bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
1 Corinthians 7
1 Corinthians 7
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
1
Waan wonta naa barreessitanii san namaaf dubartii bira gayuu diduun misha'a.
2
Haata'uu ammoo, sababaa rakkoo seebaraatiif dhiirtii martinuu haadha manaa ufii haa qabaatuu. Akkasuma dubartiin martinuu abbaa manaa ufii haa qabaattuu.
3
Abbaan manaa haadha manaa ufiitiif waan isi'iif ta'u haa godhuufii, akkasuma ammoo haati manaa abbaa manaa ufiitii.
4
Haati manaa qaama ufii irratti baallii hin qabdu; baalliin ka abbaa manaa isi'iiti. Akkasuma ammoo abbaan manaa qaama ufii irratti baallii hin qabu; baalliin ka haadha manaa isaati.
5
Faate'een jabaatu'uuf jettanii, woliigaltanii haga henna'aatiif yoo ta'e malee, wol hin dhoggatinaa'a. Uf qabuu dadhabdanii seexxani akka isin hin qorre woliin jiraadhaa'a.
6
Haata'uu ammoo ani isin gorsu'uuf malee, isin ajaju'uufii miti.
7
Namni maruu akka kiyya uduu ta'ee, hin jaaladha. Haata'uu ammoo, namni maruu kennaa badhaadha Rabbi isaaf kenne qaba. Isa tokkoo kennaa kana; isa kaaniif kennaa biraa kenne.
8
Amma worra hin fuunnee fi hin heerumnee akkasuma haadha hiyyeessaa akka kiyya fuudhaa fi heeruma malee uduu taa'anii misha'a.
9
Haata'uu ammoo dharra'aan gubachuu irra fuudhu'uu fi heerumuu woyya. Uf qabuu yoo dadhaban haa heerumaanii yookiin haa fuudhanii.
10
Haati manaallee abbaa manaa ufii irraa hin fooyamin. Yoo fooyamte ammoo heeruma malee haa teettuu yookiin abbaa manaa ufiitiin haa araaramtuu; abbaan manaallee haadha manaa ufii hin dhiisin jedhee worra wol fuudhe ajaja. Ajanyi kunillee ka Goofta'aa ti malee kiyyaa miti.
12
Ani kaawwaniinillee akkana jedha, Goofta'aa miti, worra dhiiraa keessaa ka haadha manaa hin amanne qabu yoo jiraate, isiinillee isa woliin jiraatuu yoo jaalatte, akka hin dhiifneen.
13
Ta abbaa manaa hin amanne qabduu yoo jiraatte inni sun isii woliin taa'uu yoo fedhe akka hin dhiifneen.
14
Abbaan manaa hin amaniin haadha manaatiin woyyoomeera, haati manaa hin amannellee abbaa manaa ufiitiin woyyoomteerti akkas ta'uu baannaan ijoolleen isaanii battoota; amma ammoo woyyoota.
15
Ka hin amanne ammoo yoo fooyame haa fooyamuu; dhiirti yookiin intalti waan kana keessatti hin hidhamin. Rabbi ammoo nagayaaf nu waameera.
16
Ati dubartii nana abbaa manaa kee uduu ka fayyiftu taatee beettaa? Yookiin ati namana haadha manaa tee uduu ka fayyiftuut beettaa?
17
Isin maruu akkuma kennaa Gooftaan isinii kenneetiif akkuma hennaa Rabbi isin waamee jiraattaniititti jiraadhaa'a. Ajanyi ani tokkummaa woldaa Kiristaanaatii kennu kanuma.
18
Namni haga gadoomeen maayii yoo Rabbiin waamame akka nama gadoomee hin ta'in. Yoo uduu hin gadoomne Rabbiin waamamee jiraate, gadoomuun isa hin barbaachisu.
19
Gadoomu'uuf gadoomuu dhabuun duwwa. Ajaja Rabbii eegu'u malee.
20
Namni martinuu akkuma itti waamame sanitti haa jiraatuu.
21
Garbicha taatee uduu jirtu yoo waamamte, womaa miti. Wolaba bayuun yoo sii danda'ame ammoo wolabummaa fudhadhu.
22
Garbicha ta'ee Goofta'aan ka waamame, Goofta'aan bilisa; akkasuma bilisa ta'ee ka waamame garbicha Kirstoosiiti.
23
Gati'iin bitamtaniirtan; garbicha namaa hin ta'inaa'a.
24
Obboleeyyan tiyya! Martinuu akkuma itti waamametti akkasuma ta'ee Rabbiin woliin haa jiraatuu.
25
Waan qerro'otiif qeerritti'ii Gooftaan ajaja nati hin kennine. Ani ammoo akka nama araara Goofta'aa argatee abdatameetitti gorsa kana isin gorsa.
26
Eeganaa rakkoo ammaatiif kun mishaa natti fakkaata. Namni akkana ta'e yoo jiraate misha'a
27
Haadha manaa fuutee yoo jiraatte, hiikuu hin hawwin; haadha manaa yoo hin fuune fuudhuu hin hawwin.
28
Qeerrichi yoo fuudhe cubbuu hin hojjatu. Qeerrittiinillee yoo heerumte cubbuu hin hojjattu. Haata'uu ammo adunyaa tana irratti worri fuudhanii fi heeruman, jireenna isaanii keessatti rakkoo heddu qaban. Ani ammoo rakkinna kana jalaa akka baataniif jedhee isin gorsa.
29
Haata'uu ammoo obboleeyyan tiyya, wonti ani isiniin jedhu kana. Barri gabaabaa ta'eeraa, ammaa achi worri haadha manaa qaban akka waan hin qabnee haa ta'anii.
30
Worri booyanillee akka waan hin boonnee, ka gammadanillee akka waan hin gammannee, worri bitanillee akka waan womaa hin qabnee haata'anii.
31
Worri adunyaa tanattillee fayyadaman maruu akka waan hin fayyadamne haata'an. Biftii adunyaa tanaa waan luftuuf.
32
Haata'uu ammoo yaada malee akka jiraattan jaaladha. Ka hin fuune, Gooftaa attamitti akka gammachiisu waan Goofta'aa yaada.
33
Ka fuudhe ammoo haadha manaa ufii attamitti akka gammachiisu waan adunyaa tanaa yaada. Yaanni isaallee qoodameera.
34
Dubartiin hin heerumne yookiin durbii duudaan fooniinillee Ayyaanaan akka woyyoomaniif waan Goofta'aa yaadan. Ta heerumte ammoo abbaa manaa ufii attamitti akka gammachiiftu waan adunyaa tanaa yaaddi.
35
Kanallee bu'aa mataa keessaniitiif jedha; akka ta'utti akka jiraattan uduu hin saattoofne Goofta'aan akka dhaabattaniif malee isinitti jabeesu'uuf jedheetii miti.
36
Haata'uu ammoo namni tokko qaadhima isaa irratti waan mishaa akka hin goone yoo yaade; ta inni qaadhimate sun umuriin isi'ii heerumaaf yoo gaye; fuudhu'uuf yoo murteesse; waan jaalate haa godhuu; cubbuu waan hin taaneef wol haa fuudhanii.
37
Uduu hin raafamne yoo kutaate ammoo waan isa giddisiisu hin qabu; waan jaalate akka godhu eeyyamameeraaf, ta qaadhimate san fuudhuu dhiisu'uuf yoo murteeffate mishaa godhe.
38
Akkasuma durba duudaa ka fuudhe waan mishaa godhe; ka hin fuunellee ka caalu godhe.
39
Dubartiin hennaa abbaa manaa ufii woliin jirtu isaan wolitti hidhamteerti; yoo abbaan manaa isi'ii du'e ammoo, Gooftaa haa qabaatuu malee, ka jaalattetti heerumu'uuf wolaba.
40
Akka gorsa kiyyaatitti ammoo akkuma jirtutti uduu teettee gammachuu qabdi, anillee waan Ayyaana Rabbii uf keessaa qabu seeya.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16