bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Mark 4
Mark 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 5 →
1
Yesus ammallee dhaattuu galaana Galiilaatti nama barsiisuu jalaqabe. Mar. roo gumiin guddoon isatti dhufteef, innii hoboloo tokko ta galaana gubbaa teettu keessa seenee taa'e. Gumiin cuftii afaan galaanaa teteette.
2
Innii waan hedduu mammaassaan biyya barsiisee, barsiisa ufii keessatti,
3
“Dubbii tana caqasaa! Namii tokko midhaan facaafachuu dhaqe.
4
Adoo innii facaasuu, midhaan garii daandii keessatti jiganii, simphirreen dhuftee nyaattee hobbaafte.
5
Midhaan garii lafa dhakaa gubbaa jigan, fulaa biyyeen guddoo hinjirre; duuba hurree ba'an, ammoo marroo biyyeen guddoo gad hinjirreef,
6
aduun baanaan waan hidda hinqamneef gubatanii gogan.
7
Midhaan garii qoraattii keessatti jigan. Duuba qoraattiin baatee, midhaan qancarsitee, midhaan baasuu dhowwite.
8
Midhaan garii fulaa biyyee dansaa jiganii, ba'anii, midhaan dansaa baasan, ka garii soddoma, ka garii jaatama, ka garii dhibba dhalan” jedhe.
9
Yesus ammallee, “Namii gurra qabu ha dhaga'uu!” jedhe.
10
Adoo innii kophaa jiruu, jarii isa gula yaa'uu fi jarii kudhanii lamaan kaan waan mammaassaa kana isa gaafate.
11
Innii deebisee, “Waan dhossaa ta Mootummaa Waaqaa qaraa ya isanii kennan; warrii ala jiru ammoo mammaassa callaa dhagaa,
12
akka, ‘Adoo jabeesaanii ilaalaniillee homaa hinagarre, adoo jabeessaanii caqasaniillee homaa hinhubanne; maaliif, yo akkas tolchan, silaa Waaqatti deebi'anii, Waaqii namaa araarama’ ” isaaniin jedhe.
13
Jennaan Yesus, “Mammaassii kun isanii hingaluu? Yo kun isaan hingalle mammaassii dhibiilleen cufa akkamiin isaan gala ree?
14
Namii facaasu dubbii Waaqaa facaasa.
15
Midhaan garii daandii keessatti jigan, kunin nama dhagayee, akkuma dhagayeen Sheexanii dhufee dubbii garaa isaanii keessatti facaasan irraa fudhatu.
16
Laftii dhakaa, fakkeenna nama dubbii dhagayee gammadaan fudhaatuu.
17
Warrii ammoo akka lata mukaa ka hidda gad fagoo hinqamneeti, yo dhiphuu fi gaargalii marroo dubbii Waaqaatiif itti dhufu yoosu jigan.
18
Ka garii qoraatti keessatti jigan. Kunin nama dubbii dhagayee,
19
ammoo dhiphuun lafa tanaa, gammada horiitii fi dharraan gosa cufaa seentee, akka midhaan hinbaamne dubbii qancarsitu.
20
Ka garii biyyee dansaatti jigan. Kunin nama dubbii dhagayee fudhate, midhaan ka garii soddoma, ka garii jaatama, ka garii dhibba baasu” jedhe.
21
Yesus warraan, “Isii, dhuguma ibsee dhufaniinii qorii yokaan siree jala inkayanii? Gubbaatti fannisaniinitii?
22
Wantii dhossan ta hinmullanne hinjirtu, yokaan wantii daboolaan ta hinbuqimne hinjirtu.
23
Namii gurra qabu ha dhaga'uu!” jedhe.
24
Ammallee innii warraan, “Waan dhageettan midhaaffadhaa! Waan isan namaa kennitan itti isanii daranii isaniillee kennan.
25
Nama wa qabu itti daraniif, ka homaa hinqamne ammoo waan innii qabuullee irraa fuudhan” jedhe.
26
Jennaan innii, “Mootummaan Waaqaa akka nama oobruu ufii keessatti midhaan facaafatee jirti.
27
Namichii halkan rafee, guyyaa ka'a, adoo innii hinbeekkatin midhaalleen ba'anii guddattan.
28
Laftii ufiin midhaan baafti, qaraa biqila, itti aansitee baala, eegee dargaayyee bilchaattuu.
29
Yo midhaan bilchaatan, innii waan midhaan bilchaataniif, marroo tokkoottuu mura” jedhe.
30
Ammallee innii, “Mootummaa Waaqaa nu maaniin walfakkeesina? Mammaassa kamiin himna?
31
Isiin gumaa dambii ka yo oobran gumaa cufa irra diqqaa fakkaatti.
32
Ammoo eegii facaasan guddateetti, mukaa cufaa irra dheeratee, damee baasa, akka simphirreen keessatti mana jaarrattee teettu” jedhe.
33
Yesus mammaassa akkanaa hedduun haga warrii dhaga'uu danda'uu cufa itti hime.
34
Innii mammaassa malee warratti hinhaasoomne; kophaatti ammoo jara ufii waan cufa barsiise.
35
Guyyuma sun, laftii galgaloomnaan, Yesus warraan, “Koottaa gama kaanitti taakkinaa” jedhe.
36
Duuba warrii ka'ee gumii biraa yaa'ee, ergamtootii hoboloo qaraa Yesus keessa jiru keessa duuddee isa fuutee kaatee itti dhaabatte; hobolootii dhibiilleen isa waliin yaate.
37
Jennaan bubbeen guddoon bubbiftee, dhawaan galaanaa hoboloo seentee, diqqumaa bisaan hinguutin.
38
Yesus ammoo hoboloo duuba, saaboo gubbaa rafuu jira. Biyyii isa dammassitee, “Aabboo, badiin teenna si hindhibduu?” jette.
39
Yesus ka'ee, bubbee dhowwee, dha'aa bisaaniilleen “Callisi!” jedhe. Bubbeen callimnaan laftii caqalli jette.
40
Jennaan innii warraan, “Maaf akkana sodaattan? Ammallee dhugeeffachaa inqabdanii?” jedhe.
41
Warrii guddoo sodaatee, waliin, “Namii kun eennu, ka bubbee fi galaaniilleen sarmuuf?” jedhee walgaafate.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16