bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Mark 7
Mark 7
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
1
Fariisotaa fi jarii seera beeku ka garii, ka Yerusaalem dhufee, gara Yesus dhaqe.
2
Warrii akka jarii isaa ka garii, adoo harka hindhiqatin yokaan xurii qabanuu sagalee nyaatan arge.
3
Wantii akkanaatiif akka aadaa jaarollee irraa baratee gula Fariisotaa fi Yihudiin cuftii, haga harka dhiqattuutti sagalee hin nyaattu.
4
Ammallee yo gabaa galaniillee ufi qulqulleessan malee sagalee hin nyaatan; ammallee aadaa dhibii hedduutti ta warrii qabu jira, ta akka dhiqaansa muduunuu, okkotee, eelee fi siree.
5
Tanaaf Fariisotaa fi jarii seera beekuu, “Jarii kee maaf aadaa jaarolee gula hin yaanee, harka xuriitiin sagalee nyaata?” jedhee isa gaafate.
6
Innii deebisee, “Isan kijibdoolee, Isaayaas ka waan keessan himee, dhugaa dubbate, ‘Gumiin tun afaan ufiitiin na ulfeesiti, garaan warraa ammoo naraa fagoo jira.
7
Dharaan na ulfeesiti; wantii akkanaatiif seera namaa akka dubbii Waaqaa barsiisan’ jedhe.
8
Isan seera Waaqaa lakkiftaniitti, aadaa namaa gula yaatan” isaaniin jedhe.
9
Ammallee warraan, “Isan seera Waaqaa akkuma dansaa lakkiftanii, aadaa teessan jabeesitan!
10
Museen, ‘Haatetii abbeetii saalfadhu, nama haadaa abbaan dubbii hamtuu jedhu ha ijjeesanii’ jedhe.
11
Isan ammoo, ‘Namii yo haadhaa abbaa isaatiin, wanni isan silaa narraa argattan, “Qurbaana” ’ (Akkas jechuun Waaqaa kennan jechuu).
12
Duuba isan itti deebitanii, akka innii haadhaa abbaa ufii qarqaaru ee'ee hinjettan.
13
Isan akkas dubbii Waaqaa marroo aadaa teessanitii fi lakkiftan, ammallee waan akkanaa kana hedduu tolchitan” jedheen.
14
Jennaan Yesus gumii ufii yaamee, “Isan cuftii na caqasaa, dubbii tiyya hubadhaa.
15
Wantii alaa nama seenaa ka nama xureessaa hinjirtu, waan yaada garaa namaa keessaa baatti ammoo nama xureessa.
16
Namii yo gurra qabaatee ha dhaga'uu” Isaaniin jedhe.
17
Innii biyya lakkisee mana seenee jennaan jarii isaa waan mammaassa sunii isa gaafate.
18
Innii, “Akka wantii alaa nama seenaa dandeettee nama hinxureessine, isaniilleen hinmidhaaffannee? Isan hinargitanii ree?
19
Mar. roo qalbii isaa hinseentuu, ammoo garaa isaa seentee keessaa baatuuf” jedhe. (Jecha kanaan Yesus akka sagaleen cuftii qulqulloo garsiise.)
20
Innii ammallee, “Waan nama keessaa baatti nama xureesa.
21
Wantii akkanaatiif herregii hamaan garaa namaa keessaa ba'a, cabanummaafaa, hannafaa, ijeechafaa, dhiiraa fi nadheen walbarachafaa,
22
dharraafaa, jallummaafaa, sobafaa, ceeradhabafaa, dhiibbifaa, arrabafaa, ufii saaditii fi daallummaafaa
23
wantii kun cuftii herrega namaa keessaa baati, ammallee nama xureesitti” jedhe.
24
Innii achii deemee, lafa ardaa Xiiroos dhaqee, mana tokko seene. Akka namii tokkolleen isa beeku hinfeennee, ammoo hindhokane.
25
Niitiin tokko ta intaltii isii diqqoon jinnii qabdu waan isaa dhageetee jennaan dhuftee miila isatti jidde.
26
Niitiin tun gosa Griikii, dhalootii isii ammoo Finiiqee, biyya Sooriyaa keessaa. Isiin akka innii jinnii intala isii keessaa baasu, Yesus kadhatte.
27
Yesus, “Eegii, qaraa ha ijoolleen quufututii, sagalee ijoollee duraa fuudhanii saree dura buusuun aadaanitii” jedhe.
28
Niitiin ammoo, “Dhuguma, Aabboo, sareelleen ammoo waan ijoollee irraa harca'e xarapheessaa jalaa, hambaa ijoollee in nyaatti” jetteen.
29
Innii isiin, “Mar. roo waan dansaa jetteef beenii gal, jinniin yaayyuu intala tee keessaa baatee” jedheen.
30
Isiin kaatee galtee, intala, jinniin keessaa baatee siree irra ciiftu agarte.
31
Jennaan Yesus lafa Xiiroosii dhiisee deemee, karaa Sidoontiin, lafa Dira kudhan jedhan keessaa ba'ee, gara galaana Galiilaa dhaqe.
32
Biyyitii nama afaanii gurrallee duudaa tokko isattiin dhuftee, akka innii harka isaa isa irra kaa'u kadhatte.
33
Yesus namicha gumii keessaa kophaatti fuudhee, quba ufii gurra isaa keessa kaa'ee, hancufa tufee, arraba isaa tuqe.
34
Gara Waaqaa ol millatee, hafuura baafatee, “Efaataa” jedhe. Akkas jechuun, “Banami!” jechuu.
35
Jennaan yoma sun gurrii isaa banamee, arrabii isaalleen hiikamee, innii akka dansaa dubbate.
36
Yesus ammoo, “Nama tokkolleetti hin himinaa” jedhee jabeessee warratti seeree, warrii ammoo aduma innii itti himuu haga innii hinhiminaa jedheellee irra haasa'e.
37
Namii waan kana dhaga'e cuftii guddoo mamee, “Innii waan cufa akka dansaa tolche, nama gurrii duudeellee indhageesisa, ka afaan duudanillee indubbachiisa” jedhan.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16