bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Samuel 1
1 Samuel 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 2 →
1
Biyya gaaraa ka Efreemii keessa nama gosa Efreemii ka Hilqaanaa jedhamu ka qachaa Raamaataayim-Siifiim keessa jiraatu tokkotu ture; inni ilma Iyyaaremi'eeliiti; Iyyaaremi'eel ilma Eeliyo'ooti; Eeliyoon ilma Toohu'uutiiti; Toohu ilma Naasibiiti.
2
Hilqaanaan haawwota manaa lama qaba; ta duraa maqaan isi'ii Haanna'a; ta lammeesso'oo Finaana'a; Finaanaan ijoollee qabdi; Haannaan garuu dhabdu'u, finna hin qabdu;
3
Hilqaanaan wogga wogga'aan Rabbii Gooftaa banii maraatii sagadu'uu fi ciincaa dhiyeessu'uuf gara Seelo'oo baya; bara san ilmaan Eeli'ii Afiniinii fi Finihaas gadoota ta'anii Seeloo keessatti Rabbiin tajaajila'aa turan.
4
Hilqaanaan hennaa ciincaa dhiyeessu maraa foon ciinca'aa san irraa gayaa Finaana'aa, ilmaanii fi dubara isi'ii maraaf dhiyaatu kenna'aafii ture.
5
Hilqaanaan waan Haannaa jaalatuuf gayaa isi'ii dachaa lama kenna'aafii ture; garuu Rabbi gadaamessa isi'ii cufee ture;
6
Waan Rabbi gadaamessa isi'ii cufee tureef masaanuun isi'ii isii biibbeessa'aa aarsa'aanii turte.
7
Hennaa isiin wogga wogga'aan gara mana woyyuu Rabbii dhaxxu maraa masaanuun isi'ii Finaanaan isii aarsa'aa isii boochisa'aa waan turteef womaa afaaniin hin qabdu turte.
8
Sababaa kanaaf abbaan worra isi'ii Hilqaanaan, «Haannaa tiyya! maaf bootta? maaf waa hin nyaanne? maaf gaddita? ani ijoollee kudhanii sii hin caaluu?» isiin jedhe.
9
Gaaf tokko Seelo'otti ciincaa dhiyeessanii haga nyaatanii dhuganiin maayessa Haannaan kaatee dhaabatte; hennaa san gadichi Eeliin balbala mana woyyuu Rabbii bira barcumaa irra taa'eera.
10
Isiin sababaa gadda onnee isi'iitiin mararamtee booya'aa Rabbiin kadhata'aa turte.
11
Haannaan, «Yaa Rabbi Gooftaa banii maraa! rakkinna garbittii teetii yoo yaadatte, yoo na hin irraanfanne, yoo ati ilma dhiiraa tokko naa kennite ani ammo bara jireenna isaa maraa mullaaciin mataa isaa irra hin geettu dabarsee sii kenna» jettee woreega qabde.
12
Akka kanaan Haannaan hennaa Rabbiin afo'otti kadhaa dheeressite Eeliin afaan isi'ii laala'aa ture;
13
Haannaan waan garaa ufii keessatti kadhattuuf uduu laagaa ufii hin dhageessifne hidhii ufii callaa sochoofti; Eeliin garuu waan waa dhuddee machoofte seeye.
14
Eeliin, «Machiin kee kun haga yoomiiti? Machii kana dhiisi!» isi'iin jedhe.
15
Isiin garuu, «Gooftaa kiyya ani nama gadda guddaa keessa jiru daadhii woyini'ii yookaan waan biraa ka nama macheessu hin dhunne; garuu rakkoo kiyya Rabbitti himata'aara.
16
Sababa gaddinii fi rakkinni natti guddateef haga ammaa kadhata'aaraa ati ana garbittii tee akka dubartii raanke'eetitti na hin laakkayin» jettee isaa deebifte.
17
Eeliinillee, «Nagayaan deemi! Waandhi Israa'elii waan ati kadhatte sii haa kennu!» isi'iin jedhe.
18
Isiin «Ana garbittii tee kadha'aan na yaadadhu!» jettee karaa ufii deemte, nyaattee dhuddee gadduullee dhiifte.
19
Ganamaan ka'anii Rabbii haga sagadaniin maayessa gara mana ufii Raama'atti deebi'anii galan; Hilqaanaan haadha manaa ufii Haannaa bira geennaan Rabbi isii yaadate,
20
Yoma san ulfooftee ilma deette «Ani Rabbiin kadhadhee argadhe» jettee maqaa isaa «Saamu'eeliin» itti baafte.
21
Hilqaanaan maatii ufii woliin ciinca'aa fi woreega wogga'aa dhiyeessu'uuf gara Seelo'oo ol baye.
22
Haannaan garuu hin baane isiin abbaa worraa ufiitiin, «Ani yoo daa'imni harma gu'e fidee Rabbii kenna bara jireenna isaa maraa inni achuma tura» jetteen.
23
Abbaan worraa isi'ii Hilqaanaanillee «Waan feete godhi, haga daa'ima harma guuftutti manuma taa'i Rabbi waan dubbate haa raawwatuu» isi'iin jedhe; isiin haga daa'imni harma gu'utti harma hoosisa'aa manuma ufii teette.
24
Haga harma guufteen maayessa isa qabattee jibicha woggaa sadihii, daakuu iifii kudhanii, daadhii woyini'ii qalqala tokko guutuu woliin gara mana Rabbii Seeloo fidde; hennaa san daa'imni diqqa'a.
25
Jibicha haga goorra'aniin maayessa daa'ima gara Eeli'ii fidan.
26
Haannaan Eeli'iin «Gooftaa kiyya; umuriin kee haa dheeratu dubartiin si bira dhaabattee Rabbiin kadhata'aa turte ana;
27
kadhaan ani Rabbiin kadhadhe akka inni mucaa kana naa kennuuf; Rabbillee akkuma ani isa kadhadhetti mucaa kana naa kenne.
28
Anillee kunoo Rabbii kenne, bara inni lubbu'uun jiru maraa inni ka Rabbiiti» jette.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31