bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Luke 17
Luke 17
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 18 →
1
Yesuus barattoota ifiitiin, “Wonni kolbaa gufachiisu dhufuu hin dhaddu; ammoo nama guffachiisu saniif aanne'e!
2
Worra didiqqaa kana keessaa tokkocha guffachiisu'uu mannaa, dhakaan daaku'uu morma isaatitti hidhamee abbaayaa guddo'otti adoo gatamee isaaf woyya.
3
Maarre isin ifi eeggadha'a; obboleessi keeti yoo si yakke, jabeessii gorsi; yoo inni yakka ifii irraa deebi'e isaaf araaram.
4
Guyya'atti yennaa torba si yakkee, guyya'atti yennaa torba deebi'ee gara keeti dhufee, ‘Ani yakka irraa deebi'eera’ yoo si'iin jedhe isaaf araaram” jedhe.
5
Ergantooti Gootta'aan, “Dhugeeffannaa teenna ede'i” jedhane.
6
Goottaan deebisee, “Dhugeeffannaa haga midhaan sanaafici'ii geettu adoo qabaattanee, qilxaa kanaan, ‘Hiddaan buqqa'ii abbaayaa guddoo keessatti dhaabami!’ yoo jettane, innille isiniif hin ajajama” jedheen.
7
Yesuus, “Isin keessaa nami tokko tajaajilaa qotii qotu yookiin hoolee tissu yoo qabaate, tajaajilaan sun addee huji'iitii yennaa galu, ‘Koy as tee'ii sagalee nyaadhu!’ hin jedhaanii?
8
Addee tana jedhu, ‘Sagalee anaaf qopheessii, haga ani nyaadhee unutti woyaa teeti marxifadhuu anaaf ergami! Achiin duuba atille hin nyaata hin unta’ hin jedhaanii motii?
9
Inni, tajaajilaa kana waan inni isa ajaje waan muummesseef hin galateeffataa?
10
Maarre isinille waan ajajantane maraa yennaa muummessitane, ‘Nuuti tajaajiltoota woy hin baane; nuuti waan tolchu'uu malle callaa tolchine’ jedha'a!” isaaniin jedhe.
11
Yesuus adoo Yerusaalem dhaquu, meessaa Samaariya'aatii fi Galiila'aatiin dabare.
12
Adoo inni gara ollaa tokkoo seeniisatti jiruu, namooti kudhan ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dhibamaneeranu tokko itti dhufane. Isaan fagoo dhaabbatanee,
13
qonqoo guddo'oon, “Yesuus! Gootta'a! Nuu nayi!” jedhaneen.
14
Yesuus yennaa isaan dhagge, isaaniin, “Dhaqa'aatii hayyootatti ifi mudhisa'a!” jedhe. Isaan adoo dhaqiisatti jiranuu fayyane.
15
Isaan keessaa tokochi akka fayye yenna dhagge, qonqo'oo guddo'oon Waaqa galateessaa, deebi'ee dhufe.
16
Miila Yesuusiititti jigee isa galateeffate; inni nama Samaariya'aa ti.
17
Yesuus, “Namooti kudhanuu fayyanee motii? Nami sagali meeti ree?
18
Namicha orma kana malee, nami Waaqa galateeffatiisaaf deebi'e hin jiruu?” jedhee gaafate.
19
Achiin duuba Yesuus namichaan, “Ol ka'ii deemi; dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti” jedhe.
20
Worri Fariisaayotaa gariin mootummaan Waaqaa yoom akka dhuttu Yesuus gaafatane. Inni deebisee, “Mootummaan Waaqaa karaa nami eeguun hin dhuttu.
21
Eennulle, ‘Ilaa, as jirti!’ yookiin, ‘Achi jirti!’ hin jedhu; sababille, mootummaan Waaqaa isin keessa jirti” jedhe.
22
Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, “Yennaan isin guyyoota Ilma Namaa keessaa, guyyaa tokko dhaggiisaaf halchitanu hin dhutti, ammoo hin dhaggitanu.
23
Namooti isiniin, ‘Kuunnoo achi jirti!’ yookiin ‘Kunoo asi jirti!’ hin jedhan. Isin ammoo hin dhaqina'a; faanalle hin fiigina'a!
24
Akkuma balaqqeettiin gubba'aa balaqqittee gara tokkoo haga gara kaaniititti issitu, guyyaa Ilmi Namaa dhufu akkasuma hin te'a.
25
Ammoo kanaan dura, Ilmi Namaa dhaloota kanaan guddoo rakkatu'uu fi jibbamuu qaba.
26
“Bara Nohiititti akkuma te'ee, bara Ilma Namaatittille akkasuma hin te'a.
27
Haga guyyaa Nohi hoboloo guddo'otti galuutitti, kolbaan nyaataa unaa, fuudhaa heerumaa turte, bisaan badi'iille dhufee isaan maraa balleesse.
28
Bara Looxiille akkuma kana te'e; kolbaan nyaataa unaa, bitataa gurgurataa, midhaan dhaabaa, ijaarrataa turte.
29
Guyyaa Looxi Sodoomii baye ammoo, ibiddii fi dhakaan bobe'u ol-gubba'aa roobee isaan maraa fixe.
30
Guyyaa Ilmi Namaa mudhatuttille akkasuma hin te'a.
31
“Guyyaa san nami mana gubbaa jiru, ka meyi isaa mana keessa jiru, fudhatiisaaf gad bu'ee gara manaa hin deebi'in.
32
Haadha manaa ta Looxii qaabbadha'a!
33
Nami jiruu ifii fayyifatiisaaf barbaadu jiruu ifii hin dhaba; nami jiruu ifii dhabu ammoo jiruu ifii hin fayyifata.
34
Ani isinitti hima, halkan san nami lamaan taqee takkattii irra hin rafa, tokkochi hin fudhatama, kuun ammoo hin hafa.
35
Dubartiin lamaan woliin daakuu daatti, takkattiin hin fudhatanti, tuun ammoo hin hatti.
36
[Nami lamaan fichaa tokko keessa hin jiraata, tokkochi hin fudhatama, kuun ammoo hin hafa] ” jedhe.
37
Barattooti isaa, “Gootta'a, eessatti?” jedhanee gaafatane. Yesuus deebisee, “Addee reeffi jirutti allaatiin yaati” jedhe.
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24