bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Samuel 27
1 Samuel 27
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 28 →
1
Daawiti garaa ufii keessatti akkana jedhee yaade; «Ani gaafa tokko harka Saa'oliititti du'uun kiyya waan hin oolleef dafee gara biyya Filisxeemii baqachuu naa woyya; yoo san Saa'ol abdii kutatee biyya Israa'elii maraa keessa na barbaaduu dhiisa; ani isa jalaa baya» jedhe.
2
Kanaaf Daawitii fi namoonni isaa ka dhibba jaha ta'an ka'anii gara Ankusii ilma Ameehii mootii biyya Geetii bira dhaqan.
3
Daawitii fi namoonni isaa maatii ufii woliin biyya Geetii taa'an; Daawiti haadha manaa ufii Akinaahoomii gosa Iyiziraa'eliitii fi haati manaa isaa Abigiyaan ta Naabaaliin biyya Qarmeloosii fuudhe haawwota manaa ta'aniif.
4
Saa'ol akka Daawiti gara biyya Geetii baqatee gale haga dhagayeen maayessa Daawitiin soquu dhiise.
5
Daawiti mooticha Ankusiin «Yoo na jaalatte qachattii diqqoo takka keessa akka jiraadhu na hoffolchi; gooftaa kiyya, ani si woliin qachaa keessa jiraachuun hin ta'u» jedheen.
6
Achiin maayessa Ankus qachaa Tsiqilaagii kenneef; kanaafuu qachattiin sun guyyaa san irraa jalqabdee ta mootota Yihuuda'aa taate.
7
Akka kanaan Daawiti biyya Filisxeemii keessa woggaa tokkoo fi ji'a afurii ta'e.
8
Hennaa san keessa Daawitii fi namoonni isa woliin deeman Gashuurota, Gariizotaa fi Amaaleqootatti duulan; biyyoonni isaan keessa jiraatan kunniin Tele'oomiin irraa jalqabee Suurii haga biyyoota gara Misirii fidaniiti.
9
Daawiti biyyatti'iin hennaa lole dhiiraa fi dubartii tokkollee hin hambifne; garuu hoolota, sangoota, harriin, gaallanii fi uffata booji'ee gara Ankusii dhufe.
10
Ankus «Adha ammo eessatti duultee dhoofte?» jedhee Daawitiin gaafannaan inni ammo «Gara kibbaatiin daangaa Yihuuda'aa, daangaa worra Yiraahimi'elii, daangaa worra Qeenotaatiin itti duullee lolle» jedhe.
11
Namoonni gara Geetii dhufan Daawiti waan kana nu irratti hojjate jedhanii odeessan jedhee waan yaadeef dhiira yookaan dubartii tokkollee hin hambifne inni biyya Filisxeemii keessa hennaa jiraate maraa akkasuma godha ture.
12
Ankus, «Daawiti banii Israa'elii keessatti guddisee waan jibbameef baraa haga bara baraa hojjataa kiyya naa ta'a» jedhee amane.
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 28 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31