, ka biyya Yihudootaa qachaa Armaatiya'aa keessaa dhufe, ka Yoseef jedhamu tokko jira. Inni miseensa kora murti'ii te'ulle mura'aa fi hujii isaaniititti wolii hin galin ture.
52
Inni gara Philaaxosii dhaqee reeffa Yesuusii kadhate.
53
Achiin duuba reeffa gad buusee woyaa qoolaan maree, boolla awwaalaa ka dhakaa keessatti bocamee qophoyeeru, ka nami ijjumaa itti hin awwaalamin keessatti awwaale.
54
Guyyaan sun guyyaa Qophi'ii ti, Sanbatille seeniisaaf dhikaatera.
55
Dubartooti Galiilaa irraa Yesuus woliin dhufane, Yoseef faana deemanee addee awwaalaatii fi akka reeffi Yesuusii itti awwaalame dhaggane.
56
Achiin duuba gara manaa debi'anee uddowa'aa fi fiqiree qopheessane. Guyyaa Sanbataa akka Seerri ajajutti foorfatane.
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24