bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Mark 9
Mark 9
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 10 →
1
Ammallee innii warraan, “Dhugumaa dhugatiin, isanitti himaa, nama arma ejaaju kana keessa namaa adoo hindonee, Mootumaa Waaqaa ta humnaan dhuftu arguutti jira” jedhe.
2
Guyyaa jahaan duuba, Yesus Phexrosi, Yoh. aannisii fi Yaaqoob moggaatti fuudhee, gaara dheera gubbaa kophaa korsiise.
3
Fuula warraa duratti biftii isaa jijiramtee, wayaan isaa bibillixxee, akka namii danda'ee miicee hinaddeessine, adii caamaa taate.
4
Eliyaasaa fi Museen warratti mullattee, Yesus waliin haasofte.
5
Jennaan Phexros Yesusiin, “Ee'ee Aabboo! Arma jiraachuun keenna akkam dansaa! Kottaaa asiitti bultoo sadii midhaasiinaa, tokko teeti, tokko ta Museeti, taalleen ta Eliyaasiiti” jedhe.
6
Phexrosii fi jarii waahela isaalleen guddoo sodaatee jennaan, Phexros homaa jedhuu wallaalee akkas jedhe.
7
Duumansii dhufee, warratti gaadiseessee, qoonqoon duumanssa sun keessaa baatee, “Kunin ilma kiyya tokkochaa anin jaaladhuu, isa caqasaa” jette.
8
Yoma sun warrii ufi bira mimillannaan Yesus malee nama dhibii dhabe.
9
Adoo warrii gaara irraa gadi bu'uu jiruu Yesus, “Waan argitan kana haga anin ilmii namaa du'a keessaa ka'uutti nama tokkolleetti hinhiminaa” jedhe warratti seere.
10
Warrii dubbii isaa fudhaatee, “Du'a keessaa ka'iisii maan?” jedhee walgaafate.
11
Jennaan warrii isa gaafatee, “Warrii seera beeku maaf qaraa Eliyaasiitti dhufuu male jedha ree?” jedhe.
12
Yesus deebisee, “Ee'ee dhugumaa qaraa Eliyaasiitti akka waan cufaa midhaasu dhufa. Hataatuu malee barreessii keessatti maaf, ‘Ilma namaa tuffatanii guddoo gaargalchuu malan’ jedhan ree?
13
Anin ammoo isanitti himaa, Eliyaas qaraa dhufee, akkuma barreessiin jettuu warrii tokko waanuma fedhee isa tolche” jedhe.
14
Yesusii fi jarii isaa sadii waliin dhufee fulaa jara warraa kaan geennaan, gumii guddoo warra marsitu ammallee jara seera beeku ka taa'ee warraan walmorman arge.
15
Gumiin cuftii isa arginaan guddoo mamtee, isatti oritee nagaa fuute.
16
Jennaan innii, “Maan walmormitan?” jedhee gaafate.
17
Namii tokko gumii keessaa deebiseefii, “Aabboo, anin ilma kiyya, ka jinnii duudaa qabu, tokko sittiin dhufe.
18
Yo isa qabattu cufa lafaan dhoofteetti, hoomachii afaanii yaa'ee, ilkaan qaree goggoga. Anin akka keessaa baasan jara keellee kadhadhee, jarii ammoo keessaa baasuu dadhabe” jedhe.
19
Yesus warraan, “Isan warra dhugeeffachaa diqqoollee hinqamnee; haga yoomii anin isan waliin taa'a? Guyyaa hagam isan obsa? Nattiin koottaa” jedhe.
20
Gurbaa isattiin dhufan. Jinniin Yesus arginaan yoma sun gurbaa haharguftee, gurbaan lafa dha'ee, gangalatee, hoomachii afaanii yaa'e.
21
Yesus abbaa isaatiin, “Haga akkana ta'ee ganna hagam?” jedhe. Innii, “Ijoollummaa isatii jala qabee,
22
marroo hedduu jinniin akka isa ijjeeftuu ibiddaa fi bisaan keessa isa buuftee, yo dandeette, nuu nahii nu qarqaar” jedheen.
23
Yesus isan, “Atin yo dandeette jettee? Nama dhugeeffatu wantii cuftii intaati” jedheen.
24
Yoma sun abbaan gurbaa iyyee, “Dhugeeffachaa inqaba, yo hingeenneellee, na qarqaar” jedheen.
25
Yesus akka gumiin ori'aa dachaatu arginaan, jinniin lolee, “Jinnii duudaa, afaanii gurra hinqamne, isa keessaa ba'i! Deebitee itti hindeebin!” jedheen.
26
Jinniin iyyitee, mucaa harguftee, keessaa baate. Gurbaan akka waan du'ee taanaan, namii hedduun, “Gurbaan yaayyu du'e” jedhe.
27
Yesus ammoo harka isaa qabee, olfuudhee jennaan innii ka'e.
28
Eegee Yesus manaatti galee jennaan jarii isaa kophaatti, “Nu maaf jinnii hamtuu sun baasuu dadhabne” jedhee isa gaafate.
29
Innii itti himee, “Ta akkanaa tana kadhachaa fi agabuu malee dandaanii hinbaasan” jedheen.
30
Achii kanaan Galiilaa keessa yaa'an. Yesus akka namii tokkolleen fulaa innii jiru beeku hinfeene
31
Innii, “Ilma namaa harka namaatti dabarsaan kennanii, namiilleen inijjeesa, innii ammoo du'ee guyyaa sadeessoo inka'a” jedhee jara ufii barsiisuutti jira.
32
Warrii jecha kana hinhubannee, ammoo isaallee gaafachuu sodaate.
33
Eegee Qifirnaahom dhufaan. Mana duunnaan, Yesus “Karaa gubbaatti maan walhaasooftan?” jedhee isaan gaafate.
34
Warrii ammoo waan karaa gubbaatti, “Nu keessaa, eentu irra guddaa?” jedhee walmormeef incallise.
35
Innii gad ta'ee, jara kudhanii lamaanuu yaamee, “Namii nama qaraa ta'uu fedhu nama eegetiif hojjattuu nama cufaa ta'uu male” jedhe.
36
Da'ima diqqaa tokko Yaamee jidduu warraa dhaabee, ufiitti amnatee warraan,
37
“Namii marroo maqaa kiyyaatiif daa'ima akkanaa tokko jabeessuu na jabeessa; namii na jabeessu na hinjabeessu, ammoo ka na ergee jabeessa” jedhe.
38
Yoh. aannis Yesusiin, “Ee'ee Aabboo, nu nama tokko adoo innii maqaa keetiin jinnii baasuu arginee, waani innii nama keenna hintaniif isa dhowwine” jedhe.
39
Yesus ammoo, “Hindhowwinaa, namii maqaa kiyyaan hujji mamaa tolchu, ka eegii sun hameenna kiyya barbaaduu hinjiru.
40
Namii nuun hinmorkinee miila keenna.
41
Dhugumaa waan anin isaanitti himu, namii waan isan nama Kiristoossii taataniif, bisaan isan obaasuu, galata ufii hinuma argata.”
42
Yesus, “Namii ijoollee didiqqoo tana ta na dhugeeffattu gufachiisu, yo silaa dhakaa daakuu morma isatti hidhanii, galaana keessa buusan irra dansaa.
43
Yo harkii kee si wallaalchise ufirraa kutii, gati! Fulaa harka lamaan qabaattee gara qilee ibidda haga jiru hindhaamneetti galtuu, yo naafattee harka tokkoon jireenna barabaraa seente irra sii jirti.
44
Qilee sun keessaa raammoon nama nyaattuu hindootu, ibiddiilleen hindhaamu.
45
Ammallee yo miilii kee si wallaalchisee ufirraa kutii, gati! Fulaa miila lamaan qabaattee qilee ibidda haga jiru hindhaamne keessa si buusan, yo naafattee miila tokkoon jireenna barabaraa seente irraa sii jirti.
46
Qilee sun keessaa raammoon nama nyaattuu hindootu ibiddiilleen hindhaamu.
47
Yo ilti tee si wallaalchifte, ufii keessaa baasii; fulaa ila lamaan qabaattee qilee ibidda haga jiru hindhaamneetti galtuu, yo ila tokko qabaattee Mootuummaa Waaqaa argatte irraa sii jirti.
48
Qilee sun keessaa raammoon nama nyaattuu hindootu ibiddiilleen hindhaamu.
49
Akkuma sooriyoo sooddan qulqulleessanii, nama cufa ibiddaan qulqulleessan.
50
Sooddii dansaa, ammoo yo innii kura dhabe, maaliin deebichaanii kureessitan ree? Soodda ufii keessatti horaadhaa, nagaan waliin taa'a” jedhe.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16