bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
1 Corinthians 16
1 Corinthians 16
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
1
Woyyoota Rabbiitii birrii wolitti fuudhuu akkuma Woldaa Kiristaanaa ka Galaatiya'aatii seera baase, isinillee akkasuma godhaa'a.
2
Birrii wolitti guruun hennaa ani dhufe akka hin taane, isin keessaa gari gariin keessan jalqaba torbaanii akkuma ta'etti ka qabu irraa hanbisa'aa mana ufii haa kaayuu.
3
Eennuunillee yoo ta'e, worra amanaman namoota isinitti fakkaatan, waan isin arjoomtan san gara Yerusaaleemii akka geessan xalayaa itti kennee isaan erga.
4
Akkasuma ani yoo ka deemuu na woliin deeman.
5
Hennaa deemu Maqedooniyaa keessa waan lufuuf, gara keessan dhufa.
6
Isinillee hulee ani dhaqu maraa, deemsa kiyyaaf akka na gargaartan, maallaataa isin bira tura yookiin hin bubula ta'a.
7
Amma ammoo karaa saniin hennaa lufu isinitti goruu waan hin barbaanneef, yoo Gooftaan jedhe bara ta'e isin bira turu'uuf abdii godha.
8
Efesoonitti ammoo haga Ayyaana shantamaffa'aa tura.
9
Balbali guddaan huji'ii naa banameera, worri na morman ammoo heddu.
10
Ximootiwoos isin bira yoo dhufe, inni sodaa malee isin woliin akka taa'u godhaa'a. Akkuma kiyya akkasuma hujii Goofta'aa waan hojjatuuf, kanaafuu eennullee akka isa hin tuffanne.
11
Haata'uu ammoo obboleeyyan isaa woliin waan isa eeguuf, nagayaan gara kiyya akka dhufu, waan imala isaatii ta'uun gargaara'aan.
12
Waan obboleessa keenna Aphiloosii ammoo obboleeyyan isaa woliin gara keessan akka deemuuf guddisee kadheen ture, Inni ammoo amma dhufuu hin barbaadu, yoo toleef ammoo hin dhufa.
13
Dammaqaa'a; amanta'aan jabaadha'aa dhaabadhaa'a, guddadhaa'a.
14
Isin biratti wonti maruu jaalalaan haata'u.
15
Obboleeyyan tiyya! Maatiin Isxifaanosii hangafa Akaayiyya'aa akka ta'an woyyootallee tajaajilu'uuf akka ufi kennan hin beettan.
16
Worra akka isaanii jiraniif isa woliin hojjatu, worra dadhaban maraaf isinillee akka ajajamtaniif isin kadhadha.
17
Isxifaanosi, Fardonaxisii fi Akaayiqosi garana dhufuun isaanii na gammachisa. Waan hennaa isin na woliin hin jirre na jalaa dhidhate naa guutaniiraniif.
18
Garaa kiyyaa fi garaa keessan gab waan godhaniif, eegasuu namoota akkana jiran kanniin beeka'aan.
19
Woldeenni Kiristaanaa ta Isiya'aa nagaya isinii dhaamaniiran. Aqilaa, Pherisqilla'aa fi woldeenni Kiristaanaa ta mana isaanii jirtu woliin maqaa Goofta'aatiin nagaya guddaa isinii dhaamaniiran.
20
Obboleeyyan maruu nagaya isinii dhaamaniiran. Dhungoo woyyu'uun nagaya wol gaafadhaa'a.
21
Ani Phaawuloos nagaya kana harkuma kiyyaan barreesseera.
22
Gooftaa Yesuus Kiristoosiin ka hin jaalanne yoo jiraate, ka abaarame haata'u. Gooftaa keenna koottu.
23
Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haata'u.
24
Jaalalli kiyya karaa Yesuus Kiristoosiitiin isin maraa woliin haa ta'u! Amiin!
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16