bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Samuel 25
1 Samuel 25
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 26 →
1
Saamu'eel du'ee baniin Israa'elii maruu hulee tokkotti wol gayanii booyaniif; achiin maayessa gara Raama'aa fidanii achitti awwaalan; achiin maayessa Daawiti gara gammoojjii Faaraanii deeme.
2
Achiin maayessa namicha gosa Kaaleebii ka maqaan isaa Naabaal jedhamu tokkotu jira; inni biyya Maa'onii keessa jiraata'aa ture; qachaa Qarmeloosii biratti lafa qonnaa qaba; inni nama dureessa; hoolota kuma sadihiitii fi re'iin kuma tokkoo qaba; maqaan haadha manaa isaa Abigiyaa jedhamti; isiin guddiftee bareeddu'uu fi ta qalbii qabdu turte; inni ammo nama bushaaya'aa fi ka amala bada'aati; Naabaal Qarmeloositti rifeensa hoolotaa mura'aa ture.
4
Daawiti hojjataa ufii irraa oduu kana dhagaye.
5
Daawiti dargaggeeyyii kudhanii filatee gara Qarmeloosii akka dhaqan maqaa isaatiin nagaya akka gaafatan ajajee erge.
6
Dhaamsa akkana jedhu Naabaalitti himaa'a, «Bara dheeraa jiraadhu nageenni si'ii fi maatii keetiif, nageenni waan ati qabdu maraafuu haa ta'u»
7
Akka ati hoolota irraa rifeensa mura'aartu dhagayeera; hennaa tisseen tee nu woliin turan miidhaan tokkollee isaan irra hin geenne; hennaa nu bira jiran wonti tokkollee jalaa hin hanqanne.
8
Isaanuu waan kana sitti himan; nu adha guyyaa mishaa dhufne; Daawitillee dargaggeeyyiin tiyya si afo'otti kabajjaa haa argatanii; yabo'oo ijoollee teetii fi Daawitiifillee waan argite ergi» jedhan jedhe.
9
Namoonni Daawitii dhaamsa kana maqaa Daawitiitiin Naabaalitti himanii waan inni jedhu eeguu jalqaban.
10
Achiin maayessa Naabaal deebisee hojjattoota Daawitiitiin, «Daawitiin kun eennu? ilmi Isseyii kun eennu? bara kana hojjattoonni mootii jalaa bada'aaran baay'ataniiran.
11
Kanaafuu maaf ani buddeenaa fi bisaan kiyya worra rifeensa hoolotaa muraniif qophaaye fuudhee namoota garana dhufanii hin beennetti kenna!» jedhe.
12
Worri ergamellee dhufanii waan Naabaal jedhe Daawititti himan.
13
Daawiti «Amma isin maruu guraadee keessan hidhadhaa'a!» jedhee ajaje; isaanillee akkuma ajajaman godhan; Daawitillee guraadee hidhatee achii worra mi'a eegan namoota dhibba lamaa hambisee namoonni dhibba afurii deemsaaf ka'an.
14
Hojjattoota Naabaalii keessaa namni tokko gara haadha manaa isaa gara Abigiya'aa dhaqee «Daawiti lafa gammoojji'ii keessaa namoota ergee gooftaa keenna nagaya gaafatan; gooftaan keenna garuu isaan ari'e.
15
Jarri sun nu'uuf worra mimmishaa turan; nu hin tundhe; hennaa isaan woliin jiraannu maraa wonti tokkollee nu jalaa hin banne; isaan woliin hennaa bosona keessa jirru maraa womaa nu jalaa hin hanne.
16
Isaan bara nu isaan woliin hoolota keenna tiffata'aa turre maraa guyya'aa fi halkanillee naannoo keennatti dallaya nuu ta'an.
17
Amma ammo gooftaa keenna irratti, maatii isaa maraa irrattillee wonti hamaan akka dhufu murtiin murteeffameera; inni nama waan tokkoof garaa hin laafne waan ta'eef namni tokkollee isatti hin dubbatu; ati waan kana beeki; waan godhuu barbaadde akka gootu yaadadhu!» jedhe.
18
Abigiyaanillee ariiti'iin buddeena dhibba lamaa, daadhii woyini'ii waabaa lamaa hoolota qalmaaf qophaayan shan, qorsoo iifii soddomii torbaa, xoroshoo ija woyini'ii dhibba tokkoo fi xoroshoo muka hurbu'uu dhibba lama fuutee harriinitti feete.
19
Achiin maayessa hojjattoota ufiitiin «Ani isin faanaa deemaa isin ana afoo deemaa'a» jette; abbaa manaa ufii Naabaalitti ammo hin himne.
20
Uduu isiin harree yaabbattee karaa mammaramaa keessa deema'aartu Daawitii fi namoonni isaa gara isi'ii gad dhufan; isiinillee isaan wolitti dhufte.
21
Daawiti onnee ufii keessatti akkana jedha'aa ture, «Ani horii namicha kanaa keessaa tokkollee akka hin banneetti lafa gammoojji'ii keessatti eeguun kiyya dhugama; horii isaa gammoojjii keessatti akkanumaan tissee! inni bikka mishummaa kiyyaa waan hamaa naa deebise.
22
Uduu lafti hin bariine namoota isaa maraa keessaa dhiira maraa yoo ani hin ajjeefne Rabbi na haa ajjeesu!» jedhe.
23
Abigiyaanillee hennaa Daawitiin argite ariiti'iin harree irraa buutee Daawitiin jalatti gad jette.
24
Miila kophee isaa irratti kuftee «Gooftaa kiyya! ani yakkamtuu yoo ta'ellee yabo'oo ani garbittiin tee sitti himadhaa na dhagayi!
25
Ani garbittiin tee dargaggeeyyii ati gooftaan kiyya ergite hin argine; Naabaal akkuma maqaa isaa gowwa'a; ati namicha kanatti hin aarin;
26
gooftaa kiyya! maqaa Rabbii jiraata'aatiin sii kakadhaa akka ati diintota kee ajjeeftee haluu hin baane ka si dhoogge Rabbi; ammallee diintonni keetii fi worri si gooftaa kiyya irratti waan hamaa yaadan akka Naabaalii haa ta'an.
27
Kennaan ani garbittiin tee si'ii gooftaa kiyyaa dhiyeesse kun hojjattoota keetitti haa kennamuu.
28
Gooftaa kiyya! ati lola Rabbii waan loltuuf Rabbi dhugamaan mootummaa kee hin jabeessaa bara jireenna keetii maraa hammeenni si biratti hin argamin; yabo'oo cubbuu kiyya ka garbittii teetii dhiisiif.
29
Namni si miidhu'uu fi si ajjeesu'uuf yoo yaadellee Rabbi lubbuu tee nagayaan jiraachisa; lubbuun diintota keetii ammo akka namni dhagaa furaanfurrisaan darbuutitti darbamti.
30
Akkuma Rabbi abdii sii kennee waan mishaa maraa sii godhe, mootummaa Israa'elii irra si kaaya.
31
Kun yaada garaa gooftaa kiyyaa ka gufachiise waan hin taaneef dhiiga dhangalaasu'uun yookaan haluu baafachu'uun hin ta'u; Rabbi gooftaa kiyyaaf yoo waan mishaa godhe ana garbittii tee yaadadhu» jette.
32
Daawiti Abigiya'aan «Rabbi Waandhi Israa'elii ka gara kiyya si erge haa galatoomu!
33
Guyyaa adhaa dhiiga jissu'uuf haluu baafachuu irraallee na oolchiteertaa ati eebbifami.
34
Uduu ati ija keessa na dhufuu baattee dhugaa Waaqa Israa'elii silaa haga boru ganamaatitti ilmaan Naabaalii keessaa dhiira tokkollee uduu hin hambifne ajjeesa» jedhe.
35
Daawiti waan isiin isaa fidde harkaa fudhatee «Ani dubbii kee dhageeffadhee waan ati na kadhattellee sii kenneera; nagayaan gara mana keetii deebi'i» jedheen.
36
Abigiyaan deebitee gara Naabaalii dhufte; Naabaal fiixaa ufiitii nyaachisa mana mooti'ii keessatti qopheesse nyaata'aa dhuga'aara; waan machaayeef garaa ufii keessatti gammada'aa ture; kanaaf haga lafti bari'utti isiin waan tokkollee isatti hin himne.
37
Ganama haga machiin irraa bade Abigiyaan haati manaa isaa dubbii kana isatti himte; inni waan nayeef onneen isaa qabbanooftee akka dhaga'aa taate.
38
Guyyaa kudhaniin maayessa Rabbi Naabaaliin hin qoome.
39
Daawiti akka Naabaal du'e haga dhagaye «Waan inni na arrabseef Rabbi Naabaaliin waan haluu naa baaseef ani ammo akka isa hin ajjeefne waan na dhooggeef galanni isa haa gawu; inni waan hammeenna isaatiif isa adabe; achiin maayessa Daawiti gara Abigiya'aa namoota ergee akka isii fuudhu'uuf ta'u itti himaa'a» jedhe.
40
Ergamtoonnillee hulee isiin jirtu gara Qarmeloosii deemanii «Daawiti si fuudhuu barbaadee gara kee nu ergeera» jedhanii isi'itti himan.
41
Abigiyaan kaatee gad jetteefii, «Kunoo ani garbittiin teessan luka garboota Daawitii dhiqu'uuf as jira» jette.
42
Ariifattee kaatee harree yaabbattee dubartoota worra isi'ii hojjatan shan fudhattee namoota Daawiti ergate faanaa deemtee haadha manaa taateef.
43
Achiin dura Daawiti Akinaahoomii dubartii biyya Iyiziraa'elii fuudhee ture; isaan lachuu haadha manaa ta'aniif.
44
Saa'ol ammo ufii Milkooliin ta Daawiti fuudhe jalaa baasee Faliixii ilma Leesa'aa nama qachaa Galiimiititti heerumsiise.
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 26 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31