bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
1 Corinthians 2
1 Corinthians 2
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
1
Ani obboleeyyan tiyya! Hennaa gara keessan dhufe, namoota biraa caalaa dubbachu'uun yookiin ogumma'aan ragaa waan Rabbii isinitti hima'aa hin dhufne.
2
Isin jidduu hennaa jiru, waan Yesuus Kiristoosii malee, innillee akka inni fannifame malee waan biraa akka hin beenne waan kutadhee tureef.
3
Anillee dadhabi'ii fi soda'aan holluu gudda'aan isin bira ture.
4
Amantaan keessanillee hunna Rabbiitiin malee, akka ogummaa namaatiin hin taane, dubbiin kiyyallee Ayyaanaa fi hunna ibsu'uun malee, dubbii ogumma'aa ta sheele'eetiinii miti.
6
Worra bilchaatan wodhakka'atti ammoo ogummaa dubbanna, haata'uu ammoo, Ogummaa worra adunyaa tanaa ti miti. Ogummaa adunyaa tanaa ta diiggamtu ta akka ogummaa bulchoota saniitii miti.
7
Haata'uu ammoo Rabbi firrisa barootaan duratti ulfinna keennaaf waan murteesse, ka dhokatee ture dhossaa ogummaa Rabbii dubbanna.
8
Bulchoota biyya kanaa keessaa tokkollee ogummaa kana hin beenne. Uduu beekanii, Gooftaa ulfinnaa silaa hin fannisan.
9
Haata'uu ammoo, «Ka ijji hin argine, ka gurri hin dhagenne; waan qalbii namaatitti hin yaadamne, waan Rabbi worra isa jaalataniif qopheesse» jedhamee akkuma barreeffame akkasuma dubbanna.
10
Rabbi Ayyaana ufiitiin wonti gadi fago'oollee uduu hin hafin maraa waan qoruuf, nutti Rabbi karaa Ayyaana ufiitiin uf ibse.
11
Waan nama tokko keessa jiru, Ayyaana isa keessa jiru san malee, ka biraa ka beeku eennu? Akkasuma ammoo Ayyaana Rabbii malee, ka Rabbiin beeku eennullee hin jiru.
12
Nu ammoo waan Rabbiin irraa akkanumaan nuu kenname akka beenuuf, Ayyaana Rabbiin irraa ta'e fudhanne malee, Ayyaana adunyaa tanaa hin fudhanne.
13
Waan Ayyaanaa wol bira qabnee waan dubbii Ayyaanni nu barsiisuun akkasuma dubbanna malee, dubbii ogummaan namaa nu barsiisuunii miti.
14
Nama akka umameen jiruu, wonti Ayyaana Rabbii waan gowwummaa ta'eef hin fudhatu; dubbiin Ayyaanaa waan Ayyaana Rabbiitiin qoramuuf namni foonii beeku hin danda'u.
15
Namni Ayyaana Rabbii qabu ammoo, maraa qora; inni ammoo eennuunuu hin qoramu.
16
Barreeffamni Woyyuun, «Yaada Goofta'aa ka beeku eennu? ka gorsa isaa kennu eennu» Nu ammoo qalbii Kiristoosii qabna.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16