bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Mark 6
Mark 6
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 7 →
1
Yesus achii ka'ee, lafa ufitti gale; jarii isaalleen isa gula yaa'e.
2
Guyyaan Sambataa geennaan, innii Mana Waldeennaa keessatti nama barsiise. Namii isa dhagayee hedduun mamee, “Namichii kun eessaa waan kana argate? Qaroomii isaa kennan kunin maan? Wantii mamaa ta innii tolchu tun maan?
3
Kunin ogeessa mukatiinitii, ilma Maariyaam, obbooleessa Yaaqoob, Yosees, Yihudaa fi Simooniinitii? Obbooleeyyan isaa ta dubraa arma nu waliin hinjirtuu?” jedhanii isa didan.
4
Yesus warraan, “Raagii lafa ufii, fiixaa ufiitii fi warra ufii keessatti malee, fulaa cufaatti ulfinna qaba” isaaniin jedhe.
5
Warra garii ka fayyadhabe harka irra kaa'ee fayyisee malee, achi keessatti waan mamaa tolchuu dadhabe.
6
Waan warrii dhugeeffachaa dhabeef guddoo mame. Jennaan Yesus ollaa cufa keessa dedeemee barsiise.
7
Jara kudhanii lamaan walti yaamee, humna jinnii hamtuun dabsatan itti kennee lama lamaan erge,
8
“Imaltuu teessan keessa, ulee malee, homa tokkollee hinfudhatinaa, qixxaa fi subba, beeseellee hinfudhatinaa.
9
Kophee salalaa keeyyadhaa, ammoo ubbaara lamaallee hinkeeyyatinaa” jedhe.
10
Ammallee warraan, “Yoo mana namaa tokkoo olduuddan, haga achii yaatanitti artuma turaa.
11
Fulaa isan hindhi'eesine cufa, yokaan fulaa namii itti isan hindhageenne cufaatti, awwaara miila keessaan irra haxaadhaa deemaa, akka himachaa warraa taatu” jedhe.
12
Tanaaf warrii ka'e yaa'ee, “Cubbuu irraa deebi'aa” jedhe nama barsiise.
13
Jinnii hedduullee baasanii, nama fayyadhabe hedduu dhadhaa dibanii fayyisan.
14
Waan maqaan Yesusii fulaa cufa ga'eef, hayyuu Herodis waan kaani dhagaye. Namii garii, “Yoh. aannisiin nama cuuphuu la du'a keessaa ka'e, tanaaf innii waan mamaa kana tolchaa” jedhe.
15
Namii garii ammoo, “Innii Eliyaas” jedhe. Namii garii, “Innii raaga, akkuma raaga durii jiruu” jedhe.
16
Herodis ammoo waan kaan dhageennaan, “Isii Yoh. aannis, ka anin mataa irraa kuchisiisetti, du'aa ka'ee?” jedhe gaafate.
17
Herodis durii waan Herodiyaas, niitii Filiphosii, obbooleessa isaa ta ufii fuudhe jedhee, nama itti ergee, Yoh. annnis qabsiisee hiisise.
18
Yoh. aannis ammoo, Herodisiin, “Akkii atin niitii obbooleessa keetii fuutu aadaaniti” jedhe.
19
Herodiyaan guddoo Yoh. aannis haaloo fuutee ijjeesuu feetee, ammoo dadhabde.
20
Tanaaf Herodis waan akka Yoh. aannis nama qajeelaa fi qulqulloo ta'e beekuuf isa sodaatee, eesise. Innii adoo hojjaa dubbii Yoh. aannis dhagayu cufa guddoo rifateellee, ammoo silaa isa caqasuu fedha.
21
Herodiyaas guyyaa qaabachaa dhaloota ufiitii jedhee, bulchoota lafaa gugurdoo, warra matooma loltuu waraanaatii fi warra jajjabaa Galiilaa keessatti beekkaman cufa walit yaamee, jilaa guddoo tolfatee, hujiin isaa dansaan mullatte.
22
Intaltii Herodiyaas olseentee, sirbitee, Herodisii fi keessumaa isaa guddoo gammachiifte. Jennaan hayyuun intalaan, “Waanuma feete cufa gaafadhu, anin sii kennaa” jedheen.
23
Innii isii kakatee, “Waan atin na gaafate cufa, adoo moggaa lafa anin fiduu tokko taateellee, anin sii kenna” jedheen.
24
Isiin dhaxxee haadhaan, “Anin maan gaafachuu male?” jette. Jennaan isiin, “Mat. aa Yoh. aannis nama cuuphuu gaafadhu” jetteen.
25
Tanaaf isiin yoosuma urichee gara hayyuu deebitee, “Mat. aa Yoh. aannisii nama cuuphuu qorii guddoo keessa naa kaa'ii, ammumaan tana na kenni” jetteen.
26
Hayyuun guddoo laaleffatee, ammoo marroo kakuu ufitiif ammallee marroo keessumatiif dubbii isii diduu dadhabe.
27
Tanaaf hayyichii yoosuma warra waraanaa keessaa nama tokko ergee, “Meenii mataa Yoh. aannisii irraa kutii, koottiin” jedhe. Namii waraanaa kaan deemee, mana hidhaansaa dhaqee, mataa Yoh. aannisii mormatti irraa kutee,
28
qorii guddoo keessa kaa'ee, intalatti kenne, intaltii ammoo haadha ufitti kennite.
29
Jarii Yoh. aannis waan kaan dhageennaan deemee, reeffa Yoh. aannisii fuudhee awwaale.
30
Ergamtootii Yesusitti dachaatee, waan tolchitee fi waan barsiifte cufa isatti himte.
31
Innii warraan, “Lafa moggaatti nu yaasaa kophaa teteennee diqqoo boqonnaa” jedhe. Wantii akkanaatiif nama hedduutti olii gad yaa'aa tanaaf sagalee nyaachuu dadhabne.
32
Kophaa isaanii hoboloo keessa duudanii, lafa moggaa dhaqan.
33
Namii hedduun warra yaa'uu jiru argee warra hubatee, dira cufa keessaa miilaan ori'ee, warra duratti achiin ba'e.
34
Yesus hoboloo keessaa buunaan, gumii guddoo re'ee tissituu hinqamne fakkaattu argee na'eef. Innii waan hedduu warra barsiise.
35
Laftii galgaloomnaan, jarii isaa isatti dhufee, “Laftii moggaa, aduulleen ya dhiitee,
36
biyya gadi dhiisi, akka reeraa fi ollaa keessa yaa'anii waan nyaatan bitatan” jedhe.
37
Innii ammoo, “Isaniiyyuu waan warrii nyaatu kennaaf” jedhe. Warrii deebisee, “Yaaneetti qixxaa qarsii damoosa guyyaa dhibba lamaatiin binnaa ree, akka warrii nyaatu?” jedhan.
38
Innii warraan, “Isan qixxaa hagam qabdan? Me beenaa, ilaalaa” jedhe. Laallaan, “Qixxaa shanii fi qurxummii lama qamna” jedhan.
39
Jennaan Yesus biyya gargarii qoqoodee, “Buuyyoo dotii gubbaa tataa'aa” jedheen.
40
Jennaan biyyitii, fulaa garii dhibbaan, fulaa garii shantama shantamaan teteette.
41
Innii qixxaa shanii fi qurxummii lamaan taan guuree, gara Waaqaa ollaalee, eebbisee, qixxaa cacabsee, akka biyyaan gololchan jara isatti kenne. Ammallee qurxummii lamaanillee biyya cufaa qoode.
42
Namii cuftii nyaatee quufe.
43
Warrii hambaa qixxaatii fi qurxummiillee ta daduu kudhanii lamaa miyyuu guure.
44
Jarii dhiiraa ka qixxaa nyaate nama kuma shaniiti.
45
Yoma sun Yesus adoo gumii ufirraa galchuu, jara isaatiin, “Beenaa, hoboloo duudaa na dura gama galaanaa gara dira Betsayidaa taakkaa” jedheen.
46
Eegii biyyaan nagaatti jedhe ufii dhaqee gaara koree Waaqaa kadhate.
47
Laftii dukkanoomnaan, ka hoboloon jidduu galaanaa deemtuu, innii kophaa lafa godduutti hafe.
48
Akka warrii hoboloo keessatti marroo dhawaa bubbeetiif guddoo gaargala qabu argee, barraaqa dheeraa bisaan gubbaa deemaa dhufee, ka diqumaa bira hindabrin warraan ba'e.
49
Warrii ammoo ekeraa sehee iyye.
50
Warrii cuftii isa arginaan babakake. Jennaan Yesus warratti dubbatee, “Naa garaa jabaadhaa hinsodaatinaa” jedheen.
51
Innii hoboloo warraa seennaan, bubbeen callifte. Warrii akka takka hinargin maadeffate.
52
Mat. aan warraa waan duudeef akkii mamaa ka innii qixxaa suniin hojjate haga ammaa warraa hingale.
53
Galaana taakkinaan, lafa Genesaarexii dhufaan, hoboloo lafa godduu afaan galaanaatti hidhatan.
54
Akkuma isaan hoboloo keessaa bu'aniin, biyyitii akka Yesus ta'e hubatte.
55
Lafa sun cufa keessa ori'anii nama fayyaa hinqamne itillee irra kaa'anii fulaa isa itti dhagaan cufaatti itti geessan.
56
Fulaa innii seene cufa, ollaa, diraa fi lafa oobruu taanaanillee, nama fayyaa hinqamne geessanii fulaa gabaa kaa'an, akka handaara wayyaa isaa tuqan isa kadhatan; duuba namii isa tuqe cuftii infayye.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16