bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Samuel 7
1 Samuel 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 8 →
1
Namoonni Qiriyaatiyi'aarimii saanduuqa waadaa Rabbii fuudhanii mana Aminaadaabii ka tulluu gubbaa jiru kaayan; saanduuqa waadaa Rabbii akka eegu ilma isaa Alaazariin adda baasan.
2
Saanduundhi waadaa Rabbii hennaa dheera'aaf Qiriyaata'aarimiin keessa jiraate; kun haga woggaa diddamaa ta'e; hennaa san worri Israa'elii guddisanii Rabbitti booyan.
3
Saamu'eel worra Israa'elii maraanuu, «Yoo onnee teessan guutu'uun gara Rabbii deebitan waaqolee tolfama'aa fi waaqolee tolfamaa astaaroot jedhaman uf keessaa balleessaa'a; qalbii guutu'uun gara Rabbii deebi'aa'a; isuma callaa waaqeffadhaa'a; inni harka worra Filisxeemii jalaa isin baasaa» isaaniin jedhe.
4
Kanaaf Ijoolleen Israa'elii ba'aaliimii fi astaarootiin uf keessaa balleessanii Rabbiin callaa waaqeffatan.
5
Kanaan maayessa Saamu'eel worra Israa'elii maraan «Mitsipha'atti wol gayaa'a; ani waan keessaniif Rabbiin kadhadhaa» jedhe.
6
Isaanillee tokko ta'anii Mitsipha'atti wol gayanii bisaan woraabanii Rabbiin afo'otti jissanii soomanii guyyaa san «Rabbiin yakkineerra» jedhan; Saamu'eel Mitsipha'atti worra Israa'eliitii murtii kenna'aa ture.
7
Worri Filisxeemii akka worri Israa'elii Mitsipha'atti wol gayan haga dhagayan, bulchoonni worra Filisxeemii Israa'elitti duulan; worri Israa'elii kana dhagayanii worra Filisxeemii sodaatan.
8
Worri Israa'elii Saamu'eeliin, «Worra Filisxeemii jalaa akka nu oolchu Rabbii Waaqa keenna nuu kadhachuu hin dadhabin» jedhaniin.
9
Saamu'eel korbeessa hoola'aa tokko ka haadha hodhu fuudhee ciincaa ciincessee Rabbii dhiyeessee waan worra Israa'eliitiif gara Rabbii iyye; Rabbillee hin dhagayeef.
10
Saamu'eel akkuma ciincaa dhiyeesseen worri Filisxeemii worri dhufan gaafa san Rabbi worra Filisxeemiititti gigissaa gigissee isaan naasisee worra Israa'elii jalatti mooyataman.
11
Namoonni Israa'elii Mitsipha'aa bayanii worra Filisxeemii ari'anii haga Beetikaarii gadiititti dhaqanii dhayan.
12
Saamu'eel dhagaa tokko fuudhee Mitsipha'aa fi Sheeniin jiddu'utti dhaabee maqaa isaa haga adhaa Rabbi nu gargaareera jedhee Abeneezeer jedhee moggaase.
13
Worri Filisxeemii salphatee lammata gara daangaa Israa'elii hin baane bara umurii Saamu'eel jiru maraa harki Rabbii worra Israa'elii woliin waan turteef worri Filisxeemii deebi'anii worra Israa'eliititti hin dhiyaanne.
14
Lafti worra Israa'elii Asqaloona'aa haga Geetii qachaa worri Filisxeemii isaan irraa fudhate worra Israa'eliitii deebite; daangaan Israa'elii harka worra Filisxeemii jalaa hin baate hennaa san Israa'elii fi worra Amoorotaa jidduu nagayatu ture.
15
Saamu'eel bara ufii jiraate maraa worra Israa'elii bulche;
16
wogga wogga'aan Beeteelii gara Gelgela'aa; Gelgela'aa gara Mitsipha'aa deddeebi'aa ture; hulee kanniin marattuu banii Israa'eliitii murtii kenna ture.
17
Manni Isaallee achuma waan tureef Raama'aa deddeebi'aa ture; achitti worra Israa'eliitii murtii kenna'aa ture; achumatti Rabbiif hulee ciinca'aa hojjate.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31