bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Samuel 18
1 Samuel 18
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 19 →
1
Daawiti hennaa Saa'olitti dubbatee raawwate Yoonaataan ilmi Saa'olii Daawitiin goshoo ta'ee akka lubbuu ufiititti isa jaalate.
2
Guyyaa san irraa jalqabee Saa'ol Daawitiin gara mana abbaa isaa akka hin galle dhooggee gara mana ufii galateen.
3
Yoonaataan waan Daawitiin akka lubbuu ufiititti jaalateef isa woliin waadaa gale.
4
Uffata ufii ka ulfinnaa mulqatee, guraadee ufii, buundhe'ee fi sabbata ufii Daawitiin badhaase.
5
Daawiti garuma Saa'ol isa erge maraa dhaqa; waan godhu maraa waan qalbi'iin godhuuf Saa'ol loltoota maraa irratti isa muude; wonti kun maruu banii, loltootaa fi ajajoota loltootaa maraa hin gammachiise.
6
Hennaa Daawiti namicha Filisxeemii ajjeesee galu dubartoonni faarfata'aa sirba'aa, ililfata'aa, dibbee qabatanii mootii Israa'elii Saa'oliin simachu'uuf qachoota Israa'elii maraa keessaa bayan.
7
Dubartoonnillee, «Saa'ol kuma ajjeese! Daawiti garuu kumaatama ajjeese!» jedha'aa wol jalaa qaba'aa sirba'aa turan.
8
Saa'oliin garuu wonti kun waan guddisee isa aarseef, «Daawitii kumaatama, anaa garuu kuma kennan mootummaa kiyya malee maaltu isa hafe!» jedhe.
9
Guyyaa san irraa jalqabee Saa'ol Daawitiin ija hinaaffa'aatiin laale.
10
Bariisaa san Saa'oliin hafuurri hamaan Rabbiin biraa ergame dhufee isa qabe; achiin maayessa inni mana ufii keessatti akka maraattu'uutitti qaaqa'aa ture; Daawiti akkuma duraanii meeshaa faaru'uutiin taphata'aa ture; Saa'ol ammo sibiila ufii harkatti qabateera.
11
Saa'ol, «Daawitiin woraanee dhaaba manaatiin wolitti isa maxxansa!» jedhee sibiilaan darbate; inni garuu harka lama jalaa miliqe.
12
Rabbi waan Saa'oliin irraa fooyamee Daawitiin woliin jiruuf Saa'ol Daawitiin sodaate.
13
Kanaafuu Saa'ol uf biraa isa fageessee ajajaa loltuu kumaa taasisee isa erge.
14
Daawiti waan godhu maraa qalbi'iin godha; Rabbi waan isa woliin ta'eef wonti maruu hin qajeelaaf.
15
Saa'ol akka inni guddisee qaroo ta'e argee guddisee isa sodaate.
16
Garuu waan inni isaan afo'otti baya'aa galuuf baniin Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa maruu Daawitiin jaalatan.
17
Achiin maayessa Saa'ol Daawitiin «Mucattiin tiyya ta hangafaa Meeroob kunooti; ani isii sitti heerumsiisa; atummaan naa qaroomi; waan lola Rabbiitiifillee janna ta'i» jedheen; Saa'ol wonti waan kana jedheef ufii isa ajjeesuu hin barbaadu akka inni harka Filisxeemotaatitti du'uuf.
18
Daawiti «Ani eennu ka mooti'iin soddaa ta'u? gofti abbaa kiyyaatii fi maatiin kiyya banii Israa'elii keessatti maali'itti laakkayama?» jedheen.
19
Garuu hennaan Meeroob Daawititti heerumtu gaye nama biraa ka biyya Mahaalaataawiitii dhufe ka Eesidiri'eel jedhamutti heerumsiise.
20
Haa ta'uu malee mucattiin Saa'olii ta Milkool jedhamtu Daawitiin jaalatte; Saa'ol haga waan kana dhagaye hin gammade.
21
Inni onnee ufii keessatti «Milkooliin Daawitii kenna isii akka Daawitiin naa qabsiiftu godha; achiin maayessa inni harka worra Filisxeemiititti du'a» jedhee yaade; kanaafuu Saa'ol Daawitiin hennaa lammeesso'oo waamee, «Soddaa naa taata» jedheen.
22
Saa'ol hojjattoota ufiitiin «Waan mootichinii fi hojjattoonni isaa maruu guddisanii si jaalataniiraniif soddaa mootichaa ta'i jedha'aatii dhossa'atti Daawititti himaa'a» jedhee isaan ajaje.
23
Hojjattoonni Saa'olii dubbii kana dhaqanii Daawititti dhossa'aan itti himan; Daawiti hojjattoota Saa'oliitiin «Namni akka kiyyaa hiyyeessi kun soddaa mooti'ii ta'uun waan salphaa isinitti fakkaataa?» isaaniin jedhe.
24
Hojjattoonni Saa'olii Daawiti akkana jedhe jedhanii isatti himan.
25
Saa'ol Daawiti akka harka worra Filisxeemotaatitti du'u yaadee mootichi, «Diintota mootichaa keessaa misa nama dhibbaa malee gabbara biraa si irraa hin barbaadu» jedha'aa Daawititti himaa'a isaaniin jedhe.
26
Hojjattoonni Saa'olii dhaqanii Daawititti himan; Daawitillee soddaa mootichaa ta'u'utti hin gammade.
27
Daawitii fi loltoonni isaa ka'anii lolaaf deemanii worra Filisxeemii keessaa nama dhibbaa ajjeesanii misa nama dhibbaa laakkayee itti kenne; kanaafuu Saa'ol mucattii ufii Milkooliin Daawititti heerumsiise.
28
Saa'ol akka Rabbi Daawitiin woliin jiru arge; worri Israa'elii maruu hin jaalataniin.
29
Saa'ol Daawitiin guddisee sodaatee bara jireenna ufii maraa diina Daawitii ta'e.
30
Loltoonni Filisxeemii hennaa maraa dhufa'aa lola'aa turan; garuu hennaa lolaa maraa ajajoota loltootaa ka Saa'olii caalaa Daawititu irra mooyata ture; sababaa kanaaf Daawiti guddisee nama gurra dhagayate ta'e.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31