bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Samuel 28
1 Samuel 28
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 29 →
1
Hennaa hago'oon maayessa worri Filisxeemii worra Israa'eliitiin lolu'uuf loltoota isaanii wolitti qabatan; Ankus yoo san Daawitiin «Atii fi namoonni kee na woliin lola akka dhaxxan hubadhu» jedhe.
2
Daawitillee hennaa san «Waan ani garbichi kee hojjadhu arguu hin dandeetta» jedheen; Ankus ammo «Baay'ee misha'a! yoo san ani ammo eedduu hennaa maraa na eegu si godhadha!» jedhe.
3
Bara san Saamu'eel duunaan worri Israa'elii maruu booyaniifii qachattii isaa Raamaa keessatti isa awwaalan; hennaa san Saa'ol Ekeraa dubbiftu'uu fi mortuu biyya keessaa baasee ture.
4
Worri Filisxeemii hiriiranii dhufanii naannoo qachaa Shuneemii keessatti hennaa quphatan Saa'ol ammo worra Israa'elii maraa wolitti qabee tulluu Gilbo'a'aa qabate.
5
Saa'ol loltoota Filisxeemii hennaa arge hin sodaate; garaan isaa guddisee raafame.
6
Kanaafuu maal godhuu akka isa barbaachisu Rabbiin gaafate; Rabbi ammo eebju'uun yookaan Uuriim yookaan raagaan deebii hin kennineef.
7
Kanaan maayessa Saa'ol hojjattoota ufiitiin «Dubartii ekeraa dubbiftu naa barbaada'aa qoradha'aatii anillee gara isi'ii dhaqee gorsa gaafadhaa.› jedhe; hojjattoonni isaallee deebisanii «Dubartiin ekeraa dubbiftu takka Ayindooriin keessa jirti» jedhaniin.
8
Saa'ol uffata jijjiiratee akka isa hin beenne ta'ee namoota lamaa qabatee halkaniin gara mana dubartii sanii dhaqee ekeraa dubbiftu'uun «Nama ani sitti himadhu du'aa naa kaasi» jedheen.
9
Dubartittiin, «Waan Saa'ol hojjate worra ekeraa dubbisanii fi mortuu biyya keessaa akka balleesse atinuu hin beetta; maaf na ajjeesu'uuf siiboo na afoo keetta?» jette.
10
Kanaan maayessa Saa'ol, «Dhugaa Rabbii jiraata'aa sababaa kanaaf miidhamni tokkollee akka si irra hin geenne maqaa Rabbiitiin sii kakadha.» isi'iin jedhe.
11
Dubartittiin sun, «Eennuun sii kaasa?» jetteen; inni ammo «Saamu'eeliin naa kaasi?» jedheen.
12
Dubartittiin hennaa Saamu'eliin argite laagaa gudda'aan iyyitee Saa'oliin, «Ati Saa'olii mii? maaf na sobde?» jetteen.
13
Mootichi ammo dubartitti'iin, «Hin sodaatinii amma maal arga'aarta?» jedhee dubartittii gaafate; Isiinillee Saa'oliin «Waan akka gaachena Waaqaa qabu tokko uduu lafa keessaa ol bawu arge» jette.
14
Inni ammo, «Bifti isaa maal fakkaata?» jedhee isii gaafate; isiin ammo deebiftee «Nama jaaree kaabbaa uffateerutu ol baya'aara» jetteen; hennaa san inni Saamu'eeliin akka ta'e beekee haga lafa gawutti gad jedhe.
15
Saamu'eel Saa'oliin, «Maaf hara baafannaa na dhooggita?» jedheen; Saa'ol ammo «Filisxeemoonni naan lola'aaran Rabbi ammo na irraa gara gale; raagaan yookaan eebju'uun naa deebisuu dide; ani rakkata'aa jira; kanaaf waan godhuu na barbaachisu akka natti himtu si waamadhe» jedheen.
16
Saamu'eel ammo «Erga Rabbi si irraa gara galee si morme maaf na gaafatta?
17
Rabbi akkuma dura karaa kiyyaan sitti dubbate mootummaa si harkaa fuudhee firticha kee Daawitiif kenneera.
18
Ati waan dubbii Rabbiitii ajajamuu diddeef dheekkamsi Rabbii ka ati worra Amaaleqii irratti waan ati hin raawwanneef Rabbi adha kana sitti fide.
19
Amma Rabbi worra Israa'elii si woliin dabarsee Filisxeemotaa kenna; boru atii fi ilmaan kee duutanii natti eda'amtan Rabbi Israa'eliin harka worra Filisxeemiititti kenna» jedhe.
20
Saa'ol dubbii Saamu'eel itti himeen nayee hollatee kufee halkanii fi guyyaa san guutuu midhaan waan hin nyaanneef dadhabee ture.
21
Dubartittiin sun gara Saa'olii dhuftee akka inni nayee hollata'aaru argitee «Waan ani garbittiin tee jettu dhagayi; ani waan ati na ajajje lubbuu kiyyatti murteessee godhe.
22
Ati ammo waan ani garbittiin tee sitti himu akka dhageettu si kadhadha; amma buddeena diqqoo sii dhiyeessa; ati ammo akka nyaatee jabaatee deemtu» jetteen.
23
Saa'ol garuu, «Ani waan tokkollee hin nyaadhu» jedhee dide; garuu loltoonni isaatii fi dubartittiin akka nyaatu waan isa jajjabeessaniif «Maarre» jedhee lafa kufee ka'ee siree irra taa'e;
24
Achiin maayessa dubartittiin jibicha manatti gabbifame tokko qabdi; isiin ariifattee jibicha qaltee daakuu fuutee dukkuuftee xoroshoo gootee,
25
Saa'olii fi hojjattoota isaatii kennite; isaanillee nyaatanii halkanuma san ka'anii deeman.
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 29 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31