bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Mark 12
Mark 12
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
1
Jennaan Yesus mammaassan isanitti himee, “Namii tokko oobruu weyinii facaasee, dallaan marsee jaaree, boolla weynii keessatti cacarasaan qotee, siree irra taa'anii eegan itti jaaree, akka yo midhaan muraan warra waliin qoodatu harka jara oobruu hojjatuutti lakkisee, lafa dhibii dhaqe.
2
Muraansii geennaan, hojjataa tokko jara oobruu hojjatuutti erge.
3
Warrii kaan isa qabee dhaanee, harka duwwaa gusse.
4
Ammallee abbaan hojjataa dhibii warratti erge. Isallee mataa dhodhoosanii ceersan.
5
Ammallee ka dhibii itti ergee, isallee ijjeesan. Ammallee nama hedduu dhibiillee itti erginaan, ka garii dhaanan, ka garii ijjeesan.
6
Innii ammallee nama dhibii qaba, sun ilma isaa tokkocha innii jaalatuu. Inni, ‘Eegee warrii ilma kiyya insodaata’ jedhee, isa erge.
7
Jarii oobruu weynii hojjatu kaan ammoo, ‘Kunin ka abbaa oobruu weynii dhaaluu, koottaa inijeemnaa, duuba dhaaltii teenna taatii’ waliin jedhan.
8
Warrii isa qabee ijjeesee, reeffa isaa oobruu weynii keessaa baasee alaatti darbate.
9
Abbaan oobruu maan tolcha yoos? Innii dhufee, jara oobruu hojjatu balleessee, oobruu ammoo harka nama dhibiitti kennata.
10
Barreessii tana dubbii Waaqaa keessatti takkuma hindubbimnee? dhakachii ijaartuun tuffattee didde yaayyu dhakaa cufa irra jabaa ta'e.
11
Tunilleen hujii Aabbooti ila teenna duratti wantii kun waan mamaati” jedhe.
12
Akka innii dubbii tana warraa jedhee, mammaakee beennaan, jarii Yihudii gugurddaan Yesus qabuu fedhee; ammoo gumii sodaatee, lakkisee biraa yaa'e.
13
Waan innii dubbatu afaan fuudhaanii qabuuf jedhanii, Fariisotaa fi jara Herodisillee keessaa nama garii isatti ergan.
14
Warrii dhufee isaan, “Aabboo, akka atin nama dhugaa nu inbeenna, guddinna namaallee hin yaaltuu; fuula namaallee hinilaaltuu, ammoo karaa Waaqaa akkuma dhugaa nama barsiifta, akkii Qeesarii qaraxa baasan aadaa moo aadaaniti?
15
Inbaamna moo hinbaamnu?” jedhanii gaafatan. Innii ammoo kijiba warraa beennaan, warraan, “Maaf na laallattan? Me, qarsii tokko na garsiisaa” jedhe.
16
Tokkoon dhufanii jennaan innii, “Mat. aa eenuutti gubbaa taa'a?” jedhe warra gaafate. Jennaan warrii, “Mat. aa Qeesarii” jedhe.
17
Yesusiilleen, “Yoos waan Qeesarii, Qeesarii baasaa, waan Waaqaa ammoo, Waaqaa baasaa” isaaniin jedhe. Warrii guddoo waan isaa mame.
18
Saduqoonnii garii ta, “Du'aa ka'iisii hinjiru” jettu, Yesusiitti dhuftee,
19
“Aabboo, ‘Namii tokko niittii fuudhee adoo ilmee hinuumatin yo irraa du'ee, obbooleessii isaa niitii sun dhaalee obbooleessa ufiitii ilmee uumuu male!’ jedhee, Muuseen seera keessatti la nuu barreesse.
20
Duuba, obbooleeyyan torbatti jira; ka qaraa niitii fuudhee, ilmee malee du'e.
21
Ka lameessoolleen fuudhee, adoo ilmee hinuumatin irraa du'e. Ka sadeessoolleen fuudhee akkasuma ilmee malee du'e.
22
Jarii torbaanuu isii fuunaan ilmee hinarganne; eegee niitiilleen doote.
23
Jarii torbaanuu isii la fuudhee, duuba gaafa du'aa ka'iisaa isiin niitii eennuu taati?” jedhan gaafatan.
24
Yesus deebisee warraan, “Isan guddoo walaaltan! Wantii akkanaatiif isan dubbii Waaqaatii fi humna Waaqaallee hinbeettan.
25
Gaafa du'a keessaa ka'an, akka ergamtoota Waaqaa ta gubbaa ta'an malee, wali hin fuudhan.
26
Ammoo akka warra du'e kaasan kitaaba Musee keessaa, fulaa waan gurbii bobeettuu berreessan keessattii takkuma hindubbimnee? Akka Waaqii ‘Anin Waaqaa Abrahaam, Waaqaa Yisihaqitii fi Waaqaa Yaaqoobii’ jedhe.
27
Innii Waaqaa warra du'eetiiniti, Waaqaa warra jiruu malee; isan guddoo walaaltan” isaaniin jedhe.
28
Jara Seera beeku keessaa, namii tokko warra waldide dhageennaan, ammallee akka Yesus akka dansaa warraa deebisee beennaan, isa gaafachuuf gara isaa dhufee, “Seera kamiitti seera cufa irra jabaa?” jedhe.
29
Yesus deebiseefii, “Seerii seera cufa irra jabaa kanaa, Me Israa'el, dhagayi! Aabboo Waaqii keenna Abbaa tokkocha.
30
Aabboo Waaqaa kee garaa kee cufaan, lubbuu tee cufaan, qalbii tee cufaan, jabeenna kee cufaan jaaladhu.
31
Lammeessoon ammoo, ‘Ollaa kee akka ufi jaalattu jaaladhu!’ ka jedhu. Seerii kana lamaan irra jabaa hinjiru” jedhe.
32
Namii Seera beeku kaan ammoo Yesusiin, “Dhuguma baanta, Aabboo, ‘Atin ka Waaqaa tokko malee ka dhibiin hinjiru’ jettee, waan dhugaa dubbatte.
33
Ammallee akkii isa garaa cufaan, qalbii cufaan, jabeenna cufaan jaalatan, ammallee akkii nama cufa akkuma mataa ufi jaalatan, sooriyoo gosa cufaa irra wa baati” jedhe.
34
Yesus akka innii qalbiin deebise arginaan, “Atin Mootummaa Waaqaa irraa fagoo hinjirtu” jedheen. Eegii sun, namii cuftii isa gaafachuu sodaate.
35
Adoo Mana Waaqaa keessatti nama barsiisuu, Yesus, “Jarii Seera beeku akkam, ‘Kiristoon ilma Daawitii’ jechuu danda'e?
36
Daawit ufiiftuu, Hafuura Qulqulloo keessa, ‘Aabboon Abbaa kiyyaan, haga anin nyaapha kee miila kee jala naquutti, gama kiyya ka mirgaatiin taa'i’ la jedhee.
37
Daawit eegii ufiiftuu ‘Aabboo’ jedhee isa yaamee; Yesus akkamiin ilma isaa ta'e ree?” jedhe. Gumiin yo sun guddoo gammachuun isa dhageette.
38
Adoo warra barsiisuu, Yesus, “Jara Seera beeku, ka wayaa dhedheertuu naqatee lafaan haraa yaa'u, ka fulaa gabayaatti akka namii gad jedheef nagaa isaan fuudhu jaalatu, ammallee ka,
39
mana waldeennaa keesaatti fuula dura fulaa ulfinnaa tataa'uu jaalatu, ka jila keessatti fulaa dansaa tataa'u fedhu kana eegadhaa!
40
Warrii warra horii haadha hiyyeessaa irraa hobbaassee, nama sobuuf, kadhachaa ufii dheeressu. Wallaala takka hinargin warratti muran” jedhe.
41
Yesus fulaa horii Waaqaa baasan keessa buusan taa'ee, gumii horii baaftu laale. Dureeyyiin hedduun horii guddaa keessaa buufte.
42
Niitiin hiyyeetiin dhiirsa hinqamne takka dhuftee, duruuruu lama ta beessee tokko taatu, keessa buufte.
43
Innii jara ufii yaamee, “Dhuguma, isaniitti himaa, Niitiin hiyyeetiin tun nama cufa irra horii baafte.
44
Wantii akkanaatiif warrii cuftii horii ufii guddaa keessaa waan irraa hafe baase; isiin ammoo, hiyyuma ufii keessaa, horii waan qabdu cufa baafte” jedhe.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16