bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Luke 12
Luke 12
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 13 →
1
Yennaa san gumiin kuma heddu'utti laakkowwantu haga wol irra i'ijjattutti yennaa wolitti qabante, Yesuus dursee barattoota ifiitiin, “Uukoo worra Fariisaayotaa, jechuun kijiba isaanii irraa ifi eegadha'a.
2
Wonni gollaa jiru maraa hin mudhata, wonni dhossaa jiru maraa hin beekkama.
3
Tanaaf wonni isin dukkana keessatti dubbattane, ifa guyya'aatitti baayee hin dhage'ama, wonni isin diinqa cufamaa keessatti qofuu haasottane guutuu manaa irratti hin lallabama” jedhe.
4
“Jaallan tiyya, ani isinitti hima; worra isin ijjeesee ammoo waan badduu dhibii tana caalaa hujuu hin dandeenne hin sodaatina'a.
5
Ani ka sodaatiisaa maltane isinitti mudhisa: Ka ijjeeseen duuba, ibidda bara baraatitti gatiisaaf baallii qabu, Waaqa sodaadha'a. Ee, ani isinitti hima isa callaa sodaadha'a!
6
“Sinbirrooti didiqqoon shanan saantimii lamaanitti gurgurantii motii? Te'uu malee isaan san keessaa takkattiin Waaqa duratti dedhantee hin jirtu.
7
Rifeensi mataa keessaniituu maraa laakkowameera. Maarre hin sodaatina'a; isin sinbirroota didiqqoo san caalaa gatii guddoo qaddan.
8
“Ani isinitti hima, eennulle nama dhibii duratti ka anaaf dhugaa bayu, Ilmi Namaalle ergantoota Waaqaa duratti akkasuma isaaf dhugaa baya.
9
Ammoo nama duratti ka ana mormatu, ergantoota Waaqaa duratti hin mormatama.
10
Eennulle Ilma Namaa mormee dubbii ka dubbatu araara hin dhaggata; ammoo eennulle Ayyaana Woyyicha mormee ka faanshessu araara hin dhaggatu.
11
“Yennaa isaan Mana Waaqeffannaa Yihudootaatitti, bulchitoota fi worra baallii qabu duratti, murti'iif isin geessane, attam akka falmattanu yookiin maan akka dubbattanu hin yaadina'a.
12
Yennuma san Ayyaanni Woyyichi waan isin dubbatu'uuf maltane isin barsiisa” jedhe.
13
Gumii keessaa nami tokko, Yesuusiin, “Barsiisa'a, dhaala abbaa keennaa, akka anaaf qoodu obboleessa kiyyatti himi” jedheen.
14
Yesuus deebisee, “Jaali, akka ani isin irratti abbaa mura'aa yookiin qoodduu dhaalaa te'u eentu ana foye?” jedhe.
15
Itti aansee inni isaan maraanuu, “Jireenni namaa baceenna karraatiinii moti; tanaaf ilaalladha'a, joljolummaa maraa irraa ifi eegadha'a” jedhe.
16
Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, “Namichi dureessi ka fichaa midhaan hedduu baase qabu tokko jira.
17
Inni ‘Addee midhaan kiyya kana mara itti galchu hin qabu. Maan godha?’ jedhee yaadate.
18
‘Akkana godha’ ifiin jedhe; ‘Gootaraa kiyya maraa diigee ka dhibii gugurdaa ijaara, achitti midhaan kiyyaa fi meya kiyya ka dhibii maralle galfadha.
19
Achiin duuba ani ifiin, Waan dansaa woggaa heddu'uuf sii barbaachisu mara hin qadda; foorfadhu, nyaadhu, uni, ifi gammachiisi!’ jedha.
20
Waaqi ammoo isaan, ‘Ati gowwa'a! Edanuma tana lubbuun teeti fudhatanti; waan ati ifiif kuufatteertu kana mara eentu fudhata?’ jedhe.
21
“Nami lafa tana irratti ifiif karra kuufatu, Waaqa duratti ammoo ka dureessa hin te'in akkasuma te'a” jedhe.
22
Yesuus barattoota ifiitiin, “Maarre ani isinitti hima, jireenna keessaniif maan nyaanna yookiin nafa keessanitti maan uffanna jettanee hin yaadina'a.
23
Jireenni nyaata caalaa, nafi woyaa caalaa guddoo barbaachisa'a.
24
Me harraaqessoota ilaala'a: isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee hin galchanu; addee midhaan itti galchanu yookiin gootaraa hin qabanu; Waaqi isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota caaltan!
25
Isin keessaa nami tokko haga fedhe itti yaadee le'ii ifii diqqumalle ka dheereffatuu dande'u eennu?
26
Yoo waan diqqoo akkanaa kanaayyuu dandeettanee hin goone, maaf marroo waan dhibi'iitiif yaaddan ree?
27
Daraaroti attam akka guddatanu ilaala'a: Isaan hin hujatanu yookiin woyaa ifiif hin dhowatanu. Ammoo ani isinitti hima, Solomooniin mootichinuu ulfinna ifii maraan woyaa akka daraaroota sanii dansitii hin uffanne.
28
Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas seesee itti uffise, isin fa'a attam calchisee ufisuu dhaba. E, isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo!
29
“Tanaaf ‘Maan nyaanna? Maan unna?’ jedhaa yaadaan hin rakkatina'a.
30
Kolbaan lafa tanaalle waan kana dhaggatiisaaf itti yaadaa rakkatti. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubba'aa hin beeka.
31
Addee tanaa, mootummaa Waaqaa barbaada'a, tun marti isiniif hin dabalanti.
32
“Gumii diqqo'o, Abbaan keessan mootumaa ifii isinii kenniisaaf waan jaallateeruuf, hin sodaatina'a.
33
Waan qaddanu mara gurgura'aatii beesee worra hiyyeeyyi'iif kenna'a. Subba beese'ee ka hin dulloonne qopheeffadha'aatii beesee teessan addee hattuun hin dhaqqannee fi biliin hin balleessine ol-gubba'atti maffadha'a.
34
Addee beeseen teessan jirtu gadhaan keessanille hin jiraata” jedhe.
35
Yesuus itti aansee, “Huji'iif hidhadha'aatii qophowa'a, ifa keessanille iffadha'a!
36
Tajaajiltoota goottaan isaanii jila fuudhaatii deebi'u eegatanu fakkaadha'a. Yennaa inni dhufee balbala dhodhowe, isaan yoosuma hin banan.
37
Tajaajiltooti goottaan isaanii yennaa deebi'u dammaqaneeranuun dhaggu, ka eebbiffamane. Ani dhugumaan isiniin jedha, inni woyaa ifii caccaffatee, addee nyaataa isaan teessisee hin areera.
38
Halkan wodhakkaa yookiin fuullee bari'ii yoo dhufelle, worri qophowaneeranuun inni dhaggu ka eebbifamane!
39
Ammoo tana beeka'a: abbaan manaa sa'aatii hattuun itti dhuttu adoo beekee, hattuun mana isaa cassitee akka seentuuf hin lakkisu.
40
Ilmi Namaalle sa'aatii isin isa hin eennetti waan dhufuuf, isinille qophowa'aatii eegadha'a!” jedhe.
41
Pheexroos, “Gootta'a, mammaassa kana nu'uuf dubbatta moo yookiin nama maraafuuyyu?” jedhee gaafate.
42
Goottaan deebisee, “Tajaajilaan addatama'aa fi qaroon, ka goottan isaa akka inni maatii isaa siri'itti bulchuu fi tajaajiltoota isaatiif sagalee yenna'aan akka kennuuf itti gaafatamummaa kennu kam ree?
43
Tajaajilaan goottaan isaa yennaa deebi'ee dhufu akkanuma hojjatiisatti jiruun dhaggu sun ka eebbifame!
44
Dhugumaan isiniin jedha, goottaan tajaajilaa san karra ifii mara irratti itti gaafatamaa hin godha.
45
Ammoo tajaajilaan sun, ‘Goottaan kiyya dafee hin dhufu hin tura’ jedhee yaadatee, nyaataa unaa, machowaa tajaajiltoota dhiiraatii fi dubarti'ii dhaaniisatti yoo ka'e,
46
goottaan isaa guyyaa inni hin eennee fi sa'aatii inni hin beennetti deebi'ee hin dhufa, isa hin ciccira, qooda isaalle warra hin dhugeeffanne woliin godha.
47
“Fedhii goottaa ifii adoo beekuu tajaajilaan hin qopheeffanne, yookiin ajaja goottaa ifii hin muummessine akka malee hin dhaanama.
48
Ammoo tajaajilaan fedhii goottaa ifii beekuu dhabiisaan, waan isa dhaansisu yoo huje, diqquma dhaanama. Nama waan guddoo itti kenname irraa waan guddo'otti barbaadama; nama hadaraan guddaan itti kenname irraa ka caalu hin barbaadama” jedhe.
49
“Ani ibidda lafatti buusiisaaf dhufe, adoo duruu bobeeffamee jiraate ani attam halchaayyu!
50
Ani cuuphama cuuphamaaru tokko qaba, haga inni muummowutti ani attam rakkadha!
51
Biyya lafaatiif nagaya buusiisaaf waan dhufe ana seetanii? Waawwoo, gargar bayiisa malee nageyaa moti.
52
Ammaa jalqabanee maatiin mana tokkoo shanan, sadiin lamaaniin wol mormanee lamaan sadiinii wol mormanee gargar hin bayan.
53
Abbootiin ijoollee ifii, ijoolleen abbootii ifii, haati intala ifii, intaltille haadha ifii, haati sodda'aa niitii ilma isi'ii, niitiin ilma isi'ii haadha sodda'aa woliin mormanee gargar bayan” jedhe.
54
Yesuus kolba'aan, “Isin yennaa duumensi karaa aduun seentuun dhufe, yennuma san bokkeenni roobaara jettan; hin rooballe'e.
55
Yennaa qilleensi gara gadii dhowu dhaggitanu, o'i dhufaara jettan; akkasuma te'a.
56
Isin kijiboole'e! Waan lafaatii fi duumensaa ilaaltanee himuu hin dandeettan; maaf waan bara kanaa hin beekin ree?
57
“Isin waan dhugaa te'e ifumaa maaf hin murre?
58
Nami tokko si himatee gara abbaa seeraa si geessiisaaf yoo ka'e, adoo abbaa seeraa dura hin geyin kara'attuu isa woliin wolii galiisaaf wodhaan. Yoo hin wodhaanin gara abbaa seeraa harkisee si geessa, abbaan seeraalle bulchaa mana hidha'aatitti dabarsee si hin kenna, innille gara mana hidha'aa si galcha.
59
Ani sitti hima, saantimiin cadduulle adoo hin hafin haga kaffaltutti ijjumaa hin baatu” jedhe.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24