bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Luke 13
Luke 13
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 14 →
1
Yennaa san namooti gariin gara Yesuusii dhufanee, marroo worra Galiila'aa ka adoo Waaqaaf woreega woreegiisatti jiranuu, Philaaxoos ijjeesisee dhiiga isaanii woreega isaanii woliin makee itti himane.
2
Yesuus deebisee, “Worri Galiila'aa kun, worra Galiila'aa kaan mara caalaa cubbaaleyyii waan te'aneef akkas rakkatane isinitti fakkaataa?
3
Waawoo! Ani isinitti hima, isin martinuu yoo cubbuu teessan irraa deebi'uu dhaddane, akkuma isaanii hin baddan.
4
Yookiin worri kudhanii saddeeti ka Siilo'amitti xelleephoon dhaka'aa dheertuun itti jiddee fixxe, worra Yerusaalem keessa le'u mara caalaa yakkaammeyyii isinitti fakkaataa?
5
Waawo'o! Ani isinitti hima; isinille cubbuu teessan irraa yoo deebitane malee, isin martinuu akkuma isaanii hin baddan” isaaniin jedhe.
6
Achiin duuba Yesuus mammaassa kana isaanitti mammaakee, “Namichi fichaa ifii keessatti muka harru'uu dhaabbateeru tokko jira. Inni midhaan isii irraa barbaadatiisaaf dhaqee womaa irraa dhabe.
7
Maarre inni namicha fichaa isaa hujuun, ‘Ilaa, ani muka harru'uu kana irraa midhaan barbaadatiisaaf woggaa sadi dhufeera; ammoo haga ammaa womaa irraa hin dhagganne. Isii muri, maaf lafa balleessiti?’ jedhe.
8
Namichi sun ammoo deebisee, ‘Gootta'a, me woggaa tanaaf lakkis; jala qotee kosii jalatti naqa.
9
Bara dhufu midhaan yoo buutte dansa'a! Ammoo yoo buusuu dhadde hin murta!’ jedheen” jedhe.
10
Yesuus Guyyaa Sanbataa Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barsiisiisatti jiraayyu.
11
Dubartiin woggaa kudhanii saddeeti ayyaanni hamaan gugguusiseeru takkalle achi jirtiiyyu. Isiin akka malee gugguuttee qajeeltee dhaabbatuu hin dandeenne.
12
Yesuus yennaa isii dhagge gara ifii isii waamee, “Dubarti'i, ati dhibee teeti irraa fayyiteerta” jedhe.
13
Harka ifiille isii irra keyee, isiin yennuma san qajeeltee dhaabbattee Waaqa galateeffatte.
14
Sooressi mana Waaqeffannaa Yihudootaa waan Yesuus guyyaa Sanbataatiin fayyiseef aaree, kolba'aan, “Guyyooti huji'ii jaan jiran. Maarre guyyoota san kowa'aatii fayyifama'a malee, guyyaa Sanbataatiinii moti” jedhe.
15
Goottaan deebisee, “Isin kijiboole'e, isin keessaa guyyaa Sanbataatiin qotiyyoo yookiin harree addee hidha'aatii hiikee geessee ka bisaan hin obaanne ennu?
16
Amma dubartiin sanyii Abrahaamii teetu tun, ta woggaa kudhanii saddeeti Seexanaan hidhantee turte, guyyaa Sanbataatiin hiikamu'uu hin mallee ree?” jedheen.
17
Dubbii tana yennaa inni dubbate, worri isa mormu mara qaanowe; kolbaan ammoo kancira inni huje maratti gammadde.
18
Achiin duuba Yesuus “Mootummaan Waaqaa maan fakkaatti? Maaniin isii wol fakkeessina?” jedhee gaafate.
19
Isiin akka sanyii sanaafici'ii ta nami tokko fuudhee fichaa ifii keessatti dhaabeen guddattee muka guddaa teetee, sinbirreen dhuttee dameelee isi'ii irratti mana ijaarrattuu fakkaatti” jedhe.
20
Yesuus ammalle, “Mootummaa Waaqaa maaniin wol fakkeessa?
21
Isiin akka uukoo dubartiin takka fuutee bullaa guddo'oon mattee, uukoon sun isii mara bukeessituu fakkaa ti” jedhe.
22
Yesuus gara Yerusaalemii adoo dhaquu, qachootaa fi olloota keessatti kolbaa barsiisaa dabare.
23
Nami tokko, “Gootta'a, ka fayyu kolbaa diqqo'oo?” jedhee gaafate.
24
Yesuus deebisee, “Balbala dhipho'oon seeniisaaf mixiixxadha'a; ani isinitti hima; namooti hedduun seeniisaaf wodhaanan; ammoo hin dande'anu.
25
Abbaan manaa ka'ee balbala cufeen duuba, isin ala dhaabbatanee balbala dhodhowaa, ‘Goottaa keenna balbala nu'uuf bani!’ jettanee hin waantan; ‘Inni ammoo deebisee, ‘Isin eessaa akka dhuttane ani hin beeku’ isiniin jedha.
26
“Achiin duuba isin deebittanee, ‘Si woliin nyaannee unneera; karaa keenna irralle'etti barsiiteerta’ jettan.
27
Inni ammoo, ‘Eessaa akka isin dhuttane ani hin beeku; isin dabaaleyyiin martinuu ila tiyya duraa deema'a!’ jedha.
28
Mootummaa Waaqaa keessatti, Abrahaam, Yisihaaq, Yaaqoobii fi raagota mara dhaggitanee, isin alatti yennaa gatantane, achitti booyaa ilkaan qartan.
29
Kolbaan gara aduun baatuu fi aduun seentuun, olii fi gadiin dhuttee mootummaa Waaqaa keessa teettee hin nyaatti.
30
Worri amma duuba jiru, worra duraa hin te'a; worri amma dura jiru worra duubaa hin te'a” jedhe.
31
Yennaa san worra Fariisaayotaa keessaa namooti gariin gara Yesuusii dhufanee, “Heroodis waan si ijjeesiisaaf barbaaduuf asii deemi, addee dhibii dhaqi!” jedhaneen.
32
Yesuus deebisee, “Dhaqa'aatii jeedala saniin, Ani adhaa fi boru durriisota hin baasa, worra dhibamaalle hin fayyisa, guyyaa sadeeso'ootitti hujii tiyya hin hobbaasa.
33
Te'uu malee, ani adhaa fi boru, ittaanille garuma duraa deemuu male; sababille raagaan tokko Yerusaalem keessatti malee, addee dhibi'itti ijjeeffamuu hin malle” isaaniin jedhe.
34
“E! Yerusaalem, Yerusaalem! Ati raagota ka ijjeettu, ergantoota gara keeti ergante ka dhaka'aan tuntu! Akka lukkuun cuucotii ifii koola ifii jalatti wolitti qabattu, anille ijoollee teeti wolitti qabiisaaf yennaa meeqa barbaade, isin ammoo didattane.
35
Ilaa, manni keessan ona hin te'a. Ani isinitti hima, ‘Ka maqaa Gootta'aatiin dhufu, ka eebiffame’ haga jettanutti deebitanee ana hin dhaggitanu” jedhe.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24