bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Samuel 15
1 Samuel 15
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 16 →
1
Saamu'eel Saa'oliin, «Rabbi akka ati banii Israa'elii irratti mootii taatuuf haa si muudu'uuf na ergee ati amma waan Rabbi siin jedhu dhagayi.
2
Rabbiin Gooftaa banii maraa hennaa worri Israa'elii biyya Misiriitii bawu waan worri Amaaleqii karaa irratti eega'aa isaan irratti godha'aa ture ani haluu baya.
3
Amma dhaqii worra Amaaleqii dhayi waan isaan qaban maraa balleessi; isaan hin dhiisin; dhiira, dubartii, ijoollee, daa'imman, sangoota, hoolota, Gaalaa fi harriin maraa ajjeesi» jedheen.
4
Saa'ol banii Gelgela'atti wolitti qabee laakkaye; worri lafo'oo kuma dhibba lama, worri Yihuuda'aa ammo kuma kudhan turan.
5
Saa'ol gara qachaa worra Amaaleqii dhaqee goda keessatti dhokate.
6
Saa'ol worra Qeenotaatiin, «Ka'aa asii deemaa'a, waan hennaa worri Israa'elii biyya Misiriitii bawu waan isaanii arjoomtaniif worra Amaaleqii woliin akka isin hin balleessine isaan jiddu'uu baya'aa gad bu'aa'a» isaaniin jedhe; worri Qeenotaa isaan jiddu'uu bayanii deeman
7
Saa'ol worra Amaaleqii Eewulaaxii jalqabee haga Suurii biyya Misirii afo'oo isaan dhaye.
8
Mootii worra Amaaleqii Agaagiinillee uduma lubbu'uun jiru booji'e; banii maraa guraadee qara qabuun sirima isaan balleesse.
9
Garuu Saa'ol Agaagii fi sangoota, hoolota, jabbilee, korbeeyyii mimmichuu maraa garaa nyaateenii hin balleessine waan tuffatama'aa fi waan duwwaa bu'aa hin qabne sirima balleesse.
10
Rabbi Saamu'eeliin, «Saa'ol na faana deemu'uu fi seera kiyya eeguu waan dhiiseef, isa mootii taasisuu kiyyaaf gaabbeera» jedhee itti hime; Saamu'eel aaree halkan guutuu Rabbitti iyya'aa bule.
12
Saamu'eel ganamaan ka'ee gara Saa'olii Qarmeloositti itti dhaqe; Saa'ol qachaa Qarmeloosiitii gara hulee soodduu itti dhaabee gara Gelgala'aa akka deebi'e dhagaye;
13
Saamu'eel gara Saa'olii dhaqe; Saa'ol, «Ati nama Rabbi eebbise ta'i; ani ajaja Rabbii raawwadheeraa» jedheen.
14
Saamu'eel, «Wonti ani gurraan dhagawu laagaan hoolota madhattuutii fi sangoolee bookkiftuu kun maali'i?» jedhe.
15
Saa'ol, «Baniin Rabbii Waaqa ufiitiif ciincaa dhiyeessu'uuf hoolotaa fi sangoolee mimmichuu worra Amaaleqii jalaa fuudhanii fidaniiran waan hafe ammo sirima balleessine» jedheen.
16
Saamu'eel Saa'oliin «Mee waan Rabbi eda natti hime sitti himuu» jedheen. Innillee «Ee natti himi» jedheen.
17
Saamu'eel, «Ati yoo laalcha diqqaallee ufiif qabaatte, ati bulchaa gosa Israa'elii hin taanee? Rabbi worra Israa'elii irratti muudee si moosiseera.
18
Rabbi worra Amaaleqii cubbamtoota sirima balleessi; haga isaan lafa irraa badanitti isaan woraanii ajjeesi jedhee si erge.
19
Ati maaf wonti boojite garaa si nyaatee waan Rabbi siin jedhe dhagawuu didde? Maaf waan hamaa Rabbiin afo'otti hojjatte?» jedheen.
20
Saa'ol Saamu'eeliin, «Dubbii Rabbii dhagayeera, karaa Rabbi naan jedheenillee deemeera, mootii worra Amaaleqii Agaagiinillee booji'ee fideera; worra Amaaleqiillee sirima balleesseera,
21
baniin ammo Rabbii Waaqa keetii Gelgala'atti ciincaa dhiyeessu'uuf hoolotaa fi korommii mimmichuu waan booji'an keessaa fidaniiran» jedheen.
22
Saamu'eel, «Dhugamaan akka dubbii Rabbii dhagawuun nama gammachiisu, Rabbi horii qalamuu fi ciincaa ciincawutti hin gammadaa? kunoo ajajamuun ciincaa; caqasuun, ciincaa korbeessa hoola'aa dhiyeessu'uufii caala;
23
diduun akka cubbuu mortu'uu morkachuu akka waan waaqa tolfama'aa fi taaraafiimiin waaqeffachu'uuti; ati amma waan dubbii Rabbii tuffatteef Rabbi akka ati mootii hin taaneef si tuffateera» jedheen.
24
Saa'ol Saamu'eeliin, «Waan banii Sodaadhee dubbii isaaniillee dhagayee ajaja Rabbiitii fi dubbii kee dhagawuu dideef yakkeera;
25
amma yabo'oo naa dhiisi, akka ani Rabbii sagadu koottuu na woliin deemi» jedheen.
26
Saamu'eel Saa'oliin, «Waan dubbii Rabbii tuffatteef Rabbi akka ati Israa'eliin irratti mootii hin taane waan si dhiiseef, ani si woliin hin deebi'u» jedheen.
27
Achiin maayessa Saamu'eel isa biraa lixe; Saa'ol garuu akka Saamu'eel isa biraa hin deemne; qaccee kaabba'aa qabnaan tarsa'e;
28
Saamu'eel Saa'oliin, «Rabbi adha mootummaa kee ka ati Israa'eliin irraa qabdu biinxee nama sirra woyya'aa ka ollaa keetiitii dabarsee kenne.
29
Rabbiin worra Israa'eliitii ulfinna ta'e akka namaa hin gaabbu; wonti akka namaa isa gaabbisiisu hin jiru; hin sobulle'e» jedheen.
30
Saa'ol, «Ani balleesseera, amma ammo manguddoota banii kiyyaa afo'oo fi banii Israa'elii afo'otti yabo'ootii na hin salphisin; Rabbii Waaqa keetii akka ciincaa dhiyeessu na woliin deemi» jedhee kadhate.
31
Saamu'eel Saa'oliin woliin deeme; Saa'ol ammo Rabbii Sagade.
32
Saamu'eel, «Mootii worra Amaaleqii Agaagiin as natti fidaa'a» jedhe; Agaagillee hollata'aa gara isaa dhufe «Adaa duuti akkana hadhooftu'uu?» jedhe.
33
Saamu'eel, «Akkuma guraadeen tee dubartoota finna dhabsiifte akkasuma haati teellee dubartoota jiddu'utti ta ijoollee dhabde taati» jedhee Saamu'eel Agaagiin Rabbiin afo'otti Gelgala'atti kukkuteen.
34
Achiin maayessa Saamu'eel gara Raama'aa deeme; Saa'ol gara mana ufii Gibi'atti ol baye.
35
Saamu'eel waan Rabbi banii Israa'elii irratti isa moosiseef haga guyyaa gaafa du'uutitti Saa'oliin Israa'eliin irratti moosisuu isaatiif hin gadde.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31