bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
1 Corinthians 15
1 Corinthians 15
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
1
Obboleeyyan tiyya! Ka ani isinitti lallabe ka isinillee fudhattanii ittiin dhaabattan, akkasuma dubbii Rabbii ka fayyitaniin isin yaadachiisa.
2
Yoo duwwaa amantan malee dubbii attamiitiin akka isinitti lallabe isin qaabsisa.
3
Ani waan fudhadhe waan maraa dura dabarsee isinii kenne, akkuma kitaabni jedhu; Kiristoos waan cubbuu keennaatiif du'ee awwaalame;
4
akka kitaabni jedhe guyyaa sadaffa'aatitti ka'ee,
5
Keefa'atti mudhate; achiin maayii kudha lamaanittu mudhate.
6
Achiin maayiillee obboleeyyan dhibba shanii caalanitti hennaa tokkoon isaanitti mudhate. Isaan keessaallee garri caalu haga ammaa hin jiran. Gari gariin ammoo du'aniiran.
7
Achiin maayii Yaaqoobii fi ergamoota marattuu mudhate.
8
Maraayyuu maayessa ammoo, ana ka akka nama hennaa malee dhalateetitti laakkawamutti mudhate.
9
Ani ergamoota maraayyuu gadi waan ta'eef, Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii waan ari'eef, ergamaa jedhamee waamamuun naaf hin ta'u.
10
Haata'uu ammoo, ani ka badhaadha Rabbiitiin ergame. Badhaadhummaan naa kennamellee duwwaa hin turre; isaan maraa caalaa ammoo natu dadhabe; Haata'uu ammoo badhaadhummaa Rabbii ka na woliin jiru malee, anaa miti.
11
Eegasuu anii fi isaanillee sanuma lallabna; isinillee ka amantan sanuman.
12
Kiristoos du'aa akka ka'e yoo ka himamu ta'e, isin keessaa gari gariin du'aa ka'uun hin jiru attamitti jedhan?
13
Du'aa ka'uun worra du'ee yoo hin jiraanne Kiristoosillee du'aa hin kaane kaa?
14
Kiristoosillee du'aa yoo hin kaanee, eeganaa lallabni keenna duwwa'a. Akkasuma amantaan keessanillee duwwa'a. Akkasuma maruu Kiristoosiin jiraattota waan ta'aniif.
15
Akkasuma Kiristoosiin du'aa kaaseera jennee, Rabbii waan ranneef, sobdoota ragaa Rabbii taanee argamneerra. Worri du'an du'aa yoo ka hin kaane ta'e, isa hin kaafneen.
16
Worri du'an yoo ka hin kaane ta'e, Kiristoos hin kaane kaa?
17
Kiristoosillee yoo hin kaanee amantaan keessan duwwa'a. Isinillee haga ammaa cubbu'uun jiraattan.
18
Eegasuu worri Kiristoositti amanee du'e badeera jechu'u.
19
Jireennuma tana calla'aan yoo Kiristoosiin abdii godhanneerra ta'e, namoota maraa caalaa nu nama womaa hin beenne ka gaddaniif.
20
Amma ammoo Kiristoos worra du'anii hangafa ta'ee du'aa ka'eera.
21
Duuti karaa namaatiin waan dhufteef du'aa ka'iinsi worra du'ee karaa nama tokkootiin dhufte.
22
Akkuma namni maruu karaa Aadamiitiin du'an, akkasuma maruu Kiristoosiin jiraattota waan ta'aniif.
23
Haata'uu ammoo gari gariin kore kore'een ta'a. Kiristoos du'aa ka'u'uun akka hangafaati. Kanaan maayessa ammoo hennaa inni deebi'ee dhufutti, worri du'aa ka'an ka Kiristoosiiti.
24
Henna'aan maayii jeennata isaa Rabbi Abbaa isaatii dabarsee hennaa kenne, bulchu'uuf baallii maraa haga diigeen maayessa dhuma baraa ta'a.
25
Haga dintoota isaa maraa luka isaa jala godhuufiif jeennanni ta isaati.
26
Diinni maayii diiggamu du'a.
27
«Maraa waan luka isaa jala godheeruuf» Haata'uu ammoo, «Godheera yoo jedhu; Rabbii waan maraa luka isaa jala godhe san akka hin eda'anne kun addaata'a.
28
Wonti maruu haga baallii Kiristoosii jala ta'een maayii, Ilmillee Rabbii waa maraa isa jala godhe san jala uf taasisa. Rabbillee waa maraa guutumati bulcha.
29
Kana yoo ta'uu dhabaate, waan worra du'eetiif jedhanii worri cuuphaman bu'aan isaanii maali'i? Worri du'ellee sirima yoo ka hin kaane ta'e, bikka isaaniitiif worri cuuphaman maali'iif?
30
Nullee hennaa maraa maaf jireenna nama sodaachisu keessa jiraanna ree?
31
Boona Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosiif isiniin qabuun kakata'aa, obboleeyyan tiyya ani guyyaa guyyaan du'a.
32
Akka namaatitti Eefesoonitti bineensa woliin yoo wondhaansa baye, yoo ka worri du'e hin kaane; maal na fayyada? «Boru waan duunuuf haa nyaannee dhunnuu.»
33
Hin wollaalinaa'a! «Goshoon badaan amala mishaa namaa baleessa»
34
Qajeellumma'aan damaqaa'a. Cubbuullee hin hujinaa'a; worri Rabbiin hin beenne waan jiraaniif, isin saalfachiisu'uuf kana jedha.
35
Haata'uu ammoo, «Worri du'e attamitti ka'an, nafa attamiitiin dhufan?» Ka jedhu hin jiraata ta'a.
36
Ati gowwaa, sanyiin ati facaaftu uduu hin duune jiraataa hin ta'u.
37
Qamadii facaafta yoo ta'e, ka bifa biraa irraa tokko yoo ta'e, ka facaaftu diqqo'o malee, ka facaaftu ka nafa ta'uu miti.
38
Rabbi ammoo akkuma jaalate nafa kennaa maraa isaan ittisuu akkuma gosa isaaniititti sanyii nafa ufii isaanii kenna.
39
Foon maruu tokkoo miti. Foon namaa ammoo tokko, foon hori'ii ka biraati, foon simbiraa ka birati, foon qurxummi'iillee ka biraati.
40
Akkasuma nafti sami'iillee jira, nafti lafaa jira; haata'uu ammoo ulfinni nafa sami'ii adda, ulfinni nafa biyya lafaallee adda.
41
Ulfinni adu'uu tokko, ulfinni ji'aa ka biraati, ulfinni urjootaa ka biraati, ulfinni urjii tokkoo urjii biraa irraa adda.
42
Du'aa ka'uun worra du'aniillee akkanuma, shamnanaan facaafama. Qaama hin shamneen ka'a. Salphinnaan facaafama; ulfinnaan ka'a.
43
Dadhabbi'iin facaafama; jabeennaan ka'a.
44
Nafa uumamaatiin facaafama, nafa ayyaanaatiin ka'a. Nafti uumamaa yoo jiraate; nafti ayyaanallee akkasuma hin jira.
45
Akkasuma ammoo, «Namni duraa Aadam lubbu'uun jiraataa ta'e» jedhamee barreeffameera, Aadamiin maayessa ammoo Ayyaana jireenna kennu ta'e.
46
Haata'uu ammoo, firrisee ka uumamaa, itti aannee ka Ayyaanaati malee, dura ka Ayyaanaatii miti.
47
Namni dura lafa irraa waan uumameef ka lafaati, namni lammaffaan ammoo samii irraa dhufe.
48
Worri lafa irraa akkuma nama biyya lafaa san; worri samii irraa dhufan akkasuma nama samii irraa dhufe san.
49
Akkuma bifa nama lafa irraa uumamee san uffanne; akkasuma nafa nama sami'iillee hin uffanna.
50
Haata'uu ammoo, obboleeyyan tiyya! Akkana jedha; foonii fi dhiinni jeennata Rabbii dhaaluu hin danda'an. Ka shamullee ka hin shamne hin dhaalu.
51
Mee dhossaa tokko isinitti hima. Nu martuu hin duunu; haata'uu ammoo xurumbaan maayessaa yoo afuufame nu maruu akkuma tasaa haga limsuu ijaatitti hin jijjiiramna, xurmbaan waan afuufamuuf worri du'ellee ka hin shamne ta'anii ka'an, nullee hin jijjiiramna.
53
Kun ka shamu, ka hin shamne uffachu'uuf, ka du'u kunillee ka hin duune uffata.
54
Haata'uu ammoo, ka shamu kun ka hin shamne yoo uffatu, ka du'u kunillee ka hin duune yoo uffatu hennaa san, «Duuti mooyaatamu'uun liqimfame» jedhamee dubbiin barreeffame hin raawwatama.
55
Akkasuma, «Du'a! woraanni kee meeti? Du'a! Mooyachuun kee meeti?» jedhamee dubbiin barreeffame hin raawwatama.
56
Woraanni cubbu'uu du'a; hunni cubbu'uu seera.
57
Haata'uu ammoo karaa Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosiitiin mooyannaa ka nuu keennu Rabbii galanni haata'u!
58
Kanaaf obboleeyyan tiyya! Jaalatamtoota dadhabbiin keessan, Goofta'aan duwwaa akka hin taane, waan beettaniirtaniif, worra midhaaffatan ka hin sochoone worra hujiin Goofta'aa hennaa maraa isinii baay'ate ta'aa'a.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16