bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
1 Corinthians 8
1 Corinthians 8
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 9 →
1
Waan foon waaqa tolffama'aa kennamee nu martinuu beekkomsa akka qabnu hin beenna. Beekkomsi akka uf maman taasisa. Jaalalti ammoo keessa namaatii nagaya keenna.
2
Eennullee waan waa beeku yoo isatti fakkaate, haga beekuun isa irra jiru hin beenne.
3
Eennullee ammoo Rabbiin yoo jaalate, inni isa biratti ka beekame.
4
Eeganaa waan foon waaqa tolfama'aa kenname nyaachuun, waandhi tolfamaan maruu adunyaa kanarratti duwwaa akka ta'eef, Waaqa tokkicha malee, Waandhi biraa akka hin jirre hin beenna.
5
Yoomillee kaddaamamtoonni hedduunii fi gooftonni heddutu jira. Haata'uu ammoo samii irra ta'ee lafarratti hagamillee kaddaamamtoota worri jedhaman yoo jiraatan,
6
Nuuf wonti martinuu isa irraa nuu ta'e, nullee ka isaa ka taane Waaqa kaddaamamaa Aabbaa tokkicha qabna. Wonti maruu karaa isaatiin ta'e, nullee worri ka isaa taane Gooftaa tokkicha Yesuus Kiristoosiin qabna.
7
Haata'uu ammoo, beekkomsi kun namoota maraa biratti hin argamu, gariin ammoo waaqa tolffamaa haga ammaa waan barataniif ka waaqa tolffama'aaf woreegame jedhan waan nyaataniif sammuun isaanii dadhabaa waan ta'eef hin xuraaya.
8
Nyaanni ammoo gara Rabbii nu hin dhiyeessu. Yoo hin nyaannellee womaa nu hin miidhu, yoo nyaannellee womaa bu'aa nu hin qabu.
9
Haata'uu ammoo, mirgii keessan dadhabdootatti gufuu akka hin taane uf eegaa'a.
10
Ati ka beekkomsa qabdu, nyaata mana waaqa tolfama'aa bira uduu teettu, namni tokko uduu si argee, namni sun uduu dadhabaa ta'ee, ka waaqa tolfama'aaf dhiyaatu san nyaatu'uuf hin kajeeluu?
11
Beekkomsa keetiin dadhaba'aan ka bada'a jettu; inni kun obboleessa Kiristoos du'eef.
12
Eegasuu obboleeyyan yakka'aa; sammuu isaanii dadhabaa madeessa'aa, Kiristoosiin yakkitan.
13
Kanaafuu nyaanni yoo obbooleessa kiyya ka gufachiisu ta'e, obboleessa kiyya akka hin gufachiifne sirimaa baraa haga bara baraatiiti foon hin nyaadhu.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16