bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Luke 18
Luke 18
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 19 →
1
Achiin duuba Yesuus barattooti isaa yennaa mara akka daadimatanuu fi daadimatiisa akka hin dadhane barsiisiisaaf mammaassa itti mammaakee:
2
“Abbaan mura'aa ka Waaqa hin sodaanne, ka namalle hin ulfeessinne tokko qachaa tokko keessa jira.
3
Haati hiyyeessaa ta yennaa yenna'aan gara isaa deddeebi'aa, ‘Falmataa kiyya irratti muraa qajeelaa anaaf muri’ jedhaa itti boottu takkalle qachaa san keessa jirti.
4
Abbaan mura'aa yennaa hedduu wo godhuu dide; duuba ammoo, ‘Waaqa sodaa yookiin nama ulfeessuu yoo dhabelle,
5
haati hiyyeessaa tun ittuma waan na rakkittuuf, akka isiin yennaa mara dhufaa ana hin hifachiinne isi'iif hin mura’ jedhee ifiin dubbate” jedhe.
6
Goottaan, “Waan abbaan mura'aa jallaammessi sun jedhe dhage'aa!
7
Waaqille worra isaaf filame ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyuuf hin muruu ree? Isaan gargarsaaf hin hancaaraa?
8
Ani isinitti hima, dafee isaaniif hin mura. Te'uu malee, Ilmi Namaa yennaa dhufu dhugeeffannaa lafa irratti hinuma dhaggaa laati?” jedhe.
9
Yesuus namoota garii ka balchoolee ifi seyanee, worra kaan tuffatanutti, mammaakee:
10
“Nami lamaan daadimatiisaaf gara Galma Waaqaa dhaqe: tokkochi Farisaayicha, kuun namicha qaraxa guuru.
11
Fariisaayichi qofuu dhaabbatee, ‘Waaqayyo, ani akka worra dhibi'ii: saantuu, jallaammeessa, gaarayyeffataa, yookiin keessattuu akka namicha qaraxa guuru kanaa, waan te'uu dhabeef si galateeffadha.
12
Torbaan keessatti yennaa lamaan laama; waan dhaggadhu mara keessalle'ee kudhan keessaa tokko si'iif kenna’ jedhee daadimate.
13
Namichi qaraxa guuru sun ammoo, fagaatee dhaabbatee, gara ol-gubba'aalle adoo hin ilaalin, qoma dhodhowataa, ‘Waaqayyo, ana cubbicha marari!’ jedhe.
14
Ani isinitti hima, Fariisaayicha saniin irra namichi qaraxa guuru kun Waaqa duratti balchoomee gara mana ifii deeme. Nami ifi guddisu hin diqqaata, nami ifi diqqeessu hin guddata” jedhe.
15
Yesuus harka ifiitiin qaqqabee akka eebbisuuf namooti gariin daa'immaan gara isaa fidane. Barattooti isaa yennaa tana dhaggane, xixanee isaan dhooggane.
16
Yesuus ammoo ijoollee gara ifii waamee, “Mootummaan Waaqaa ta worra akka kanaa waan teeteef, lakkisa'a, ijoolleen gara kiyya dhuttuu ti, hin dhooggina'a.
17
Ani dhugumaan isinitti hima, eennulle ka mootummaa Waaqaa akka daa'imaa hin fudhanne, ijjumaa itti hin galu” jedhe.
18
Bulchaan Yihudootaa tokko, “Barsiisaa dansaa, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf ani maan godhuu male?” jedhee Yesuus gaafate.
19
Yesuus deebisee, “Maaf dansaa anaan jetta? Waaqa tokkocha malee, nami dansaan tokkolle hin jiru.
20
Ati ajaja, ‘Hin gaarayyeeffatin, hin ijjeesin, hin hatin, dharaan dhugaa hin bayin, abba'aa fi haadha teeti ulfeessi!’ jedhu hin beetta” jedhe.
21
Namichi deebisee, “Kana maraa ijoollumma'aan jalqabee eeggadheera” jedhe.
22
Yesuus yennaa kana dhage'e namichaan, “Ammalle wonni godhuu malte tokkochi hafeera. Waan qaddu duudii gurguriitii hiyyeeyyi'iif qoodi, ol-gubba'atti hin duroonta; achiin duuba kooyiitii na hordof!” jedhe.
23
Namichi ammoo yennaa tana dhage'e, guddoo dureessa waan te'eef, guddoo gadde.
24
Yesuus akka namichi gadde dhaggee, “Worra dureeyyi'iif mootummaa Waaqaatitti galuun attam atam rakkisa'a!
25
Dhugumaan, nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisaan irra, gaalli qowa liimoo keessa hulluuqiisatti irra kaso'o” jedhe.
26
Worri kana dhage'e, “Yoona eentu fayyuu dande'a ree?” jedhee gaafate.
27
Yesuus deebisee, “Wonni namaaf hin dande'ane Waaqaaf hin dande'anti” jedhe.
28
Achiin duuba Pheexroos, “Kunoo, nuuti qe'ee teenna lakkinnee si hordonneerra” jedhe.
29
Yesuus deebisee, “Ani dhugumaan isinitti hima, nami mootummaa Waaqaaatiif jedhee, mana yookiin obboleeyyan yookiin hadhaa fi abbaa yookiin ijoollee ifii lakkisse,
30
bara jiruu tanaatitti dachaa hedduu caalchisee hin fudhata; bara jiruu dhuttuutittille jiru bara baraa hin fudhata” isaaniin jedhe.
31
Yesuus barattoota kudhanii lamaan maddi'itti fuudhee, “Kunoo gara Yerusaalemii ol bayaarra, marroo Ilma Namaatiif ta raagotaan barreeffante maraa hin muummotti.
32
Inni harka worra Yihudoota hin te'iniititti dabarfamee hin kennama. Isaan itti hin taphatan, hin arrassan, ittille hin tufan.
33
Dhaananeen duuba hin ijjeesan, guyyaa sadiin duuba ammoo du'aa hin ka'a” isaaniin jedhe.
34
Barattooti ammoo waan kana keessaa womaa hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii isaan duraa waan dhokatteertuuf waan Yesuus dubbate hubatiisaaf hin dandeenne.
35
Yesuus Yeriko'otti yennaa dhikaate, namichi ballaan tokko karaa qarqara tee'ee kadhatiisatti jiraayyu.
36
Gumiin cinaa isaatiin dabartuun dhage'ee, waan te'isatti jiru gaafate.
37
Isaan, “Yesuusii nama Naaziretiititti asiin dabariisatti jira” jedhane itti himane.
38
Maarre inni, “Yesuus, Ilma Daawwitii na marari!” jedhee iyye.
39
Worri dura ideemu cadhisiisiisaaf isa xixe; inni ammoo ittuma caalchisee, “Ilma Daawwitii, na marari!” jedhee iyye.
40
Yesuus dhaabbatee, namicha ballaa san gara isaa akka fidanuuf ajaje. Yennaa inni itti dhikaate,
41
Yesuus “Maan akka ani si'iif godhu barbaadda?” jedhee isa gaafate. Inni deebisee, “Goottaa kiyya, ani akka dhaggu barbaada” jedhe.
42
Yesuus deebisee, “Dhaggi! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti” jedheen.
43
Yennuma san dhaggee, Waaqa galateeffataa Yesuus hordofe. Gumiin sun martinuu yennaa tana dhaggite, Waaqa galateessite.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24