bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Mark 3
Mark 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
1
Yesus ammallee Mana Waldeennaa seennaan, nama tokko ka harkii kokotta'e achiitti arge.
2
Warrii tokko ka Yesus himachuu fedhe akka innii guyyaa sanbataatiin isa fayyisu ilaalaa jedhee achi tata'ee eege.
3
Yesus nama harkii kokottaa'e kaaniin, “Koottii, jidduu tana ejji” jedhe.
4
Biyyaan, “Guyyaa Sambataa waan dansaa tolchuun seera moo seeraanii? Kun guyyaa lubbuu fayyisaan moo ka lubbuu ijjeesan?” jedhe. Warrii ammoo isa gula dubbachuu didee callise.
5
Tana irratti innii aaree warra mimillatee, marroo jabeenna garaa warraatiif laaleffatee namicha kaanin, “Harka diriirfadhu” jedhe. Innii harka ufii diriirfannaan fayye.
6
Fariisootii gad yaatee hojjuma sun jara Herodisii waliin kora tolchitee, akka Yesus ijjeesan walmari'atan.
7
Yesus jara ufii waliin gara galaana Galiilaa deebi'ee, waan innii tolche dhageennaan gumiin guddoon biyya Galiilaa, ta Yihudaa,
8
ta Yerusaalem, ta Edoomiyaa, ta Yordaanos gamaa, ta dira Xiroostii fi Sidooniilleen walti baatee, isatti dhufte.
9
Innii akka gumiin guddoon isa hindadarbine, jara isaatiin, “Hoboloo tokko naa kurfeessaa” jedhe.
10
Mar. roo innii nama hedduu fayyiseef namii dhukkuba qabu cuftii isa tuquu fedhee waldhidhibe.
11
Jinniin yo isa argite cufa, isa duratti jiddee iyyitee, “Atin ilma Waaqaa” jette.
12
Innii ammoo akka isiin nama isa hinbeesimne jabeessee itti seere.
13
Jennaan Yesus gaara tokko koree, jara fedhu ufiitti yaamee, warrii isatti dhufe.
14
Jennaan akka isa waliin taani fi ammallee akka deemanii qoonqoo Waaqaa biyya barsiisaan nama kudhanii lamaa foohatee nama ufii tolfatee, warra foohate kaan, “Ergamtoota” jedhee yaame.
15
Ammallee humna jinniin nama keessaa baasanillee isaanii kenne.
16
Warrii kudhanii lamaa ka innii foohate kana, Simoon, ka innii, “Phexros” jedhee moggaase;
17
Yaaqoobii fi Yoh. aannis, ilmaan Zabdewos ta innii isii lachuu, “Bo'anerges” jedhee moggaase, akkas jechuun “Ilmaan mandiisuu” jechuu.
18
Indriiyaas, Filiphos, Bartolomewos, Maatewos, Toomas, Yaaqoob ilma Alfewosii, Taadewos, Simoon nama lafa ufii jabeessu,
19
Yihudaa nama lafa Keriyotii ka Yesus gurgurate.
20
Jennaan Yesus gara manaa gale. Gumiin guddoon itti baatee isaa fi jarii isaalleen sagaleellee nayaachuu dadhabe.
21
Waan kaan dhageennaan fiixaan isaa, “Innii ya maraate” jettee isa fuudhuu dhufte.
22
Warrii Seera beeku ka Yerusaalemii dhufe ammoo, “Bi'el Zeebuliitti isa qabate, ammallee humna guddaa jinniitiin jinnii nama keessaa baasa” jedhan.
23
Duuba Yesus biyya yaamee, mammaassaan, “Sheexanii akkamiin danda'ee Sheexana baasa?
24
Laftii tokko yo ufii gargarii baatee, laftii sun inbaddi.
25
Warrii manaa tokkoo yo gargarii ba'ee, warrii sun inbada.
26
Ammallee Sheexanii yo silaa waldidee jabeennii isaa qoodamee, innii danda'ee hinjabaatu; sunin muumme isaati” jedhe.
27
Yo qaraa isa hidhe malee, namii mana nama jabaa tokko danda'ee cabsee seenee mi'a isaa saamu hinjiru. Yo sun callaa manii isaa saamamuu danda'a.
28
Dhugumaa, waan anin isanitti himu, “Cubbuu fi arraba hamaa namii dubbatuullee cufa Waaqii namaa inaraarama,
29
namii ammoo Hafuura Qulqulloo arrabsu cubbuu itti taati malee haga jiruu jireennaa araarama hinargatu” isaaniin jedhe.
30
Wantii Yesus akkana jedheef, waan qara biyyitii, “Innii jinnii qaba” jetteef.
31
Jennaan haadhaa fi obbooleeyyan Yesusii dhufanii, ala ejaajjanii, nama isatti erganii yaaman.
32
Gumiin isa dhaattuu teteettu, “Laali, haatetii fi obbooleeyyan tantee ala ejaajjanii si gaafachuutti jiraan” jedhaniin.
33
Innii, “Haadha tiyyaa fi obbooleeyyan tiyya eennu?” isaaniin jedhe.
34
Biyya isa marsitee ciiftu millatee, “Kunoo, haadhaa fi obbooleeyyan tiyya tana.
35
Namii fedhii Waaqaa guutuu cuftii obbooleessaa fi haadha tiyya” jedhe.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16