bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
1 Corinthians 12
1 Corinthians 12
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
1
Obboleeyyan tiyya! Waan Ayyaana Woyyu'uu akka beettan fedha.
2
Akkuma hennaa worra Yihuudota hin taane turtan, gara waaqa tolfamaa laagaa hin qabnee masakkama'aa turuu keessan hin beettan.
3
Kanaafuu eennullee Ayyaana Rabbiitiin yoo dubbatu, Yesuus ka abaarame ka jedhu tokkollee akka hin jirre; Ayyaana Woyyu'uun yoo ta'e malee, «Yesuus Goofta'a» jechuu tokkollee akka hin dandenne isin beessisa.
4
Kennaan badhaadhaa adda adda, Ayyaanni ammoo tokko.
5
Tajaajillillee adda adda, Gooftaan tokko.
6
Akkaataan hujii isaallee adda adda, Rabbiin maraa godhu ammoo tokko.
7
Haata'uu ammoo kennaan Ayyaanaa ka nama maraa keessatti mudhatu bu'aa nama maraatiif kennama.
8
Tokkoo ogummaa dubbachuu Ayyaanaan kennamaaf; tokkoollee Ayyaanuma saniin beekkomsaan dubbachuun kennamaaf.
9
Tokkoo Ayyaanuma saniin amantaa, tokkoollee Ayyaanuma tokko saniin kennaa fayyisu'uu,
10
Tokkoo maalalee godhuu'u, tokkoollee raaga dubbachuu, tokkoo ayyaana hamaa adda baasuu, tokkoollee laagaa adda addaa dubbachuu, tokkoo ka laagaa addaatiin dubbatame hiikuun kennamaaf.
11
Kana maraa ammoo Ayyaanni tokko sun akka fedha ufiititti qooda'aa hojjata.
12
Akkuma nafti tokko qaama heddu qabu, qaamoon nafaa martinuu uduu heddu ta'aniiran, qaama tokko akka ta'an; Kiristoosillee akkasuma.
13
Yihuudii yoo taane, namoota Giriikii yoo taane, garboota yoo taane, wolabootallee yoo taane, nu martinuu Ayyaana tokkoon qaama tokko akka taanu waan cuuphamneerruuf, nu martinuu Ayyaana tokko keessaa dhunneerra.
14
Nafti qaama heddu malee, qaama tokko waan hin taaneef.
15
Lutti harkaan, «Ani harka miti, qaama nafaatiillee miti» yoo jettee; akkas jette'eef kutaa nafaa ta'uun isi'ii hin hafaa?
16
Gurrillee ani ija waan hin taaneef, qaama nafaatii miti uduu jedhee, kana jedhe'eef kutaa nafaa ta'uun isaa hin hafaa?
17
Nafti maruu uduu ija ta'ee, silaa dhagayuun eessa jira? Maruu uduu gurra ta'ee, silaa maali'iin ulanna?
18
Amma ammoo Rabbi akka fedha ufiititti qaamoolee san adduma addaan nafa irra godheera.
19
Maruu uduu qaama tokko ta'ee, nafti silaa eessaa argamaa?
20
Haata'uu ammoo amma qaamooleen hedduu, nafti ammoo tokko.
21
Ijji harkaan na hin barbaachiftu jechuu hin dandeettu yookiin mataan akkasuma lukaan na hin barbaachiftan jechuu hin danda'u.
22
Haata'uu ammoo qaamni namaa ka dadhabaa fakkaatan nafa caalaa barbaachisan.
23
Qaamoolee nafaa worra hin kabajjamne ka nutti fakkaatan, ulfinna caalu isaanitti uwwifna. Qaama keenna ka ittiin saalfannu ammoo ulfinnatu isaanii eda'ama.
24
Qaamooleen keenna ka ulfinna qaban ammoo, isaan hin barbaachisu. Haata'uu ammoo qaamooleen ufii sirri'itti akka wolii yaadaniif malee, nafaan akka gargar hin baaneef qaama kanniinii waan hanqate ulfinna caalu kenna'aati Rabbi akkanaan nafa wolitti qamashe.
26
Qaamni tokkollee uduu rakkatee qaamni maruu isa woliin rakkatan, qaamni tokko yoo ulfinna argate qaamni maruu isa woliin gammada.
27
Isinillee nafa Kiristoosiiti, marti keessanuu qaama isaa ti.
28
Rabbillee woldaa Kiristaanaatitti dursee ergamoota, lammaffaa raattota, sadaffaa Barsiisota, maalalee godhuu, kennaa fayyisu'u, gargaarsa, bulchiinsaa fi laagaa adda addaa kenneera.
29
Maruu ergamootaa? Maruu raattotaa? Maruu barsiisotaa? Maruu maalalee hujanii?
30
Maruu keennaa fayyisu'u qabanii? Martinuu laagaa addaatiin dubbatanii? Maruu hin hiikanii?
31
Haata'uu ammoo kennaa badhaadhumma'aa ka maraa caalu jabaadha'aa barbaadaa'a. Akkasuma karaa waa maraa caalu isinitti mudhisa.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16