bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
1 Corinthians 10
1 Corinthians 10
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 11 →
1
Obboleeyyan tiyya! Kana akka beettan barbaada, Abboonni keenna maruu duumessa jala turan; maaruu galaana wodhakaa ceeyan.
2
Maruu Muuse'een wol fakkaachu'uuf duumeessaaf galaanaan cuuphaman.
3
Maruu nyaata Ayyaanaa san nyaatan; maruu dhuddoo Ayyaanaa san dhugan.
4
Marti isaaniituu untoo Ayyaana bifa tokkoo dhugan; untoon irraa dhuganillee dhagaa siida'aa ka faanaa deema'aa turan san; dhagaan sunillee Kiristoos.
5
Rabbi ammoo worra baayi'innaan isaan taru sanniinitti hin gammanne; waan lafa gammooji'iititti kufaniif.
6
Isaan kunninillee waan hamaa akkuma dharra'an, nullee akkasuma akka hin dharraane, Kun fakkeenna nuu ta'e.
7
«Baniin nyaachu'uu fi dhugu'uuf taa'anii; sirbu'uuf ka'an» jedhamee akkuma barreeffame isaan keessaa gari gariinillee akkasuma godhe, isinillee worra waaqa tolfamaa kaddaamu hin ta'inaa'a.
8
Isaan keessallee gari gariin akkuma seebaran guyyaa tokkotti kumni dhibba sadihii fi kumaatamaa olii akkuma kufan, nullee akka hin seebarre.
9
Akkuma isaan keessaa gari gariin Gooftaa qoranii bofaan dhuman, nullee akka Gooftaa hin qorre.
10
Isaan keessaa gari gariin akkuma gururi'anii waan ballessuun akka badan hin gururi'inaa'a.
11
Kun maruu fakkeenna akka nuu ta'uuf isaan irraa nu bira gaye; nu worra bara dhumaa kana keessa jirruuf akka uf eeggannuuf nuu barreeffame.
12
Kanaaf ka waan dhaabate itti fakkaate akka hin kufne ufi haa eeguu.
13
Qormaata nama maraa irratti ta'uun ala qormaanni woyiituu isin irra hin geenne; haata'uu ammoo haga dandeettan caalaa akka qoramtan Rabbiin hin eeyyamne amanama'aa. Obsuu akka dandeettan qorumsa woliin karaa baataniinillee isinii qopheessa.
14
Kanaaf obboleeyyan tiyya! waaqa tolfamaa kaddaamuu irraa fagaadhaa'a.
15
Waan qalbii qabdaniif kana jedha, waan ani jedhutti isinuu murteessaa'a.
16
Untoon eebbifnu ka eebbaa dhiiga Kiristoosii woliin ka tokkummaa qabuu mii? Xoroshoon cabsannu foon Kiristoosii woliin ka tokkummaa qabuu mii?
17
Xoroshoon tokko waan ta'eef, nullee xoroshoo tokko san irraa worra qoodamu waan taaneef, hagamillee heddu yoo taane nu nafa tokkocha.
18
Waan Israa'el namumma'aan godhe laalaa'a. Worri ciincaa nyaatan sunniin worra hulee ciinca'aa irraa qoodamuu mii?
19
Eeganaa maal jedha; ciincaa waaqa tolfama'aa waan bu'aa hin qabneef jedhaa? mo'o waaqa tolfamaa waan bu'aa hin qabne akka ta'u jedhaa? Miti.
20
Haata'uu ammoo worri Yihuudii hin taane ka ciinceessan jinni'ii akka ta'uuf malee, Rabbii akka hin woreenne jedha; jinnii woliin tokko akka taatan hin jaaladhu.
21
Untoo Goofta'aatii fi ka jinni'ii qixa dhuguu hin dandeettan; nyaata Goofta'aatii fi nyaata jinni'ii qixa qoodamuu hin dandeettan.
22
Moo Gooftaa haa hinaafsifnuu? Nu isa caalaa jabaannaa?
23
Maruu naa eeyyamameera; maruu ammoo hin fayyadu. Maruu naa eeyyamameera; Haata'uu ammoo ka keessa namaa qulqulleessuu miti.
24
Namni martinuu bu'a gosho'ootiif malee, tokkollee waan ufii hin barbaadin.
25
Waan gabayaa fooniititti gurguramu maraa uduu hin shakkine nyaadhaa'a.
26
«Ka lafaa fi lafarra guute maruu ka Goofta'aa waan ta'eef.»
27
Worra hin amanne keessaa tokkollee yoo isin waame dhaquu yoo barbaaddan yaada keessaniin uduu hin shakkine waan isinii dhiyeessan maraa nyaadhaa'a.
28
Namni tokkollee kun ciincaa waaqa tolfama'aaf dhiyaate yoo isiniin jedhe; sababa namichi waan san isinitti himeef sababii shakkii qalbii teessaniitiif hin nyaatinaa'a.
29
Yaada hiriyyaa keetiitiif malee yaada mataa keetiitiif hin dubbadhu. Wolabummaa kiyya irratti yaada nama biraatiin narratti murteeffamaa?
30
Anillee badhaadha Rabbiitiin yoo nyaadhe, waan itti galateeffadhuuf maali'iif arrabamaa?
31
Eegasuu waan dhuddanii fi waan nyaattan yoo ta'e yookiin waan kamiinillee yoo gootan, waa maraa ulfinna Rabbiitiif godhaa'a.
32
Ani ammoo hedduun isaanii akka fayyaniif bu'aa isaaniitiif malee, bu'aa kiyya uduu hin barbaanne waa maraanuu nama maraa akka gammachiisu Yihuudii, namoota Giriikiitii fi woldaa Kiristaanaa ta Rabbiitittillee gufuu hin ta'inaa'a.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16