bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
1 Corinthians 11
1 Corinthians 11
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 12 →
1
Akka ani Kiristoosiin fakkaadhu isinillee na fakkaadhaa'a.
2
Obboleeyyan tiyya! Waa maranuu waan qaabattan, waan ani isin barsiise waan qaabattaniif isin galateeffadha.
3
Haata'uu ammoo, mataan dhiiraa Kiristoos, mataan dubarti'ii dhiira, mataan Kiristoosii Rabbiin ta'uu isaa akka beettan fedha.
4
Dhiirri haguuggatee faateffatu yookiin raaga dubbatu maruu uf salphisa.
5
Akkasuma dubartiin uduu hin haguugganne faateffattu yookiin raaga dubbattu maruu uf saliphiifti. Kun akka waan mataa ufii haadatteetitti laakkayama.
6
Dubartiinillee mataa ufii uduu hin haguugganne rifeensa ufii yoo hin dhoffane ammoo haa cirattuu, dubarti'iif ammoo rifeensa murachuun yookiin haadachuun ka saalfachiisu yoo ta'e rifeensa ufii haa itti haguuggattuu.
7
Dhiirri fakkeennaa fi ulfinna Rabbii worra mudhisan waan ta'aniif, mataa ufiititti hin haguuggatin, dubartiin ammoo ulfinna dhiiraati.
8
Dubarti'itu dhiira irraa argame malee, dhiirti dubartii irraa hin argamne.
9
Akkasuma dubartiin dhiiraaf uumamte malee, dhiirti dubarti'iif hin uumamne.
10
Dubartiin takka sababa kanaaf Maleekkaa Rabbii afo'otti baallii jala jiraachuu isi'ii mudhisu'uuf, haguugguu mataa irraa qabaachu'utu ta'aaf.
11
Haata'uu ammoo Gooftaa biratti dubartiin dhiira malee, dhiirtillee dubartii malee hin jiraatan.
12
Akkuma dubartiin dhiira irraa argamte; akkasuma dhiirtillee dubartii irraa dhalate; maruu Rabbiin irraa argaman.
13
Isinummaan uf jiddu'utti murtessaa'a. Dubartiin rifeensa ufii uduu itti hin haguugganne Rabbiin faateffachuun hin ta'aa?
14
Dhiirri rifeensa uduu dheeressee akkuma salphinnaa ta'e, dubartiin ammoo rifeensa yoo guddifatte ulfinna akka isi'ii ta'u uumamninuu isin hin barsiisuu? Rifeensi ulfinna akka isi'ii ta'u waan kennameeruuf.
16
Haata'uu ammoo eennullee mormuu yoo fedhe nuu yookiin woldaan Kiristaanaa ta Rabbii aadaa akkana'aa kana hin qabnu.
17
Haata'uu ammoo hennaa wolgeettan waan bada'aaf malee, waan misha'aaf waan hin taaneef ajaja kana yoo isinii kennu isin hin galateeffadhu.
18
Dura hennaa gara Woldaa Kiristaanaa dhuftan, isin jiddu'utti wol qoqqooduun akka jiru waan dhagaya'aaruuf karaa tokkoon hin amana.
19
Isin biratti worri qoraman akka saaxilaman isin jiddu'utti akkasuma ta'uun giddi'i.
20
Eeganaa hennaa wolgeettan wonti nyaattan hurbaata Goofta'aatii miti.
21
Hennaa nyaataa, maruu hurbata ufii waan nyaatuu, tokko hin beelaya, tokko ammoo hin machaaya.
22
Manniin itti nyaattaniif itti dhuddan hin qabdanii? Mo'o Woldaa Rabbii tuffattanii? worra waa hin qabne hin saalfachiiftanii? Ani maal isiniin haa jedhu? Waan kanatti isin haa galateeffadhuu ree? Isin hin galateeffadhu.
23
Waan Isinitti dabarsee keenne ani Gooftaa irraa fudhadheera. Galgala gaafa Gooftaan Yesuus dabarfamee kenname xoroshoo kaasee galateeffatee cabsee,
24
Hoo'aa nyaadhaa'a, «Kun foon kiyya, ka isinii ta'u; kana ittiin na qaabadhaa'a» jedhe.
25
Akkasuma hurbaataan maayii, untoo ol fuudhee, «Untoon tun waadaa dhiiga kiyyaan ta'u ka waadaa haarawaati; hennaa dhuddan maraa kana yaadannoo kiyyaaf godhaa'a» jedhe.
26
Hennaa xoroshoo kana nyaattanii fi untoo kana dhuddan maraa; Gooftaan haga deebi'ee dhufutti waan du'a isaa labsitan.
27
Kanaafuu uduu isaaf hin malle ka xoroshoo kana nyaate, yookiin ka untoo Goofta'aa dhuge maruu, gatiin foonii fi dhiiga Goofta'aa isa irra jira.
28
Namni uf qoree xoroshoo san haa nyaatuu; untoollee haa dhuguu.
29
Ka uduu isaa hin malle nyaatee dhuge, foon Goofta'aa waan gargar hin baafneef ufirratti murteessee nyaata'aa dhuga.
30
Kanaaf isin birratti worri dadhabaniif worri dhibaman namoonni hedduu hin jiran. Namoonni hedduunillee du'aniiran.
31
Dura uduu uf qorree silaa nutti hin murteeffamu.
32
Haata'uu ammoo hennaa nutti murteeffamu, adunyaa woliin akka nutti hin murteeffamne, Gooftaan nu gorsa.
33
Kanaaf obboleeyyan tiyya! Hennaa nyaataaf wolgeettan wol eegaa'a.
34
Eennullee yoo beelayee jiraate, hennaa wolgeettan akka murtii isinitti hin taane, mana ufiititti haa nyaatuu, waan hafellee hennaa dhufe isinitti hima.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16