bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Mark 11
Mark 11
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 12 →
1
Warrii Yerusaalemitti galuuf, Betfaagee fi Bitaanyatti, fulaa Gaara Ejersaa jedhaniitti dhi'aannaan, Yesus jara ufii keessaa nama lama ergee,
2
“Ollaa isan dura jiru olduudaa, duuba yo olduuddanii, bukura harree, ka hidhaansaatti jiru, ka takka illenjisin agartan, hiikaa koottaan.
3
Yo namii, ‘Maaf hiittan?’ isaniin jedhee, ‘Aabbootti fedha, ammallee innii indeebisa’ jedhaan” jedhe.
4
Warrii ka'ee yaa'ee, bukura harree, ka hidhaansaatti jiru argee, jennaan hiike.
5
Namii achi ejaajju, “Bukura maaf hiittan, maan tolchittan?” Jedhee gaafate.
6
Warrii ammoo waan Yesus jedhe, isaanitti himnaan jarii warra gad lakkise.
7
Jennaan warrii bukura harree kaan Yesusittiin dhufee, wayaa ufii raroo tolchanii Yesus yaabbate.
8
Namii hedduun wayaa ufii karaa keessa afee, ka garii ammoo dameelee mukaa ciree, karaa keessa afe.
9
Warrii isa dura yaa'uu fi ka isa duuba yaa'uulleen, “Waaqaa faarsaa! Namii maqaa Aabbootiin dhufu la eebbifame!
10
Waaqii Mootummaa Aabboo keenna Daawitii, ka dhufuu jiru eebbifamaa! Waaqaa guddaa gubbaa faarsaa!” jedhan.
11
Yesus Yerusaalem seenee Mana Waaqaa dhaqe. Waan cufa mimillatee, marroo aduun dhiiteef, jara ufii kudhanii lamaan waliin Bitaanya dhaqe.
12
Boriyyaa, warrii Bitaanyaan baanaan, Yesus beela'e.
13
Jennaan muka odaa ka baala qabu tokko, fagootti argee, midhaan irraa argadhaa badaa? Jedhee laalu dhaqe. Achi geennaan, waan yo'ii odaan bilchaatu hinga'iniif, baala malee homaa irraa dhabe.
14
Innii yoosuma odaa kaaniin, “Itti deebi'ee namii tokkolleen midhaan sirraa hin nyaatinii been!” jedhe. Jennaan jarii isaa akka innii waan kaan jedhee dhagaye.
15
Yerusaalem ga'anii jennaan Mana Waaqaa seenee, gumii Mana Waaqaa keessatti wa gurgurattuu fi ta bitattuullee achii hadhee, xarapheessaa nama beesee jijiraatuutii fi barcumaa nama sabaliisa gurguruullee garagagalche.
16
Namii tokkolleen mi'a baatee akka Mana Waaqaattii hinbaanee dabruu dhowwe.
17
Duuba warra barsiisee, “ ‘Manii kiyya gosa cufaa mana eebbaa jedhamee yaamama’ jecha jedhu hinbarreessiinee? Isan ammoo goda hattuu tolchitan” jedheen.
18
Qaallolee gugurdoo fi jarii seera beeku waan kaan dhageennaan karaa isaan ijjeesan malatan. Ammoo marroo barsiisaan isaa garaa gumii cufaa tuxxee gumiin barsiisa isaa maadefatteef isa sodaatan
19
Laftii galgaloomnaan, Yesusii fi jarii isaa dira keessaa ba'e.
20
Ganamaa adoo karaa suniin dabranuu, odaa hidduma waliin goge argan.
21
Phexros yoosuma waan ta'e qaabatee, “Aabboo, laali, odaan atin abaarte kaan ya gogogee” jedhe.
22
Yesus deebisee warraan, “Waaqaa dhugeeffadhaa.
23
Dhugumaa, waan anin isaniin jedhuu, namii adoo hinmamin gaara kanaan, ‘Armaa buqqa'ii, galaana keessa bu'i’ jedhee, yo wantii innii jedhe akka taatuuf dhugeefatee, wantii sun inguutamtiif.
24
Tanaaf waan anin isanitti himuu; waan Waaqaa kadhattan cufa akka argattan dhugeeffadhaa, duuba inuma argattanii.
25
Ammallee, yo Waaqaa kadhattani dhaabattan cufa, yo namii isan dabse jiraatee, namaa araarama, akka Abbaan keesan ka gubbaalleen wallaala keessan isanii araaramu.
26
Yo isan namaa araaramu diddanii, Abbaan keessan ka gubbaa jiruulleen wallaala keessan isanii araaramuu didaa” jedhe.
27
Warrii ammallee Yerusaalem dhaqee, adoo Yesus Mana Waaqaa keessa dedeemuu qaallolee gugurddoo, jara seera beekuu fi jaaroleen dhibiilleen isatti dhuftee;
28
Yesusiin, “Jabeenna kamiin waan kana cufa tolchita? Yokaan, eentu jabeenna kana sii kenne, akka waan kana cufa tolchitu?” jedhaniin.
29
Yesus ammoo deebisee, “Anilleen waan tokko isan gaafadhaa; natti himaa, duuba anilleen jabeenna waan kana cufa toolchuun isanitti himaa.
30
Cuuphaan Yoh. aannisii Waaqaa irraa dhufte moo nama irraa dhufte? Natti himaa” jedheen.
31
Warrii walmormee waliin, “Waaqaa irraa dhufte yo jennee, ‘Yoos isan maaf isa hindhugeefatinaa ree?’ nuun jedhaa,
32
akkamiin, ‘Nama irraa dhufte’ jenna ree?” jedhan. Waan gumiin cufa Yoh. aannis raaga jettee fudhatteef sodaatan.
33
Tanaaf, “Nu hinbeennu” jedhanii Yesussii deebisan. Jennaan Yesusiilleen, “Yoos, anilleen jabeenna waan kanaan tolchu isanitti hinhimu” jedheen.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16