bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Samuel 19
1 Samuel 19
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 20 →
1
Saa'ol Daawitiin ajjeesaa jedhee ilma ufii Yoonaata'aa fi garboota ufii marattuu hime; Yoonaataan garuu Daawitiin guddisee jaalata.
2
«Inni boru ganama Saa'ol abbaan kiyya si ajjeesuuf ta'aa uf eeggadhu dhokadhuu taa'i;
3
ani abbaa kiyya bira dhaqee waan kee isatti hima waan ta'u laalee sitti hima» jedhee Daawititti hime.
4
Yoonaataan waan Daawitii galatoonfata'aa Saa'oliin akkana jedhe «Mootii kiyya! Daawiti garbichi kee waan mishaa sii hojjate malee si hin yakkine; atillee isa hin miidhin jedhe.
5
Inni uduu lubbuun isaa garaa hin nyaatin Gooliyaadiin ajjeese; Rabbillee Israa'eliif mooyicha guddaa godhe; atillee mootee san argitee gammaddeerta; kanaaf maaf duwwamatti lubbuu isaa baafta?»
6
Saa'ol dubbii Yoonaata'aa dhagayee dhugaa Rabbii jiraata'aa hin ajjeesu jedhee kakate.
7
Achiin maayessa Yonaataan Daawitiin waamee dubbii kana maraa isatti himee gara Saa'olii isa geesse; achiin maayessa Daawiti akkuma duraatitti mooticha afo'otti argame.
8
Filisxeemiin keessaa Daawiti ammallee namoota baay'ee ajjeese; namoonni hafan garuu baqatanii badan.
9
Guyyaa tokko hafuurri hamaan Rabbiin biraa gara Saa'olii dhufe; yoo san Saa'ol eboo qabatee mana ufii keessa taa'a Daawiti garuu kabalaa dhaya'aa ture.
10
Saa'ol Daawitiin woraanee dhaaba manaatiin wolitti maxxansu'uuf ebo'oon darbate; Daawiti garuu jalaa miliqee eboon dhaaba manaa woraante; Daawiti halkanuma san dheessee baye.
11
Saa'ol namoota Daawitiin halkan eeganii bariisaa ajjeesan gara mana Daawitii erge; haati manaa Daawitii Milkool Daawitiin, «Yoo edana dhokachuu baatte boru hin duuta» jette.
12
Isiin fodda'aan isa buuftee jalaa dheessee baye.
13
Achiin maayessa isiin waaqa tolfamaa fuutee siree irra ciibsitee boraasiftee uffata itti uwwifte.
14
Daawitiin qabsiisu'uuf Saa'ol hennaa namoota itti erge haati manaa isaa Milkool garuu hin dhukkuba jetteen.
15
Saa'ol garuu namoota uf irra deebisee «Anuu hin ajjeesaa siree woliin fuudha'aa as fidaa'a» jedhee isaan erge.
16
Gara manaa dhaqanii yoo ol seenan waaqa tolfamaa mana keessatti siree irratti argan; mataa irra wonta rifeensa re'e'ee irraa dhayametu jira.
17
Saa'ol Milkooliin, «Maaf na sobdee diinni kiyya akka baqatu goote?» isi'iin jedhe; Milkool ammo «Isatu yoo ati ana baasuu dhabaatte si ajjeesa» naan jedhe jettee deebifte.
18
Daawiti baqatee bayee Raamaa hulee Saamu'eel jiru dhaqee waan Saa'ol isa godhe maraa itti hime; achiin maayessa Saamu'eeliin woliin hulee Naayootiin jedhamtu dhaqanii achi taa'an.
19
Daawiti biyya Raamaa keessaa hulee Naayoot jedhamtu akka jiru Saa'ol dhagaye.
20
Kanaafuu Saa'ol namoota Daawitiin qaban erge; isaan hennaa achi gayan raattonni wol gayanii Saamu'eel bulchaan isaanii hennaa dhaabatu argan; Hafuurri Rabbii isaanitti dhufee isaanillee raaga dubbachuu jalqaban.
21
Dubbii kana Saa'olitti himnaan Saa'ol namoota biraa erge; isaanillee raaga dubbatan; Saa'ol ammallee hennaa sadeesso'ootiif namoota biraa ka dhaamsa geessan erge; isaanillee raaga dubbatan.
22
Saa'ol aaree achiin maayessa ufumaa gara biyya Raamaa boolla guddaa ka bisaan Seekuu keessa jiruu bira dhaqee «Saamu'eelii fi Daawiti eessa jiran?» jedhee gaafate; namni tokko isaan Raamaa keessa Naayootiin jiran jedheen.
23
Saa'ol uduu Raamaa keessaa gara Naayootii dhiyaateeru Hafuurri Rabbii isa irrattillee bu'e; karaa irratti uduu Raamaa hin geenne raaga dubbata'aa deema'aa ture.
24
Inni hennaa gara Saamu'eelii dhufu uffata ufii mulqatee raaga dubbate; halkanii fi guyyaa nafa qullaa achi oolee bule; «Saa'olillee akka raattotaa nama raagu ta'ee?» jedhanii sababaan waan kana dubbataniif kanaaf.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31