bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Mark 13
Mark 13
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 14 →
1
Adoo Yesus Mana Waaqaa keessaa ba'uu, jiruu jara isaa keessaa namii tokkoo, “Aabboo, dhakaayyee dadansaa manaan jaaran tana daawadhu!” jedhe.
2
Yesus deebisee isaan, “Manneen gugurdoo tana agartaa? Dhakaan tokkolleen wal irratti hinhafu; cufa gargarii jissanii” jedheen.
3
Adoo Yesus Gaara Ejersaa gubbaa Mana Waaqaatti garagalee taa'uu, jiruu, Phexros, Yoh. aannisii, Yaaqobii fi Indriiyaas kophaatti isa gaafatan.
4
“Gaafa wantii kunin taatu nutti hima; ammallee, yo wantii kunin cuftii dhi'aatte akeeka akkamitti dhufa?” jedhaniin.
5
Yesus deebisee warraan, “Akka namii tokkolleen isan hinsomne eegadhaa!
6
Namii hedduun maqaa kiyyaan dhufee, ‘Anin Kiristoos’ jedhee nama hedduu soba.
7
Ammoo lolaa fi oduu lolaallee yo dhageettan hinrifatinaa. Wantii kun qaraa dhufuu maltee, ammoo ammallee guyyaan muummee hingeenne.
8
Gochii kaatee gossaan walhaati, laftii lafaan walhaati; laftii fulaa hedduun in chochooti, beeltiilleen indhufti, wantii kun ammoo gaargala qaraati.”
9
“Ammoo isan ufi eegadhaa, wantii akkanaatiif namii isan qaqabee koraatti isan geessa, mana waldeennaa keessaalleetti marroo tiyyaaf isan dhaanan; akka warra duratti dhugeesitan hayyuu fi jaallaba dura ejaajjitan.
10
Qaraa fiixee oduu Dansaa gosa cufaatti odeessuu malan.
11
Ammallee yo guuraanii qorsumaa isan geessan cufaa, waan jettan duratti hin yaadinaa! Waanuma yo sun isanitti kennaan dubbadhaa malee; wantii akkanaatiif ka dubbatu isaniinti, Hafuura Qulqulloo malee.
12
Yo sun obboolessii obbooleessa ufii dabarissee ijeechaa kenna, abbaan ilma ufii dabarsee kenna, ijoolleelleen warra ufii irratti kaateetti ijjeesisifti.
13
Namii cuftii marroo tiyyaaf isan jibba, namii ammoo haga muummee obsee taa'uu inbaha” isaaniin jedhe.
14
Yesus, “Ammoo yo waan jibban ta nama rifachiisaa, ta fulaa taa'uu himmalin teettu argitanii, namii dubbisu ha hubatuu! Warrii Yihudaa keessa jiru ha gaareenitti baqatuu!
15
Namii mana gubbaa jiru gad bu'ee, mana seenee homaa mana keessaa hinfudhatin.
16
Namii oobruu keessa jiruulleen, wayaa fudhachuuf hingalin.
17
Guyyaa sun ammoo nadheen garaacha qabduu fi ta hoosiftu akkamii gaargala!
18
Ammoo akka wantii kun yo gannaa hintaanee kadhadhaa.
19
Wantii akkanaatiif guyyaa sun gaargala haga Waaqii lafa uumee haga arrdhallee namii takka hinargin dhufa. Wantii akkasi itti deebitee lafa hindhuftu.
20
Yo silaa Aabboon guyyaa sun gabaabsuu dhibaatee, namii tokkolleen hinbahu; amma ammoo marroo nama foohatee suni jedhee innii ya guyyaa gabaabse.
21
Duuba, yo namii tokkolleen, ‘Laalaa, Kiristoos arma jiraa!’ yokaan ‘Laala, innii achi jiraa!’ jedhee, hindhugeeffatinaa.
22
Kiristoos dharaatii fi raagootii dharaa ka'aniitti, yo danda'an warra Waaqii foohateellee sobanii akeekaa fi mamiisa dharaa agarsiisan.
23
Ammoo isan eegadhaa! anin waan cufa duraattuu yaayyu isanitti himee” jedhe.
24
Yesus ammllee dubbatee, “Bara sun eegii gaargala sunii, aduun indukkanoofti, ji'iilleen itti deebi'ee hin ibsu.
25
Urjiin cuftii Waaqaa irraa gad harcaati, jabeennii Waaqaa gubbaa cufa inraafama.
26
Duuba ilmii namaa jabeennaa fi ulfinna guddaan duummansa keessaa adoo dhufuu inargan.
27
Innii ammoo ergamtoota Waaqaa irraa ergee, Warra Waaqaa foohame gama cufaa, haga muummee Waaqaa lafatii asi cufa walti guura” jedhe.
28
Yesus amma ammoo “Mammaassa tokko odaa irraa baradhaa! Yo dameen isaa lattee baala baaftee, akka caamsaan dhi'aatee inbeettan.
29
Akkasuma isaniilleen ammoo, yo waan kana cufa ka ta'uu argitan, akka guyyaan dhi'aatee diqumaa balbala hinga'in beekaa!
30
Dhuguma, isaniitti himaa, haga wantii kun cuftii guutamtuutti dhalootii kun hindabru.
31
Lafaa fi gubbaalleen indabartii, dubbiin tiyya ammoo haguma jirtu hindabartu” jedhe.
32
Yesus ammallee “Guyyaa fi yo sun ammoo Abbaa kiyya tokkocha malee, namii tokkolleen hinbeeku, ergamtootii gubbaalleen yokaan ilmiilleen.
33
Isan guyyaa sun hinbeettan, tanaaf eegadhaa! hinrafinaa!
34
Wantii kunin akka nama warra ufii dhiisee, himaltuu deemuu ka'ee jirti. Innii warra ufii lakkisee jabeenna hojjatootaa kennee, tamu tokko tokkoon hujii kenneefii, nama balbala eeguulleen, ‘Hindagatinii rafii dammaqi balbala akka dansaa jabeessii eegi’ jedhee ajaje.
35
Tanaaf akka dansaa dammaqaa eegaa! Wantii akkanaatiif Abbaan manaa yoom akka dhufu, isuma galgala dhufu, isuma halkan guddoo dhufu, isuma baraaqa dheeraa dhufu, isuma gara afaan barii gulaatti dhufu hinbeettan.
36
Adoo isan quba hinqabnee dhufee, adoo isan rafuutti jiritanuu akka isan hinarginne.
37
Anin homa isaniilleen jedhu nama cufaanuu jedhaa, eegaadhaa!” isaaniin jedhe.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16