bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
1 Corinthians 4
1 Corinthians 4
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 5 →
1
Akkasuma namni nu akka hojjataa Kiristoosiitii fi worra dhossaa Rabbii ibsu'uuf amaanaan itti keenameetitti nu haa laakkayuu.
2
Akkanallee yoo ta'e worra amaanaan itti kenname biratti amanamaa ta'ee argamu'utu barbaachisa.
3
Haata'uu ammoo isin birratti yookiin nama biraa birratti yoo natti murtaaye, anaaf womaa miti; ani ufittuu hin murteessu.
4
Ufi irratti womaa waan hin beenneef, Haata'uu ammo, kanaan qajeellummaa hin argatu. Ka natti murteessu ammoo Goofta'a.
5
Kanaafuu ka dukkana keessatti dhokate akkasuma gara ifaa ka baasu ka gorsa onne'eellee ibsu Gooftaan haga dhufuutti hennaan uduu hin geenne waan tokkollee hin murteessinaa'a. Hennaa san isaan maraafuu galanni Rabbiin biraa ta'a.
6
Obboleeyyan tiyya! Amma isiniif jedhee kana maraa ufii kiyyaan Aphiloosiinillee akka fakkeennaatitti dubbadheera; waan barreeffamni woyyuun jedhe bira hin darbinaa'a jedhamee akka isin jiddu'utti beekamu nurratti akka laaltaniif namni tokkollee kaan jajee, nama biraa hin tuffatin.
7
Ati akka worra kaan caaltu eentu si taasise? wonti ati hin arganne maali'i? Eega isa irraa fudhatte amma maali'iif akka waan kan kee ta'eetitti uf jajja ree?
8
Amma quuftaniirtan, amma durreeyyii taataniirtan, nuun allatti mootii taataniirtan; nullee akkasuma isin woliin akka moonuuf uduu mootanii mishaa ta'a.
9
Adunyaa, Maleekkotaa fi namoota birrattillee worra taphaa taaneerra. Rabbi nu ergamoota akka namoota duuti itti murtayee waan maraa caalaa duuba akka taanu waan nu taasisan naffakkaata.
10
Nu Kiristoosiif jennee gowwoota, isin ammoo Kiristoosiin worra qalbii qabu, nu dadhaboota, isin ammoo jajjaboota, isin worra kabajjame, nu ammoo worra salphate.
11
Haga sa'aatii kanaa hin beelofna, hin dheebonna, hin daarra, gad qabamna, hin xaarra
12
Harka keennaan hujja'aa dadhabna, yoo nu arrabsan hin eebbifna, yoo nu ari'an hin obsina,
13
Hamaa yoo nutti dubbatan Rabbiin isaanii kadhana. Haga ammaa fishaa adunya'aatiif xurii lafa tanaa taaneerra.
14
Akka ijoollee jaaladhuutitti isin gorsu'uuf malee, isin saalfachiisu'uuf kana isinii hin barreessu.
15
Isin Kiristoosiin irraan haga guddiftoota kuma hedduullee yoo qabaattan, abboota heddu qabdan. Ani Kiristoos Yesuusiin irraan Oduu Nagayaa kanaan isin uumadheera.
16
Eegasuu worra na fakkaatu ta'aa jedhee, isin kadhadha.
17
Kanaafuu ka jaaladhuuf amanamaa ka ta'e ka Goofta'aan ilma kiyya ta'e Ximootiwoosiin isinii ergeera. Akkuma ani hulee marattuu woldaa Kiristaanaa barsiisu, karaa kiyya ka Kiristoos Yesuusiin ta'u innillee isin qaabsisa.
18
Gariin ammoo akka waan ani gara keessan hin dhufnee isaanitti fakkaatee, worri uf jajan hin jiran.
19
Haata'uu ammoo, Gooftaan yoo jedhe dafee gara keessan dhufa. Hunna uf jajootaa hin beeka dubbii isaanii calla'aa miti.
20
Jeennanni Rabbii hunnaan malee, dubbii calla'aan waan hin taaneef.
21
Isin kam feetan? Ulee fudhee isinii dhufa moo jaalalaa fi Ayyaana gara laafuma'aatiin isinitti dhufuu woyya?
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16