bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
1 Corinthians 13
1 Corinthians 13
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 14 →
1
Laagaa addaa ka namootaatii fi ka maleekkotaatiiniillee yoo dubbadhe, jaalala ammoo yoo hin qabaanne, akka sibiila shakashaka jedhuuti.
2
Raaga dubbachuu yoo qabaadhe, dhossaa maraaf beekkomsa maraa yoo beeke, haga gaarran hule'ee kaasuutti amantaa maraa yoo qabaadhe, jaalala ammoo yoo hin qabaanne duwwa'a.
3
Hiyyeeyyii nyaachiisu'uuf, waan qabu maraa yoo qoode, foon kiyyallee yoo ibiddaaf kenne, jaalala ammoo yoo hin qabaanne, womaa hin fayyadu.
4
Jaalaltti hin obsiti, hin arjoomti, jaalaltti hin hinaaftu, jaalaltti uf hin jajju,
5
Waan hin taane hin hojjattu, waan ufii hin barbaadduu, hin biibboftu, hin aartu, gadoo hin laakkayattu.
6
Dhuga'atti gammaddi malee, waan dharaa irratti hin gammaddu.
7
Maraa obsiti, maraa amanti, maraa abdii godhatti, waa maraa hin ciniinnatti.
8
Jaalalti hennaa maraa hin kuftu, raaguun ammoo hin hafa, laagaa harawwaniin dubbachuun hin hafa, beekkomsallee yoo ta'e hin bada.
9
Wonti nu beennu hago'o, raaga keessaallee hagoo waan dubbannuuf.
10
Inni guutuun yoo dhufe, hagoon sun hin hafa.
11
Hennaa ijoolle'ee, akka ijoolle'ee dubbadha, akka ijoolle'ee yaada, akka ijoolle'eetitti laakkaya, haga ka'imoome ammoo amala kiyya ka ijoollumma'aa dhiiseera.
12
Adha akka waan ufargaa dimimmisaa keessa laaluuti; hennaa san ammoo addaata'atti wol argina. Wonti amma beeku hago'o. Hennaa san ammoo anillee akkasuma akka beekkame hin beeka.
13
Yoo akkana ta'e amantiin, abdiiniif jaalalti kunniin sadiin jabaatanii jiraatan, kanniin maraa ka caalu jaalala.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16