bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Mark 2
Mark 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
1
Bultii diqqoon duuba, Yesus deebiyee Qifirnaahomitti gallaan, biyyitii akka innii galee mana jiru dhageette.
2
Namii mana guutee irraa afee balbala duratti walti ba'ee fulaa bahaniinu dhabaan. Innii dubbii Waaqaa warratti haasa'e.
3
Jennaan namii afur nama kokottaa'e tokko baatee isattiin dhufe.
4
Gumiif Yesusiitti dhi'aachuu dadhabanii jennaan, gubbaa manaa qajeela Yesus jiruun diiganii afaan itti tolchanii namicha kaan siruma innii irra ciisu taan waliin isa dura gad buusan.
5
Yesus dhugeeffachaa jara kaanii arginaan nama kokottaa'e kaaniin, “Gurbaa kiyya, cubbuu tantee ya sii araaraman” jedheen.
6
Jarii seera beeku ka achi jiru garaa ufii keessatti,
7
“Namichii kun akkam akkana dubbata? Waaqaa arabsaayyuu? Waaqaa malee eentu danda'ee cubbuu namaa araarama?” jedhe.
8
Jennaan Yesus akka warrii garaa ufii keessatti waan kana herregu beennaan, “Isan maaf waan akkanaa kana garaa keessan keessatti herreddan?
9
Nama kokotta'e kanaan ‘cubbuu tantee la sii araraamaan’ jechuu fi, ‘ka'ii siree tantee fudhadhuu gali’ jechuu tamiitti irra laaftuu?
10
Ammoo akka ilmii namaa lafa tana irratti jabeenna cubbuu namaa araaramuun qabu beekaa!” isaaniin jedhe.
11
Innii namicha kokotta'e kaaniin, “Ka'ii, siree tantee fudhadhuu, gal” jedheen.
12
Innii ka'ee, siree ufii fudhatee, nama cufa duratti itti dhaabate. Tanaaf namii cuftii mamee, “Nu waan akkanaa kana takka hingarre” jedhe Waaqaa guddise.
13
Yesus ammallee gara galaanaa dhaqee, gumiin isatti dhumnaan barsiise.
14
Innii adoo deemuu, Lewwii, ilma Alfewosii, ka mana qaraxaa keessa taa'u argee, “Na gula kootti” jedheen. Innii ka'ee, Yesus gula deeme.
15
Eegii sun Yesus mana Lewwii keessatti sagalee nyaate. Jara qaraxaa guuruu fi namii cubbooti hedduun, ka Yesus gula yaa'uu, Yesusii fi jara isaa waliin tataani sagalee nyaatan.
16
Jarii seera beeku ka Fariisootaa, isaa warra cubbootaa fi jara qaraxa guuru waliin sagalee nyaatu arginaan, jara isaatiin, “Innii maaf jara qaraxa guuruu fi warra cubboota waliin sagalee nyaata?” jedhan gaafatan.
17
Yesus waan kaan dhageennaan, “Namii fayyaa qabu cirreessa hinbarbaadu, ka fayyaa hinqamneetti barbaada male. Anin nama qajeelaa yaamuu hindhumne, nama cubbichaaf dhufe male” Isaaniin jedhe.
18
Jarii Yoh. aannisiitii fi ka Fariisootaa gaafas ufi agabsee; biyyitii isatti dhuftee, “Jarii Yoh. aannisiitii fi ka Fariisootaa maaf ufi agabsa, ka jarii kankee ufi hinagabsine?” jettee gaafate.
19
Yesus, “Keessumaan fuudhaa dandeettee agabdii? Hiyyo, haga abbaan fuudhaa warra waliin jiru dandaanii ufi hinagabsan.
20
Ammoo yohii abbaa fuudhaa warra biraa fuudhan indhufa, yoos guyyaa sun ufi agabsan.
21
Namii wayaa haareettii kootii dullattitti hinerbu. Yo akkas tolche, wayaan haareettiin wayaa dullattii tarsaafteetti tarsaan guddatti.
22
Namii daadhii oowwituu gorjoo dullattitti naqu hinjiru. Yo akkas tolche, daadhiin gorjoo tarsaafteetti, daadhii fi gorjoolleen baddi. Daadhiin oowwituun gorjoo haareettii malte”
23
Guyyaa Sambataa tokko, adoo Yesus oobruu dargaayyee keessa deemuu jarii isaa dargaayyee xuruurratee nyaate.
24
Fariisootii isaan, “Mee laali, warrii maaf waan aadaa hinta'in guyyaa Sambataa tolcha?” jette.
25
Yesus warraan, “Isan waan Daawit gaafa isaa fi jarii isaa sagalee dhabee beela'ee jennaan tolche hindubbimnee?
26
Innii bara Abiyaataar qaallicha guddaa, Mana Waaqaa seenee qixxaa Waaqaa baasan, ka silaa akka seeraatti qaallolee malee namii dhibiin nyaachuu hinmalin nyaate; ammallee jara isaa waliin jiruullee qoode” isaaniin jedhe.
27
Innii warraan, “Sambataatti namaaf uumame malee, namii Sambataaf hinuumamne.
28
Tanaaf ilmii namaa abbaa Sambataati” jedhe.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16