bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Samuel 21
1 Samuel 21
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 22 →
1
Daawiti gara qachaa Noobii ka gadicha Abemelekii dhaqe gadichillee nayee hollata'aa gad bayee, «Namni tokkollee si bira hin jiruu maali'iif hojja kee deemta?» jedheen.
2
Daawitillee Abemelekii gadichaan akkana jedhe «Mootiin Saa'ol waan ani ajaje sii erga nama tokkottillee hin himin jedhee na ajajeera; kanaafuu namoota kiyya woliin hulee itti wol arginu isaanitti himeera.;
3
Mee maal uf biraa qabda? buddeena shan yookaan waan uf biraa qabdu naa kenni» jedhe.
4
Gadichi Daawitiin «Buddeena woyyoome malee buddeenni biraa ka baniin nyaatu hin jiru; worri si duukaa deeman yoo dhiyoo keessa dubartoota bira hin geenne ta'e buddeena kana nyaachuu hin danda'an» jedhee deebiseef.
5
Daawiti ammo deebisee gadichaan, «Hennaa namoota kiyya woliin ergamnee deemnu maraa dubartoota irraa hin fagaanna; hennaa ergama salpha'aaf deemnullee namoonni kiyya qulqullummaa ufii hin eegan; adha ammo hagam qulqullummaa ufii eeggachuu isaan barbaachisa ree?» jedheen.
6
Nyaata Rabbii woyyoome kana malee nyaanni biraa waan hin jirreef gadichi buddeena woyyoome ka Rabbiin afoo jiru fuudhee Daawitii kenne; kanaafuu adhuma buddeenni oo'aan bakka haa bu'uu jedhe.
7
Gaafas bulchaan tissee Saa'olii tokko ka Dooyiqi jedhamu ka gosa Edoomii seera amanti'ii raawwatu'uuf achi jira.
8
Daawiti ammo «Hajaan mooti'ii ariifachiisaa waan ta'eef ani guraadee yookaan meeshaa lolaa waan hin finneef ati guraadee yookaan eboo uf biraa qabdaa?» jedhee Abemelekiin gaafate.
9
Abemelek ammo, «Guraadee Gooliyaadii Filisxeemii ka ati dhooqa Eela'aa keessatti ajjeefteentu Efuudi'iin maramee na bira jira malee ka biraa hin jiru; isa fudhachuu yoo barbaadde isa fudhadhu» jedhe. Daawiti, «Guraadeen akka guraadee isaa hin jiru; isuma naa kenni» jedheen.
10
Daawiti Saa'oliin dheessu'uuf guyyama san ka'ee gara hulee Akiish jedhamtuu gara mooti Gaatii dhaqe.
11
Bulchoonni hojjattoota Akiishii ka biyya irratti mooye kun Daawitiimii? Saa'ol kuma; Daawiti ammo kuma kumaatama ajjeesse jedha'aa ka dubartoonni sirbaniif isaamii? jedhanii Akiishiin gaafatan.
12
Dubbii dubbatan kana dhagayee Daawiti mootii Gaatii Akiishiin guddisee sodaate.
13
Waan jara sodaateef uduma jara jidduu jiru akka nama qalbii dhabee ta'ee afaan balbalaa irratti gatantaree gorora ufii areeda ufii irra yaasee nama maraattuu uf fakkeesse.
14
Akiish hojjattoota ufiitiin «Namni kun maraattuu akka ta'e hin arginee maaf gara kiyya fiddan?
15
Na bira namni maraattuun dhabamee jennaan namicha kana gara kiyya fiddanii namichi kun nama mana kiyya seenuu?» isaaniin jedhe.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31