bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
1 Corinthians 1
1 Corinthians 1
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 2 →
1
Fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'u'uuf ka waamame Phaawuloosii fi obboleessa keenna Soosteensiin irraa:
2
Woldaa Rabbii ta Qorontoosiin keessa jirtuuf, worra Kiristoos Yesuusiin woyyoomanii fi ka nu'uu fi isaaniillee Gooftaa ta'e maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin hulee marattuu worra woyyoota ta'u'uuf wamaman maraaf.
3
Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kirstoosiin irraa badhaaninii fi nageenni isiniif haata'u.
4
Kiristoos Yesuusitti waan amantaniif sababa badhaadha isinii kennameetiif hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galateeffadha.
5
Kiristoosiif raguun kiyya isin birratti akka jabaate, waan maraan waan dubbattanii fi beekkomsa maraan isaan dureeyyii taatan.
7
Akkanatti yoo mudhata Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii eeggattan, kennaan badhaadhummaa woyyu'uu tokkollee isin jalaa hin hanqatu.
8
Innillee akkasuma guyyaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii mudaa malee akka jiraattan haga dhumaa isin dhaaba.
9
Gara ilma ufii, gara Gooftaa keennaa gara tokkummaa Yesuus Kirstoosii Rabbiin isin waame amanamaa'a.
10
Haata'uu ammoo obboleeyyan tiyya! Isin maruu dubbii tokko akka dubbattan garaa tokko fi yaada tokkoon worra wol ta'u akka taataniif malee, addaan wol fooyuun isin jiddu'utti akka hin taane, Maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhadha.
11
Obboleeyyan tiyya! Isin jidduu wol mormiin akka jiru waan keessan maatiin Qalo'ee natti himaniiran.
12
Kana jedha, gari gariin keessan, «Ani ka Phaawuloosiiti»; «Ani ka Aphiloosiiti»; «Ani ammoo, ka Keefa'aati»; ka biraa, «Anillee ka Kiristoosiiti» jettan.
13
Kiristoos Qoodameeraa? Phaawuloos waan keessaniif fannifamee? Mo'o maqaa Phaawuloosiitiin cuuphamitanii?
14
Eennullee maqaa kiyyaan cuuphameera akka hin jinne. Qarphoosii fi Gaayiyoosii achi, isin keessaa tokkollee waan hin cuuphneef Rabbiin galateefadha.
16
Maatii Isxifaanosillee akkasuma cuupheera. Yoo ka biraa eda'ee cuuphee jiraadhe hin beeku.
17
Kiristoos Oduu Nagayaa haa himu'uuf na erge malee, haa cuuphu'uuf na hin ergine. Fannoon Kiristoosii akka hunna hin dhabne dubbii Rabbii ka lallaba'aaruun ogummaa namaatiinii miti.
18
Dubbiin fanno'oo worra badaniif gowwumma'a; nu worra fayyinuuf ammoo hunna Rabbii waan ta'eef.
19
Barreeffama Woyyicha keessatti, «Ogummaa ogeeyyi'ii hin balleessa, hubannaa worra hubatanii hin gata» jedha.
20
Ogeessi meeti? Barreessan meeti? Qorataan adunyaa tanaa hoo meeti? Rabbi ogummaa adunyaa tanaa gowwummaa akka ta'u hin taasifnee?
21
Sababaa ogummaa Rabbiitiin adunyaan Rabbiin ogummaa ufiitiin waan hin beenneef lallaba gowwuma'aatitti worra amanan fayyisu'uuf fedhii Rabbii ta'eera.
22
Hennaa kamiinuu Yihuudonni, malkata arguu fedhan; worri Giriikotaallee ogummaa barbaadan.
23
Nu ammoo Kiristoosii fannifame lallabna. Kunillee Yihuudotaa gufu'u, worra Yihuudii hin taanee gowwumma'a.
24
Worra waamamaniif ammoo Yihuudii ta'e, namoota Giriikii, hunna Rabbiitiif ka ogummaa Rabbii ta'e Kiristoos.
25
Wonti gowwummaa Rabbii fakkaatu qarummaa namaa caala; wonti dadhabbii Rabbii fakkaatu hunna namaa caala.
26
Obboleeyyan tiyya! Waamamuu keessan laalaa'a, worri akka ogummaa namaa ogeessota ta'an hedduun, worri gurguddoota ta'an hedduu fi worri dureeyyii ta'an hin waamamne.
27
Haata'uu ammoo Rabbii ogeeyyii saalfachiisu'uuf gowwaa adunyaa tanaa filate. Cimaa saalfachiisu'uuf, Rabbi dadhabaa adunyaa tanaa filate.
28
Rabbillee waan jiru akka waan hin jirree godhu'uuf womaa woma adunya'aa waan tuffatamaa ta'e filate.
29
Ka foon uffate maruu Rabbiin afo'otti akka uf hin janye.
30
Haata'uu ammoo, «Ka uf jaju Rabbiin uf haa jajuu» jedhamee akkuma barreeffame,
31
Akka ta'uuf Rabbiin biraa ogummaa, qajeellummaa, woyyummaanillee ka nu fureen ka Kiristoos Yesuusii taatan.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16