bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Samuel 22
1 Samuel 22
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 23 →
1
Daawiti qachaa Gaatiitii dheessee gara goda naannoo qachaa Adoolaamii jirtuu dhaqe; obboleewwanii fi maatiin abbaa isaa martinuu haga waan kana dhagayan gara isaa dhaqanii itti makaman.
2
Worri rakkatan, worri liqaa uf irraa qaban, worri jireenni isaan jibbisiise maruu isa biratti wol gayan; namoonni isa biratti wol gayan namoota dhibba afur; inni bulchaa isaanii ta'e.
3
Daawiti achii bayee gara qachaa Mitsipha'aa ta Moo'aabiin keessa jirtuu dhaqee mootii biyya Moo'aabiitiin «Waan Rabbi naa godhu haga beekutti yabo'oo abbaan kiyyaa fi haati tiyya si bira naa haa taa'anii» jedheen.
4
Akkaataa kanaan maatii ufii akka mootii Moo'aabii bira taa'an godhe; isaanillee haga bara Daawiti dhokatee goda keessa taa'uu mara achuma taa'an.
5
Kanaan maayessa raattichi Gaadi gara Daawitii dhaqee «Asi hin turin amma ariifadhuu gara biyya Yihuuda'aa deemi» jedhee itti hime; kanaaf Daawiti ka'ee bosona Keereetiititti gale.
6
Gaafa tokko Saa'ol, Daawitii fi namoonni isa woliin jiran akka argaman dhagayee Saa'ol eboo ufii qabatee qachaa Gibi'a'aa keessa Tulluu irratti muka lafa gammoojji'ii tokko jala ta'a'aa ture; ajajoonni loltoota isaa isa bira dhaabatanii turan.
7
Saa'ol loltoota isa bira jiraniin «Isin namoota Biiniyaamii Daawiti lafa qonnaa isinii hin kennaa ree? isin maraa ajajaa kumaatii fi ajajaa dhibbaa isin taasisaa?
8
Isin maruu mari'iif natti kaatan? ilmi kiyya ilma Isseyii woliin hennaa waadaa seenan namni tokkollee anatti hin himne; hennaa ilmi kiyya loltoota natti kakkaase akkuma adhaa kana inni riphee akka ana eeggatu godhe; isin keessaa namni tokkollee kana natti hin himne» jedhe.
9
Hennaa san loltoota Saa'olii keessaa Dooyiqi Edoomtichi achi dhaabatee «Ilmi Isseyii gara qachaa Noobii Abemelekii ilma Akixoobii biraa uduu dhufu argeera;
10
Abemelek Daawiti maal akka hojjatu akka beeku Rabbiin kadhateef; kanaan maayessa inni Daawitii dhalee diqqo'oo fi guraadee Gooliyaadii nama Filisxeemii kenneef» jedhee itti hime.
11
Sababaa kanaaf mootiin Saa'ol gara gadicha Abemelekii ilma Akixuubiitii fi maatii isaa maraa akka gara isaa dhufan nama isaanitti erge; isaanillee gara isaa dhufan;
12
Saa'ol, «Ilma Akixuubii mee na dhagayi» jedheen; Abemelekillee tole gooftaa kiyya!» jedhe.
13
Saa'ol «Atii fi ilmi Isseyii natti mari'attanii? isaan nyaachiftee guraadee kenniteefii Rabbiinillee kadhatteef, kunoo akkuma adha inni ana akka diinaatitti riphee na ajjeesu'uuf na eega'aaru maal goote?» jedhee gaafate.
14
Abemeleki mootichaan, «Loltoota kee keessaa namni akka Daawitii soddaa mooti'iitii fi ajajaa loltootaa ta'e hin jiraa?
15
Garuu Rabbiin isaa kadhachuun anaaf ka jalqabaatii? wa'a akkasii miti; ani garbichi kee dubbii kana waan hin beenneef maatii kiyya anaa fi maatii abbaa kiyyaa hin komatin» jedhe.
16
Mootichi Abemelekiin, «Atii fi maatiin abbaa keetii maruu sirima hin duutan!» jedheen.
17
Achiin maayessa mootichi worra isa bira dhaabataniiraniin «Gadoonni Rabbii kun gara Daawitii waan goraniif, akka inni baqate uduu beekan natti himuu waan didaniif itti gara gala'aatii isaan fixaa'a» jedhe; loltoonni mootichaa garuu «Gadoota Rabbii hin ajjeefnu» jedhaniin.
18
Kanaaf mootichi Dooyiqi gadoota kana atummaan ajjeesi jedhe; Dooyiqi Edoomichi ka'ee gadoota Efuudii uffatan sanniin maraa namoota saddeettamii shanii ajjeese.
19
Kanaan maayessa Saa'ol qachaa gadoota Noobiititti duulchisee dhiiraa fi dubartii ijoolle'ee fi daa'imman harma hodhan, sangoota, harriinii fi hoolota guraadee qara qabuun ficcisiise.
20
Ilmi Abemelekii Akixuub ka Abiyaataar jedhamu tokko garuu dheessee bayee Daawitiin faanaa lixe.
21
Saa'ol gadoota Rabbii akka ajjeesise isatti hime.
22
Daawiti hennaa san Abiyaatariin «Dooyiqi Edoomichi hennaa san achi jiru sun akka Saa'olitti hime ani gaafasuu beekeera; du'a abbaa keetiitii fi maatii maraatiif anatu gaafatama.
23
Ati garuu ana woliin jiraadhu; hin sodaatin, dhugamaan Saa'ol si'ii fi anallee ajjeesuu barbaada; garuu ati nagayaan na woliin jiraatta» jedheen.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31