bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Mark 14
Mark 14
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
1
Jila dabarsaatiif jila qixxaa bukoo ulfeesuuf guyyaan lama callaan ka hafee, qaallolee gugurddoo fi jarii seera beeku karaa Yesus malaan qabaani dhossaan ijjeessaniin mari'atani.
2
Warrii wali mari'atee, “Jila keessatti isa hinqamnu, akka biyyitii garagaltee lafa hingoonye” jedhe.
3
Bitaaniyaatti adoo Yesus mana namicha Simoon jedhanii ka qomaaxaa qabuu tokko keessa ta'ee sagalee nyaatuu, niitiin tokko dhadhaa qayyaa urgaa gatii guddoo tokko, duloo dooqaatti qabattee dhuftee, duloo taan cabsitee, dhadhaa kaan mataa Yesusiiti naxxe.
4
Namii garii ammoo dallanee waliin, “Dhadhaa kana maaf akkana balleessan?
5
Dhadhaa qayyaa kana silaa qarsii dhibba ja'a irra jirtuutti gurguranii, hiyyeeyii qooduu hin danda'anii” jedhanii isiin dheekkaman.
6
Yesus ammoo, “Isii irraa callisaa, maan irraa qabdani? Isiin waan dansaa naa tolchitte.
7
Warrii hiyyeeyiin guyyaa cufa isan waliin jira, yoma feetan waan dansaa tolchuuf hin dandeetan anin ammoo guyyaa cufa isan waliin hinjiru.
8
Isiin waan dandeetu naa tolchite, nafa kiyya dhadhaa dibdee, awwaalaa kurfeesitte.
9
Dhuguma, waan anin isanitti himuu, fulaa oduu dansaa itti odeessan cufaatti waan isiin tolchitteellee hinhiman, akka isii qaabattan” jedhe.
10
Jennaan Yihudaan namii biyya Keriyot, ka jara kudhanii lamaan kaan keessa jiru, Yesus dabarsee harka warratti kennuuf gara qaallolee gugurddoo dhaqe.
11
Waan kaan dhageennaan, warrii guddoo gammadee, horii isaa kenniitii buufate; jennaan Yihudaan harka warratti dabarsee isa kennuuf qoommii barbaade.
12
Guyyaan qaraa ka jila Qixxaa Bukoo hinqamnee geennaan, eegii ilme hoolaa ta Dabarsaa qalan, jarii isaa, “Hoolaa Dabarsaa akka nyaanuu, atin nuu eessa dhandhee Dabarsaa midhaasinu feeta?” jedhan Yesus gaafatan.
13
Jennaan innii jara isaa keessaa lama ergee, “Diratti duudaa! Nama dhiiraa ka buttee bisaanii baatu tokko argitanii; isa gula yaa'aa!
14
Manuma innii seenu olduudaa, abbaa manaatiin, ‘Aabboonii mani keessumaa ka ani jara kiyya waliin Dabarsaa keessatti nyaadhu meetii? siin jedha’ jedhaan.
15
Namichii sun mana mana guddaa gubbaa keessaa irraa balla'aa, ka mi'a qabu ka qaraa kurfeesan isan garsiisa. Artiitti nuu midhaasaa!” jedheen.
16
Jarii isaa sun lamaan ka'ee gara diraa dhaqee, akkuma innii jedheen waan kaan agartee, achitti sagalee Dabarsaa midhaasse.
17
Laftii galgaloomnaan, innii jara ufii kudhanii lamaanuu waliin dhufe.
18
Adoo warrii tata'ee sagalee nyaatuu, Yesus, “Dhuguma, isaniin jedhaa, isan keessaa, nama na waliin ta'ee sagalee nyaachuu jiru tokkotti, dabarsee harka nyaapha kiyyaatti na kenna” jedhe.
19
Warrii guddoo laalefatee, tokko tokkooni, “Na wa taatee dura?” jedhee gaafachu jala qabee.
20
Yesus ammoo warraan, “Jara kudhani lamaan na waliin qixxaa qorii keessaa tuqate nyaatu kana keessaa tokko isa.
21
Ilmii namaalleen akkuma qaraa duraani waan isaa berreessani du'uuf indeema; ammoo namicha harka ufiitiin dabarsee ilma nama harka nyaaphaatti kennu sunii gaargala! innii adoo durii hindhalannee dhaloota oolee irra jira” isaaniin jedhe.
22
Adoo warrii sagalee nyaachuutti jiruu, Yesus qixxaa fuudhee, eebbisee, cacabsee warratti kennee, “Hoodhaa, kunini nafa kiyyaa” jedhe.
23
Innii muduunuu fuudhee, Waaqaa galata galchee, warratti kennee, warrii cuftii muduunuu keessaa dhuge.
24
Innii warraani, “Kunin dhiiga kiyya, ka kakuu waldhaqisaa, ka nama hedduu jige.
25
Dhuguman isaniitti himaa, ani haga Mootummaa Waaqaa keessatti haareessa dhuguuttii deebi'ee daadhi weynii tana hindhugu” isaaniin jedhe.
26
Eegee Faaruu galataa faarsaani, gara Gaara Ejersa jedhan ol qabatan.
27
Yesus warraani, “Isaniini cuftii na dhiichanii baqattan. Wantii akkanaatiif barreessiin durii, ‘Anin tissituu ijeessee, hooliyyeen garagarii bittinoftii’ jette.
28
Ammoo eegi du'aa na kaasani, ani isan duratti Galiila dhaqa” jedhe.
29
Phexros isanii, “Adoo namii cuftii si dhiisee baqateellee ani si dhiisee hin baqadhu!” jedhe.
30
Yesus ammoo isaani, “Dhuguma, siin jedha, halkanuma kana, adoo kormii lukkuu marroo lama hiniyyinee, ati marroo sadii na mormatta” jedheen.
31
Innii ammoo afaanuma guutatee, “Si waliin yo du'uu maleellee ani si mormadhu” jedhe. Warrii cufumaanu akkasuma jedhe.
32
Fulaa tokko ta Getesemaane jedhani dhufani; Yesus jara ufitiin, “Haga ani Waaqaa kadhadhu arma tata'aa” jedhe.
33
Jennaan Phexrosi, Yaaqoobii, Yoh. aannis ufi gula yaamee, guddoo rifatee yaada keessa seene.
34
Warraani, “Lubbuun tiyya du'aa asi guddoo ooddii, diqquma na keessaa hinbaane; isan arma tata'aa, jabadhaa eegaa!” jedhe.
35
Diqqoo biraa deemee, addaan lafaatti jigee, akka yo taate hojjaani tuni isa bira dabartuu Waaqaa kadhatee,
36
“Ee Aabboo, atin waan cufa indandeeta, muduunuu gaargalaa tana narraa fuudhi! Ammoo fedhii tiyyaanitii fedhii teetiin haa taatuu” jedhe.
37
Jennaan deebi'ee, warra rafu argee, Phexrosin, “Simoon! ati inraftaa? Sa'aatii tokkoollee dammaxee na eeguu hindandeennee?
38
Hinrafinaa, akka ilaalachaa keessa hinseennee kadhadhaa! Hafuuri dhugumaa infedhaa, foon ammoo dadhaboo” jedhe.
39
Innii ammallee deemee kadhuma, qaraa taan kadhate.
40
Ammallee deebinaani, warra ufumaa rafu arge; ilti warraa guddoo mugatiin ulfaattee, warrii waan isaa deebisuu wallale.
41
Mar. roo sadeesoo deebi'ee warraan, “Isan ammallee raftanii foorfachuutti jirtani? Amma in ga'a! hojjaani yaa geette, ilmi namaa harka cubbamantootaatti kennamuuf.
42
Ka'aa nu yaasaa! ilaalaa, namii harka nyaapha kiyyaatti dabarsee na kennu dhaattuu tana jira” jedhe.
43
Adoo Yesus dubbachuu jiruu, Yihudaan, ka jara isaa kudhani lamaan keessaa tokko, dhufee warra bira ga'e. Ammallee isa waliin qaallollee gugurdoo, jara seera beekuufi maanguddooti ergaan dhibiin ta billaafi bokkuun yaatu isatti dhufte.
44
Namichii harka nyaapha isatti dabarsee Yesus kennu kaan gumiin, “Namii ani dhungadhu isa, qabaa, armaa fuudhaa, eeggachaa deemaan” jedhe fakkeenna kenne.
45
Yihudaan dhumnaani, akkuma achi ga'eenii gara Yesus dhaqee, “Aabboo kiyya” jedhe dhungate.
46
Jennaan jarii yoosuma qabee Yesus hidhe.
47
Warra dhaattu ejaajju keessaa namichii tokko goraade ufii qalqala keessaa luqqifatee, garbicha qaallicha guddaa dha'e, gurra tokko irraa kute.
48
Yesus ammoo warraan, “Akka warra algala qabuu ba'ee, na qabuuf goraadeefi bokkuun gara kiyya yaatanii?
49
Anin guyyaa hedduu Mana Waaqaa keessatti nama barsiisaa isan waliin ture, ammoo isan na hinqamne. Wantii kuni ammoo akka waani barreessiin qulqulloon jette guutamtuuf taati” jedhe.
50
Jennaan jarii isaa cuftii isa lakkisee baqate.
51
Dargaggeessi tokko, ka wayaa akka gaabii jirtuu ta quncee irraa hojataan tokko calla uyyifate, isa gula deeme. Ammoo warrii isa qabnaani,
52
innii wayaa sun keessaa ba'ee, qullaa baqate.
53
Jennaan gara qaallicha guddaa Yesus geessanii; qaalloleen gugurddoon cuftii, maanguddootaa fi jarii seera beekuulleen achiitti walwalda'ani.
54
Phexros haga cichaa qaallicha guddaa hinga'in Yesus irraa fagaatee duuba deemee, achiitti eeddota waliin taa'ee ibidda qanqaamate.
55
Qaallolee gugurdoo fi jaarolleen cuftii, Yesusiitti ijeechaa muruuf nama isa himatuu barbaadan, ammoo tokkoollee hingare.
56
Namii hedduun waan dharaatiin isa himate; ammoo dubbiin warra walii hingale.
57
Jennaan namii garii ol ejaajee waan dharaatiin isa himatee,
58
“Nu isa, ‘Anin Mana Waaqaa ka namii jaare kana, cabsee, guyyaa sadiitti ka dhibi ka namii hin jaariin jaara’ jedhuu laa dhageenne” jedhan.
59
Ammoo taatuullee, dubbiin warraa walii hingale.
60
Qaallichi guddaan fuula warraa dura ejjee, Yesusiin, “Atiin homaa hindeebiftuu? warrii kuni maaf si himata?” jedhee gaafate.
61
Yesus ammoo dubbachuu didee calise. Qaallichi guddaan amma ammoo, “Atiin Kiristoos ilma Waaqaa ka ulfeesan moo?” jedhee gaafate.
62
Yesus deebiseefii, “Ee'ee, ana; ammalle ilma namaa ka irree qabu ka harka Waaqaa mirgaan taa'uu, ka duumansa gubbaa keessaan dhufu argitani!” jedhe.
63
Qaallichi guddaan aaree wayaa ufii tarsaasee, “Dhugaa dhibii maan irraa barbaana?
64
Akka innii Waaqaa arrabsee isanuu yaa dhageettani! Maan isantti fakkaati?” jedhe. Jennaan warrii cuftii ijeecha itti mure.
65
Namii garii hancufa itti tufee, ila hidhanii, dhabanaasanii, “Fagii!” jedhaniin. Warrii eeduulleen tanttoomoon isa dhaante.
66
Adoo Phexros cichaa taa'uu, hojjattuun qaallicha guddaa tokko dhufte.
67
Isiin adoo Phexros ibidda qanqaammatuu argitee hubattee, isa ilaaltee, “Atilleen Yesus Naazireetii waliin jirtaayuu?” jette.
68
Innii ammoo mormatee, “Hiyyoo, ani waan atin dubbattu kana hinbeeku, nallee hingaltu” jedhee, kaa'ee fuloon ba'ee. Yoosuma kormii lukkuu iyye.
69
Ammallee hojjattuunn taan isa argittee, warra achi ejaajjuun, “Namichii Kunin isaan keessaa tokko” jette.
70
Phexros ammoo ammallee mormate. Diqqoo tokko teennaani, warrii achi ejaajjuu Phexrosin, “Lakki abboo, dandeetee hinmormattuu, warrii keessan Galiilaa, atin dhuguma nama isati” jedhaniin.
71
Jennaan Phexros ufii abaaree, kakatee, “Anin nama isani baantani kana hinbeeku” jedhe.
72
Yooma sun kormii lukkuu marroo lameesoo iyye; Phexros dubbii Yesus “Adoo kormi lukkuu marroo lama hiniyyinee, ati marroo sadii na mormatta” jedheen taan qaabatee, guddoo laalefatee boo'e.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16