bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Luke 22
Luke 22
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 23 →
1
Jilti Daabboo Uukoo Hin Qannee, ta Jila Irra Dabarama jedhantu dhikaateertiiyyu.
2
Moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee kolbaa waan sodaataneeranuuf, karaa Yesuus ittiin ijjeesanu barbaadane.
3
Achiin duuba Seexanni, barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, Yihudaa nama biyya Keriyootii seene.
4
Maarre Yihudaan dhaqee mootota hayyootaatii fi qondaaltota eedduu Galma Waaqaa woliin attamiin akka Yesuus dabarsee isaaniif keennu mari'ate.
5
Isaan guddoo gammadanee beesee isaaf kenniisaaf wolii galane.
6
Marre Yihudaan wolii galee, addee gumiin hin jirretti Yesuus dabarsee isaaniif keenniisaaf, yennaa dagu'uu barbaadatiisatti ka'e.
7
Achiin duuba guyyaan Jila Daabboo Uukoo Hin Qannee, ka hooleen Jila Irra Dabaramaa itti qalamuu qabu geye.
8
Yesuus Pheexroosii fi Yohaannisiin, “Sagalee Jila Irra Dabaramaa akka nyaannuuf, dhaqa'aatii nu'uuf qopheessa'a!” jedhee erge.
9
Isaan, “Eessatti akka qopheessinuuf barbaadda?” jedhanee isa gafatane.
10
Inni deebisee, “Yennaa gara qacha'aa dhaxxanee seentane, nami tokko okkotee bisaanii ba'atee isin hin wolde'a; isa gula gara mana inni itti galuu dhaqa'a.
11
Abbaa manaatiin, ‘Kolloon keessumma'aa ta ani barattoota tiyya woliin sagalee Jila Irra Dabaramaa keessatti nyaadhu eessa jirti? Si'iin jedha barsiisaan’ jedha'a.
12
Inni kolloo mana irraa badhoo, ta afantee meya manaatiin qophootte takka isinitti hin mudhisa. Achitti nu'uuf qopheessa'a!” jedheen.
13
Maarre isaan dhaqanee wonni maraa akkuma inni isaanitti hime teeteeruun dhagganee, sagalee Jila Irra Dabaramaa qopheessane.
14
Sa'aatiin geennaan, Yesuus ergantoota ifii woliin qori'itti hiiqee tee'e.
15
Inni isaaniin, “Ani adoo hin rakkatin dura sagalee Jila Irra Dabaramaa isin woliin nyaatiisaaf guddoo halcheera.
16
Ani isinitti hima, haga mootummaa Waaqaa keessatti muummottutti, ani deebi'ee sagalee Jila Irra Dabaramaa hin nyaadhu” jedhe.
17
Achiin duuba Yesuus muduunuu fuudhee, Waaqaaf galata galchee, “Ho'aa, qoodama'a!
18
Ani isinitti hima, ammaan jalqabee haga mootummaan Waaqaa dhuttutti midhaan woyini'ii irraa hin unu” jedhe.
19
Xaltaa daabbo'oolle fuudhee, Waaqaaf galata galchee, cassee, “Kun foon kiyya, ka isiniif kenname; kana qaabbii tiyyaaf godhadha'a!” jedhaa isaanitti kenne.
20
Akkasuma, sagalee galgalaatiin duuba muduunuu fuudhee, “Muduunuun tun dhiiga kiyya ka isinii dhangala'een, gondooroo haareya.
21
Ammoo kunoo, harki nama na dabarsee kennuu na woliin qorii keessa jira!
22
Ilmi Namaa akkuma murtoottetti hin du'a; ammoo nama isa dabarsee kennu saniif aanne'e!” jedhe.
23
Achiin duuba isaan, isaan keessaa waan kana ka godhu eennu akka te'e wol gagaafatane.
24
Isaan keessalle'ee eentu akka caalu odduu isaaniititti wol mormiin kaate.
25
Yesuus isaaniin, “Moototi worra Yihudoota hin te'inii kolbaa ifii hin mooyan; bulchitooti isaaniille, ‘Bu'aa buuttuu kolba'aa’ ifiin jedhan.
26
Isin keessatti ammoo akkas hin te'in; isin keessaa caalaan akka maandhichaa te'uu ti; sooressille akka tajaajila'aa te'uu ti.
27
Ka caalu eennu? Ka sagalee areerratiisaaf tee'u moo, ka areeru? Ka areerratiisaaf tee'uu motii? Ani ammoo isin oddu'utti akka areertu'uu ti.
28
Isin worra rakkinna kiyya keessatti ana woliin turtane.
29
Akkuma abbaan kiyya ana mootonse, anille isin hin mootonsa.
30
Mootummaa tiyya keessatti qorii tiyya keessaa hin nyaattan, hin untan, barcumaa mootumma'aa irra teettanee gosa Israa'elii kudhanii lama irrattille hin murtan” jedhe.
31
Yesuus, “Simoon, Simoon, dhage'i! Seexanni isin maraa akka qamadi'ii wobansiisaaf gaafateera.
32
Ani ammoo dhugeeffannaan teeti akka hin banne si'iif daadimadheera. Atille yennaa gara kiyya deebite, obboleeyyan teeti jajjabeessi!” jedhe.
33
Pheexroos ammoo, “Gootta'a, ani si woliin gara mana hidha'aa dhaqiisaa fi du'iisaafille qophoyeera” jedhe.
34
Yesuus deebisee, “Pheexroos, ani sitti hima, edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin si hin beeku jettee ana hin mormatta” jedheen.
35
Achiin duuba Yesuus, “Korojoo, subba yookiin kophee adoo hin qabatin yennaa ani isin erge, wonni isinii dhidhatte jirti?” jedhee barattoota ifii gaafate. Isaan deebisanee, ‘Womaa hin dhidhanne!” jedhane.
36
Yesuus isaaniin, “Amma ammoo, nami korojoo, yookiin subba qabu qabatuu ti; nami goraadee hin qanne woyaa ifii gurguree goraadee bitatuu ti.
37
Ani isinitti hima, Barreeffam Woyyichi, ‘Yakkaameyyii woliin laakkowame’ ka jedhu, ana irratti muummowiisa qaba; dhugumaan marroo tiyyaaf ta barreeffantelle muummowiisatti jirti” jedhe.
38
Barattooti, “Ilaa, Gootta'a, goraadeen lamaan as jira” jedhane. Jennaan inni deebisee, “Hin geya!” jedhe.
39
Yesuus qachaa keessaa bayee, akkuma aadaa ifii gara Gaara Ejersaa dhaqe; barattooti isaalle isa woliin dhaqane.
40
Addee san yennaa geye, isaaniin, “Ataabamiisatti akka hin galle daadimadha'a!” jedhe.
41
Achiin duuba haga qolansaa dhaka'aa isaan irraa fagaatee jilbiiffatee,
42
“Abba'a, yoo fedha keeti te'e, muduunuu rakkinnaa tana ana irraa fuudhi; ammoo akka fedha kiyyaa adoo hin te'in, akka fedha keetii te'uu ti!” jedhee daadimate.
43
Achiin duuba ergamaan ol-gubba'aa mudhatee isa jajjabbeesse.
44
Muddama ifii guddaa keessatti ittuma jabeessee daadimate; danfi isaalle akka coccopha dhiigaa lafatti gad roobe.
45
Daadimata irraa ka'ee gara barattootaa yennaa deebi'ee dhaqe, gaddaan waan bututaneeranuuf rafaneeranuun dhagge.
46
Inni isaaniin, “Maaf rattan? Akka ataabe'etti hin galle ka'aatii daadimadha'a!” jedhe.
47
Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, gumiin dhuttee biraan baate; barattoota kudhanii lama keessaa Yihudaa ka jedhamu isaan fidee, Yesuus sunqatiisaaf itti dhikaate.
48
Yesuus ammoo, “Yihuda'a, sunqatiisaan Ilma Namaa dabarsitee kennitaa?” jedheen.
49
Worri Yesuus woliin jiranu waan te'aaru yennaa dhaggane, “Gootta'a, gorade'een dhoonnuu?” jedhane.
50
Isaan keessaa tokkochi, tajaajilaa hayyicha gudda'aa dhowee, gurra middaa irraa kute.
51
Yesuus ammoo, “Lakkisa'a! Tun hin dabalamin” jedhee gurra namichaa qaqqabee fayyise.
52
Achiin duuba Yesuus mootota hayyootaa, qondaltota eedduu Galma Waaqaatii fi manguddoota worra isa qabiisaaf dhufaneen, “Akka ani alagala'aa goraade'ee fi ulee-jirma qabattanee ana qabiisaaf dhuttanee?
53
Guyyuma guyya'aan isinuma woliin yennaa ani Galma Waaqaa keessa jiru, isin ana hin qanne. Amma ammoo, sa'aatiin tun teessanii fi ta hunni dukkanaa itti mootu” jedhe.
54
Achiin duuba Yesuus qabanee, fuudhanee deemanee gara mana hayyicha gudda'aa geessane. Pheexroos ammoo fagaatee isa hordofe.
55
Yennaa isaan dalleya wodhakka'atti ibidda gabbissanee wolitti dacha'anee tee'ane, Pheexroosille isaan woliin tee'e.
56
Intalti tajaajiltuun takka, ifa ibiddaa qarqara tee'eeruun isa dhaggitee, hubattee, “Namichi kunille isa woliin jiraayyu” jette.
57
Inni ammoo, “Intaa, ani isa hin beeku” jedhee mormate.
58
Yennaa diqqo'oon duuba nami dhibiin isa dhaggee, “Ati isaan keessaa tokko” jedhe. Pheexroos ammoo, “Namicha, anaa moti!” jedhe.
59
Gara sa'aatii takka'aatiin duuba nami dhibiin, “Nama Galiila'aa waan te'eef, dhugumaan namichi kunille isaan woliin jiraayyu” jedhee itti jabeesse.
60
Pheexroos ammoo, “Namicha, waan ati dubbatiisatti jirtu kana ani hin beeku!” jedhe. Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu, lukkuun iyyite.
61
Goottaan garagalee Pheexroos ilaale. Achiin duuba Pheexroos Jecha Gootta'aa, ka duri inni isaan, “Edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin ana hin mormatta” jedhe qaabbatee,
62
gad bayee laaleffatee booye.
63
Worri Yesuus qabanee eegiisatti jiranu itti taphatanee dhaanane.
64
Ila isaa hidhanee, “Eentu si dhowe? Raagi me!” jedhaa isa gaafatane.
65
Waan hedduu jedhaa isa arrassane.
66
Yennaa latti bariite maanguddooti kolba'aa, moototi hayyootaatii fi barsiisooti Seera Muse'ee wolitti qabamanee, Yesuus kora murti'ii duratti dhikeessane.
67
Isaan, “Masiihiin si'ii? Nutti himi!” jedhane. Inni ammoo, “Yoo ani isinitti hime, hin dhugeeffattanu;
68
yoo ani isin gaafadhelle anaaf hin deebittanu.
69
Ammoo Ilmi Namaa ammaa jalqabee, midda Waaqa waan mara dande'uutitti hin tee'a” jedheen.
70
Isaan martinuu, “Ati Ilma Waaqaatii ree?” jedhane. Inni deebisee, “Te'uu kiyya isinuu jettane” jedhe.
71
Jennaan isaan, “Nuutuu afaan isaa irraa dhageennee, dhugaa dhibii maaf barbaanna?” jedhane.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24