bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Mark 15
Mark 15
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
1
Laftii bariinaani, qaallolee gugurdoo, jaarrolee, jara seera beekuufi jaarroleen cuftii koraa dhuftee waan isaa mari'atan, Yesus hidhanii, geessanii harka Philaaxosiiti kennani.
2
Philaaxos, “Atiin hayyuu Yihuudiiti?” jedhee isa gaafate. Innii deebiseef, “Atuu yaa jette” jedhe.
3
Qaalloleen gugurdoon waan hedduuni isa himatte.
4
Philaaxos ammallee, “Kunoo waan hedduun si himatanii ati homaa hin deebiftu ree?” jedhee gaafate.
5
Yesus ammoo ammallee homaa hindeebimne; tanaaf philaaxos guddoo mame.
6
Philaaxos akka aadaa warratti waggaa cufaa guyyaa jila dabarsaa warra hidhaman keessaa nama gumiin “Nuu hikki” jette tokko hikkaa.
7
Bara sun warra goolii guuree nama ijeesee hidhame sun keessaa namicha tokkootti ka Barabbaa jedhan jira.
8
Gumiin philaaxosiitti dhuftee, akka innii waan aadaa ta duruu tolchaa dhufe warraa tolchuu kadhatte.
9
Innii ammoo deebisee, “Akka anin hayyuu Yihudii isanii hiiku feetani?” jedhee warra gaafate.
10
Innii akka qaalloleen gugurdoon dhiibiif Yesus harka isatti kennite inbeeka.
11
Qaalloleen gugurdoon ammoo, akka gumiin fullaa isaa Barabbaa nuu hiiki jettuu gorsite.
12
Philaaxos ammallee warraan, “Nama hayyuu Yihudii jettaniin kana maan tolcha ree?” jedhee isaani gaafate.
13
Warriilleen, “Isa fannisii” jedhee iyye.
14
Philaaxos ammoo, “Maaf akana jettani? innii hameenna maan tolchee?” isaaniin jedhe; warrii ammoo, “Isa fannisii” jedhee haga qaraallee irra guddisee iyye,
15
Tanaaf Philaaxos, marroo gumii gammachiisuu fedheef, Barabbaa hiikee, Yesus lichoon dhaanee, “Fudhadhaa, fannisaa” jedhe dabarsee warratti kenne.
16
Warrii waraanaa mana hayyuu keessa isa seensisee, duuba warra waraanaa ka achi keessaa cufa walti yaame.
17
Wayaa diimtuu itti uyyisanii, qoraattii akka surree tolchaanii, mataa isaa irra kaa'ani.
18
Duuba, “Ee, hayyuu Yihudii, lubbuun tee haa dheeraattuu” jedhan nagaa fuudhan.
19
Jennaan uleen mataa isaa keessa dhaananii, hancufa itti tufanii, duratti jilbifatanii, akka waan isa ulfeesaani.
20
Eegii gooyyeessaniin duuba, wayaa diimtuu irraa baasanii, wayaa isaa deebisanii itti uyyisani. Duuba isa fannisuuf alaatti geessan.
21
Namii biyya Qareenaa ka Simi'oon jedhan tokko, abbaan Iskindrosii fi Ruufos, adoo oobruu galuu jiru isaaniin ba'e; jennaan qabanii, fannoo Yesusii baachisani.
22
Fulaa tokko ta Golgootaa jedhaniin dhufan. (Golgoota jechuuni buqqee mataa jechuu.)
23
Achiin baanaani warrii daadhiifi qumbbi walti naqee itti kenne; innii ammoo dhugu dide.
24
Jennaan fannoo irratti isa fannisanii, wayaa isaa qoodatanii, waan namu dhaqabaa ilaaluuf hixaa buufatani.
25
Yo'ii isa fannisani sun sa; aatti sadii.
26
Balleessaa himataniin mulisuuf “Kun hayyu Yihudii” jedhani, mataa isaa gararootti berreessani.
27
Isa biraatti algaltoota lama, tokko gama mirgaatiin, kaan gama bitatiin fannisani.
28
Karaa kanaani barreessiin, “Nama hamaamaa isa waliin herregani” jettu guutamte.
29
Namii dhaattuu isaa yaa'ee mataa itti irbee, “Lee! atiin ka silaa Mana Waaqaa cacabsitee, guyyaa sadii keessatti jaartu!
30
Mee ufi baasii! Fannoo irraa bu'ii!” jedhani arrabsan.
31
Akkasuma qaallole gugurdoofi jarii seera beekuulleen isa gooyeesanii waliinii, “innii ka nama dhibi baasee, danda'ee ufi hinbaasu.
32
Kiristoon, hayyuu Israa'el, yo ta'ee akka nu arginnee isatti dhugeeffannu haa amma fannoo irraa gadi bu'uu!” jedhan; jarii isa waliin fannisaniilleen isa arrabse.
33
Sa'aatii ja'aa jalqabee haga sa'aatii sagali laftii cuftii dukkanoofte.
34
Ammallee sa'aatii sagali geennaani, Yesus qoonqoo guddoon iyyee, “Elo'ii, Elo'ii, lamaa sabaktanii?” jedhee yaammate; akkasi jechuuni, “Waaqaa kiyya, Waaqaa kiyya, maaf na lakifte?” jechuu.
35
Warra achi ejaajju keessaa ka garii waan kaan dhageennaan, “Mee dhagaa, innii Eliyaas yaamu jiraa” jedhan.
36
Warra keessaa namichii tokko utaalee daadhii dhangagooftuu waan akka miciraan buqqee hadhaa'aa, bututtuu laaftuu tokko keessa kaa'ee, hookkotti fannisee akka innii dhugu itti kennee, “Eegaa! akka Eliyaas dhufee fannoo irraa isa buusu laalla” jedhe.
37
Yesus qoonqoo guddoon lallabee, hafuura baafatee ciche.
38
Gollii Mana Waaqaa fulaa lamaatti gubbaa gad tarsa'e.
39
Guddaan warra waraanaa ka isa dura ejju, akka innii akkas hafuura baafate arginaan “Namii kunin dhuguma ilma Waaqaati” jedhe.
40
Nadheen gariilleen waan kana fagoo laaltee; warra keessa, Maariyaam ta Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yooseef, ammallee Salomeesti jira.
41
Warrii warra gaafa Yesus Galiilaa jiruu isa gula yaa'ee isaa hojjate. Ammallee nadheen hedduu dhibiitti, ta isa waliin Yerusaalemitti olqabatte achi jira.
42
Laftii galgaloomnaan waan guyyaan boriyyaa sanbataa ta'eef biyyitii kurfeefattee;
43
Yoseef dira Armaatiyaa dhufe. Innii kora warra Yihudii keessa, nama ulfaa gurra qabu ka dhufiisa Mootuumma Waaqaa eegu. Yoseef garaa jabaatee, gara Philaaxos dhaqee, reeffa Yesusii kadhate.
44
Philaxos, akka Yesus yoosuu du'e mamee, guddaa warra waraanaa yaamee, akka Yesus yoosuu du'e gaafate.
45
Guddaa warra waraanaa irraa dhageennaan, reeffa Yoseefiitti kenne.
46
Yoseef wayaa marduufaa bitee, reeffa isaa fannoo irraa gad buusee, wayaa taanin mamaree, goda dhakaa keessaa bocan keessatti awwaalee, dhakaa tokko afaanitti gangalche.
47
Maariyaam Magdalaatii fi Maariyaam haadha Yesus, fulaa Yesus itti awwaalan argan.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16