bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Samuel 4
1 Samuel 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 5 →
1
Worri Israa'elii worra Filisxeemii woliin wol lolu'uuf bayanii hulee Abeni'eezar jedhamutti quphatan; worri Filisxeemii ammo hulee Afeeq jedhamutti quphatan.
2
Worri Filisxeemii lola jalqabe, worri Israa'elii worra Filisxeemiitiin mooyataman. Hennaa san worra Israa'elii keessaa namoota haga kuma afuriititu du'e.
3
Worri hafan hennaa gara qe'ee ufii deebi'an manguddoonni Israa'elii «Adha Rabbi maaf worra Filisxeemii jalatti nu kuffise? Saanduuqa waada'aa akka nu jidduu deemu diina keenna jalaa akka nu baasu, Seelo'oo haa finnuu» jedhan.
4
Kanaafuu namoota gara Seelo'oo erganii saanduuqa waadaa Rabbii Gooftaa banii maraa ka kiruubeeliin irra taa'u achii fidan; ijoolleen Eeli'ii lamaan Afiniinii fi Finihaasillee saanduuqa waada'aa woliin achi turan.
5
Hennaa saanduundhi waadaa Rabbii gara qe'e'ee gale, baniin Israa'elii maruu haga lafti sochootutti guddisanii ililfatan.
6
Worri Filisxeemii hennaa laagaa lililfataa dhagayan; «Laagaan ililfataa guddaan ka ganda Ibrootaatii dhagayama'aaru kun maali'i?» jedhanii akka saanduundhi waadaa Rabbii gara qe'e'ee gale hubatan.
7
Worri Filisxeemii sodaatanii, «waaqolee tolfamaa keessaa tokkotu gara ganda isaanii dhufeera» jedhan; hayi nu hobbaasi! Asiin dura wonti akkanaa ta'ee hin beekuu; jedhan.
8
Nu hobbaasi! waaqolee akkanaa jajjabaa kanniin jalaa eentu nu baasa? Waaqoleen kunniin ka dur worra biyya Misirii balaa gara garaatiin dhayan,
9
Isin worra Filisxeemii! Jabaadhaa'a! akka isin isaan irratti gootan san hojjattoonni worra Ibrootaallee akka isin irratti hin goone jabaadha'aa lolaa'a!» jedhan.
10
Worri Filisxeemii lolanii worra Israa'elii mooyatan, worra Israa'elii keessaa namoota baay'etu dhume; guyyaa san worri lukaan deemanii lolan namoota haga kuma soddomaatitu dhume.
11
Saanduundhi waadaa Rabbii hin booji'ame ijoolleen Eeli'ii lamaan Afiniinii fi Finihaasillee hin du'an.
12
Guyyaa san namichi gosa Biiniyaamii tokko hulee lolaatii fiiga'aa dhufee uffata ufii bibbiinxee, daaraa ufitti firfirsee gara Seelo'oo dhaqe.
13
Hennaa inni gara Seelo'oo dhufu Eeliin waan saanduuqa waadaa Rabbiitiif onneen isaa raafamee tureef teessuma baafatee karaa irra taa'ee eega'aa ture; hennaa inni gara qachatti'ii seenee isaanitti odeesse qachaan maruu hin iyyite.
14
Eeliin hennaa iyya kana dhagaye, iyyansi kun maali'i? jedhe; namichillee ariifatee fiigee gara isaa dhaqee isatti hime.
15
Bara san Eeliin jaarsa woggaa sagaltamii saddeetii ture; ijji isaa waan dadhabdeef dimimmiftee arguu dadhabe.
16
Namichi odu'uun dhufe sun Eeli'iin, «Namni hulee duulaatii dheessee dhufe ana» jedhe; innillee namicha saniin «Ilma kiyya! wonti sun atta ta'e?» jedheen.
17
Innillee deebisee «Worri Israa'elii worra Filisxeemii jalaa dheesse baniin baay'een dhumate, ijoolleen tee lamaanuu Afiniinii fi Finihaasillee hin ajjeefaman, saanduundhi waadaa Rabbiillee hin booji'ame» jedheen.
18
Hennaa namichi dhaamsa fide sun waan saanduuqa waadaa Rabbii dubbate, Eeliin teessuma balbala laddatti irra taa'eeru irraa kufee waan jaaree ijji isaa dimimmifteertuuf lum'atti citee du'e; inni worra Israa'elii woggaa afurtama bulche.
19
Hennaa san intalti ilma isaa ta Finihaasii ulfooftee dawuu geetteerti; haga akka saanduundhi waadaa Rabbii booji'ame, soddaan isi'iitii fi abbaan worraa isi'iillee akka du'an haga dhageette, naatee ciniinsifattee jilbiiffattee deette.
20
Isiin uduu cicha'aartu worri isii deessisu, «Ilma dhiiraa deetteertaa jabaadhu!» jedhaniin; isiin garuu dhageettee deebii isaanii hin deebifne.
21
Isiin waan saanduundhi waadaa Rabbii booji'ameef, soddaan isi'iitii fi abbaan worraa isi'iillee waan du'aniif ulfinni Israa'eliin irraa ka'e jettee maqaa daa'imaa Ikaabood jetteen.
22
Isiin, «Waan saanduundhi waadaa Rabbii booji'ameef ulfinni Israa'eliin irraa ka'e» jette.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31