bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
1 Corinthians 14
1 Corinthians 14
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
1
Jaalala faanaa deemaa'a; kennaa Ayyaanaa keessattuu raaga dubbachuu jabaadha'aa barbaadaa'a.
2
Ka afaan haarawa dubbatu Rabbiif malee namaaf hin dubbatu, ka hubatu hin jiru, Ayyaanaan ammoo dhossaa dubbata.
3
Ka raaga dubbatu ammoo ijaaru'uuf, gorsu'uuf, jajjabeesu'uuf namatti dubbata.
4
Ka afaan haarawa dubbatu uf ijaara. Ka raaga dubbatu ammoo woldaa Kiristaanaa ijaara.
5
Isin maruu akka afaan haarawaan dubbattan fedha; Kana caalaa raaga uduu dubbattanii fedha; akka woldaan Kiristaanaa ijaaramutti dubbii yoo hin hiinne afaan haarawaan ka dubbate irra ka raaga dubbatutu caala.
6
Amma ammoo obboleeyyan tiyya! Gara keessan dhufee uduu afaan haarawa dubbadhee, mudhata yookiin beekkomsa yookiin raaga yookiin barumsa yoo isinitti hin himne maal isin fayyada.
7
Wonti lubbuun keessa hin jirre boobaa, kiraarii, laagaa dhageessisee garaagarummaa laaga'aa yoo hin ibsine ka boobaa yookiin kiraarii dhayuu faaruun attamitti beekkama?
8
Akkasuma xurumbaan laagaan isaa addaan bayee yoo hin beekamne eentu lolaaf qophaaya ree?
9
Akkasuma isin ammoo dubbii hubatamaa afaaniin yoo hin dubbanne namoonni waan isin dubbata'aartan attam godhanii hubatan? Nama qilleensatti dubbate waan taataniif.
10
Adunyaa irra maal laataa afaan lakkoofsaa oliititu jira. Afaan hiikkaa hin qabne hin jiru.
11
Eeganaa yoo ani hiikkaa afaan sanii hin beenne, namicha itti dubbata'aarutti keessummaa ta'a. Anaa dubbadhuullee keessumaa'a.
12
Akkasuma ammoo isin kennaa Ayyaana woyyu'uu jabeessitanii worra barbaaddan yoo taatan, woldaa Kiristaanaa jabeessu'uuf akka isinii badhatu barbaadaa'a.
13
Kanaaf ka afaan haarawa dubbatu, akka hiiku Rabbiin haa kadhatuu.
14
Ani afaan haarawaan yoo faateffadhu Ayyaana kiyyatu faateffateffata; sammuun kiyya ammoo womaa hin qabu.
15
Eeganaa maal godhuu? Ayyaanaan faateffadha; Akkasuma sammu'uunillee hin faateffadha; Ayyaanaan hin faarfadha; akkasuma sammu'uunillee hin faarfadha.
16
Akkana yoo hin taane, yoo ati Ayyaanaan eebbiftu, namni hin baranne taa'ee waan ati jedha'aartu yoo hin beenne, «Attam godhee, galata keetii Amiin» jedhaa?
17
Ati akka misha'aatti galateeffatta; ka biraa ammoo ittiin hin jabaatu.
18
Ani isin maraa caalaa afaan haarawaan waan dubbadhuuf Rabbii kiyya hin galateeffadha.
19
Haata'uu ammoo, kaawwan akkasuma barsiisu'uuf woldaa Kiristaanaa keessatti dubbii hagaa olii afaan haarawaan dubbachu'uu mannaa, dubbii shanii sammuu kiyyaan dubbachuu jaaladha.
20
Obboleeyyan tiyya! Sammu'uun daa'iman hin ta'inaa'a. Waan dharaatiif daa'imman ta'aa'a; worra sammu'uun bilchaattan ta'aa'a.
21
Akkana jedhamee seera keessatti barreeffameera. «‹Afaan haarawa namoota dubbataniif, afaan biraatiin banii kanatti hin dubbadha; akkanallee ta'ee naa hin dhagayan› jedhe Gooftaan.»
22
Eeganaa afaan haarawaan dubbachuun worra hin amanneef malkata malee, worra amananiifii miti. Raaga dubbachuun ammoo worra amanneef malee ka hin amanneefii miti.
23
Eeganaa woldeenni Kiristaanaa maruu wolgayanii, yoo afaan haarawaan dubbatan, namoonni hin baranne yookiin hin amanne uduu seenanii, «Maraataniiran» hin jedhanii?
24
Uduu maruu raaga dubbatanii ammoo, ka hin amanne yookiin namni hin baranne uduu seenee martinuu cubbuu isaa hubatee gaabba; waan maraa hin qorata.
25
Waan garaa isaatitti dhokkatellee hin ibsa, akkasuma, «Dhugamaan Rabbi isaan jidduu jira» jedhee dubbata'aati afo'otti kufee Rabbii sagada.
26
Eeganaa obboleeyyan tiyya! maali'i? Hennaa wolgeettan maraafuu faaruu, barumsa, mudhata, afaan harawaan dubbatu'uu fi ka hiikullee maruu ijaaru'uuf haata'u.
27
Ka afaan haarawa dubbatu yoo jiraate, lama yookiin yoo guddate sadi ta'ee kore koree haa dubbatanii, tokko ammoo haa hiikuu.
28
Yoo ka hiiku hin jiraanne ammo woldaa Kiristaanaa wodhaka'atti cadhisee, ufii Rabbiin woliin haa dubbatuu.
29
Raattonni lama yookiin sadi ta'anii haa dubbatanii, kuuwwan ammoo adda isaanii haa baasanii.
30
Worra achi taa'an ka biraatitti wonti tokko yoo isaa ifeef ka duraa haa cadhisuu.
31
Maruu akka baratuuf maruu akka gorfamuuf raaga dubbachuu hin dandeettan.
32
Ayyaanni raattotaa, raattotaaf ajajama;
33
Rabbii Waaqa nagayaati malee, Waaqa wocaa waan hin taaneef. Woldaa Woyyuu Kiristaanaa marattuu akkanuma.
34
Dubartoonni woldaa Kiristaanaa keessatti haa cadhisanii. Seerri akkasuma akka jedhu akka ajajamtaniif malee, akka dubbatan waan isaanii hin eeyyamamneef.
35
Dubarti'iif woldaa Kiristaanaa wodhaka'atti dubbachuun fokkuu waan ta'eef, woma kamuu baratuu yoo fedhan, mana ufiititti abbaa manaa ufii haa gaafatanii.
36
Maali'i? Dubbiin Rabbii isin biraa dhufee? Yookiin gara keessan callaa gayee?
37
Eennullee raaga yookiin nama Ayyaanaa waan ta'e yoo itti fakkaate ka isinii barreesse kun ajaja Goofta'aa akka ta'e haa beeku.
38
Eennullee namni kana hin beenne yoo jiraate, inninuu hin beekin.
39
Kanaaf obboleeyyan tiyya! Raaga dubbachu'uuf jabeessa'aa barbaadaa'a; afaan haarawaan dubbachuu hin dhoogginaa'a.
40
Haata'uu ammoo, maruu haalaa fi seeraan haata'u.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16