bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Mark 1
Mark 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 2 →
1
Oduun dansaan Yesus Kiristoos ilma Waaqaa tana.
2
Kitaaba keessatti, “Ilaal anin ergamaa kiyya si dura ergaa, akka karaa sii midhaassuu” jetti. Kitaaba raaga Isaayas keessatti ammoo,
3
“Qoonqootti lafa gammoojjii keessaa iyyaa dhaqaa dhageeffdhaa, ‘Karaa Aabboo kurfeessaa, daandii isaa qajeelchaa!’ wantii jedhaa la barreeffamte.”
4
Yoh. aannis lafa gammoojjii dhufee, aadaa cuuphama jedhan biyyaa kennee, “Cubbuu irraa deebi'aa, aadaa cuuphamaa fudhadhaa, akka Waaqii cubbuu teessan isanii araaramu” jedhe labse.
5
Namii Yihudaatii fi ka Yerusaalem keessa jiruulleen cuftii dhaqee Yoh. aannis caqasee, cubbuu ufii himatanii jennaan, innii galaana Yordaanos keessatti warra cuuphe.
6
Wayaan Yoh. aannis rifeensa gaalaati, gurdaa hidhaanaatti hidhatee, awwaanisaa fi damma nyaachaa jiraate.
7
Innii, “Eegii tiyya, nama narra jiruutti dhufa, ka seemsaa kophee isaallee anin gajedhee hiikuu hinmalin.
8
Anin bisaaniin isan cuuphee, innii ammoo Hafuura Qulqulloon isan cuupha” jedhee labse.
9
Bara sun Yesus Naazireet lafa Galiilaa keessaa dhufee, Yoh. aannis galaana Yordaanos keessatti isa cuuphe.
10
Akkuma Yesus bisaan keessaa ba'een, gubbaan Waaqaa banamtee, Hafuura qulqulloo bifa sabaliisaa qabu, ka isa gubbaa bu'uu arge.
11
Qoonqoon Waaqaa gubbaa, “Atin ilma kiyya tokkocha, ka guddoo na gammachiisu” jettu dhufte.
12
Jennaan Hafuurii Qulqulloon gammoojjiitti isa baase.
13
Innii bultii afurtamaa gammoojjii keessa taa'ee, Sheexanii isa laallate. Bineensa alaa jiddu taa'ee, ergamtootii Waaqaa isa qorqoratte.
14
Eegii Yoh. aannis qaban, Yesus Galiilaa dhaqee, oduu dansaa gara Waaqaatii dhufte himee,
15
“Yo'ii yaayyuu ga'ee, Mootummaan Waaqaa la dhi'aattee, cubbuu irraa deebi'aa, oduu dansaa tana dhugeeffadhaa” jedhe.
16
Adoo innii dhaattuu galaana Galiilaa deemuu, Simoonii fi obbooleessa isaa Indiriiyaas, ka xuruuraa qurxummii galaana keessa buusan, arge; warrii guurtuu qurxumiiti.
17
Yesus warraan, “Na gula koottaa, anin guurtuu namaa isan tolchaa” jedhe.
18
Xuruuraa ufii achumaatti lakkisanii hurrisanii isa gula yaa'an.
19
Diqqoo deemnaan, innii Yaaqobii ilma Zabdewositii fi Yoh. aannis obbooleessa isaa arge. Warrii hoboloo keessatti xuruuraa qurxummii midhaafachuutti jira.
20
Innii akkuma argeen yaamee, duuba abbaa fi hojjattu isaanii hoboloo keessatti lakkisanii isa gula yaa'an.
21
Yesusii fi jarii isaa dira Qifirnaahom dhumnaan, innii guyyaa Sambataa mana Waldeennaa seenee biyya barsiise.
22
Biyyitii waan innii barsiise guddoo maadeefatte, waan innii akka jara seera beekuu hinbarsiimnee, ammoo akka nama humna qabuu barsiiseef.
23
Namii jinnii qabuu tokko ka mana Waldeennaa sun keessa jiru iyyee,
24
“Yesus Naazreet atin maan nurraa qabda? Nu balleessuu dhuftee? Anin si beekaa, atin Qulqulloo Waaqaati” jedhe.
25
Yesus jinnii dhowwee, “Callisii isa keessaa ba'i” jedheen.
26
Jinniin taan namicha harguftee, lallabdee, iyyitee keessaa baate.
27
Biyyitii cuftii guddoo maadeeffattee waliin, “Takka agartanii-dhageettanii? Barsiisaan haareettiin tun maal? Namii kunin guddoo jabeenna qaba! Innii jinniillee inajajaa; jinniilleen inajajaamtiif” jette.
28
Mar. ruma tokkoon gurrii isaa ardaa lafa Galiilaa cufa gahe.
29
Mana Waldeennaa keessaa ba'ee jennaan, Yaaqobii fi Yoh. aannis waliin, mana Simoonii fi Indriiyaas dhaqe.
30
Jaartiin soddaa Simoonii, qandhoo fuutee ciifti, akkuma Yesus achiin ba'een itti himan.
31
Innii gara isii dhaqee, harka qabee olkaase. Qandhoon isii irraa galtee, isiin warra gololchitte.
32
Laftii galgaloomnaan nama fayyaa hinqamnee fi ka jinnii qabu cufa isattiin dhufan.
33
Namii diraa cuftii balbala duratti walti ba'e.
34
Innii nama dhukkuba gosa gosaatiin gaargalaa ture cufa fayyisee, jinnii hedduullee nama keessaa baase, jinniin waan isa beettuuf innii isii dubbachuu dhowwe.
35
Boriyyaa, barraaqa dheeraa gara afaan barii gula, Yesus ka'ee, fulaa namii hinjirre dhaqee Waaqaa kadhate.
36
Simoonii fi waahelootii isaa ammoo Yesus barbaadan;
37
isa arginaan, “Namii cuftii si barbaaduu jira” jedhaniin.
38
Innii ammoo, “Koottaa, gara dira nutti aanuu yaanaa, akka achiilletti haasa'uu; anin waan kanaaf dhufee” isaaniin jedhe.
39
Jennaan innii lafa Galiilaa cufa keessa dedeemee, Manneen Waldeennaa keessatti haasa'ee, jinnii nama keessaa yaase.
40
Namii tokko ka qomaaxaa qabu isatti dhufee, miilaatti jigee, “Atin yo silaa na fayyisuu feete, indandeetta” jedhee isa kadhate.
41
Yesus na'eefii, harka dheereffatee, isa qabatee, “Infedhaa fayyi” jedheen.
42
Achumaatti qomaaxaan irraa baddee, namichii fayyee qulqullaa'e.
43
Jennaan Yesus akka jabaa isa gorsee,
44
“Ufi eegadhu, nama tokkolletti hinhimin! Ammoo deemii, qaallicha guddaa ufi garsiis, sooriyoo Musee irraa dhufte qalii, akka namii fayyaa tee argu” jedheenii ufi biraa deemsise.
45
Namichii kaan ammoo achii deemnaan akkuma arge fuluma cufaatti haasa'e. Tanaaf Yesus dhossaa malee dira tokkollee seenuu dadhabee, fulaa namii hinjirre ala taa'ee biyyitii fuluma cufaa isatti dhufte.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16