bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Mark 8
Mark 8
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 9 →
1
Yoma sun keessa, gumiin guddoon sagalee hinqamne walti baatee, Yesus jara ufii yaamee,
2
“Anin gumii tanaa naha, waan isiin guyyaa sadii na waliin oolteef, ammallee waan isiin waan nyaattu hinqamneef.
3
Egerii yo beeluma tanaan galche, waan namii garii ka fagoo dhufee keessaa jiruuf karaatti gagagabdii” jedhe.
4
Jarii isaa, “Isii, namii danda'ee lafa gammoojjii tana keessatti gumii hagana geettu tana inquufsaa?” jedhe.
5
Innii, “Qixxaa hagam qabdan?” jedhe isaan gaafate. Jennaan warrii, “Torba” jedheen.
6
Jennaan gumii teteessisee qixxaa torbaanuu fuudhee Waaqaa galata galchee, qixxaa cacabsee jara isatti kennee, “Biyyaan gololchaa” jedhe. Jennaan jarii biyya gololche.
7
Warrii qurxummii didiqqoo tokko qaba; jennaan Yesus sullee eebbisee jara isaatiin “Biyyaa kennaa” jedhe.
8
Nyaatanii quufanii, hambaa daduu guguruddoo torba guutan.
9
Namii nyaate kuma afur. Jennaan Yesus biyya ufirraa galchee,
10
hoboloo seenee, jara isaa waliin lafa Daalmaanutaa jedhan dhaqe.
11
Fariisotii dhuftee, Yesusiin wa mormitee, laallachuuf, akka innii akeeka Waaqaa gubbaa isaan garsiisu isa gaafatte.
12
Innii maadefatee hafuura baafatee, “Dhalootii kun maaf akeeka barbaada? Dhugumaa anin akeeka tokkollee dhaloota kanaa hinkennu” jedhe.
13
Warra biraa deemee, hoboloo keessa seenee, gama kaanitti taake.
14
Jarii isaa qixxaa tokkochaa hoboloo keessaa qabu malee wareegaa dhibii ka isaan ga'uu fudhachuu hinqaabanne.
15
Yesus jara isaatiin, “Bukoo Fariisotaatii fi ta Herodis irraa ufi eegadhaa” jedhe.
16
Warrii ammoo, “Isii, innii waan qixxaa hinqamneef akkas jedhee” waliin jedhe.
17
Yesus waan warrii jedhe beennaan warraan, “Maaf waan qixxaa hinqamneef jettanii dubbattan? Ammallee hinbeettanii yokaan hinhubattanii? Qalbiin teessan guddoo wa hinhubattu.
18
Isan ila hinqabdanii hinagartanii? Gurra inqabdanii hindhageettanii? Isan homaa hinqaabattanii?
19
Gaafa anin qixxaa shan caccabsee nama kuma shanii nyaachisee, isan hambaa daduu hagam guurtan?” isaaniin jedhe. Jennaan warrii, “Kudhanii lama!” jedhe.
20
“Ammallee gaafa anin qixxaa torba caccabsee nama kuma afurii nyaachise, isan hambaa daduu hagam guurtan?” Jedheen. Warrii, “Torba” jedhe.
21
Innii warraan, “Isan ammallee hinhubanne ree?” jedhe.
22
Yesus fi jarii isaa Betsayidaa dhufanii, achiitti jarii tokko namicha ballaa tokko isattiin dhufee, akka innii isa tuqu kadhate.
23
Jennaan innii namicha ballaa kaan harka qabee, ollaa keessaa alaatti baasee, hancufa ila isatti tufee, harka irra kaa'ee, “Homaa gartaa?” jedhee gaafate.
24
Iltii banamnaan, innii millatee, “Ee'ee nama in argaa ammoo akka dansaa hubachuu hin danda'u muka yaa'uu jiru na fakkataa” jedhe.
25
Ammallee Yesus harka ufii ila isaa irra kaa'ee, duuba namichii millatee fayyee, waan cufa akka dansaa arge.
26
Yesus namichaan, “Beenii galii, ammoo ollaa sunitti hindeebin” jedheen.
27
Yesus jara ufii waliin ollowwaan lafa Qiisaariyaa Filiphos jedhan dhaqe. Karaatti jara ufii, “Biyyitii eennu naan jetti?” jedhe gaafate.
28
Warrii deebiseefii, “Namii garii Yoh. aannis nama cuuphuu siin jedha, ka garii Eliyaas jedha, ka garii ammoo raaga durii tokko jedhaa” jedhe.
29
Innii warra gaafatee, “Isan ufii eennu naan jettan?” jedhe. Jennaan Phexros, “Atin Kiristoos” jedheen.
30
Jennaan innii, akka nama tokkoleetti hinhimne warratti seere.
31
Jennaan innii warra barsiisee, “Ilmii namaa guddoo gaargaluu male, jaaroleen, qaallolee gugurdoo fi jara seera beekuulleen tuffatamee, ijjeeffamee, ammoo guyyaa sadeessoo du'a in ka'a” jedhe.
32
Innii jecha kaan diideessee dubbatee, Phexros isa kophaatti fuudhee, “Jecha kana hinjedhin!” jedhee dhowe.
33
Yesus ammoo garagalee, jara ufii laalee, hiccinnaa'ee Phexrositti dubbatee, “Narraa fagaadhu, Sheexaana! Atin waan Waaqaa hinherreddu, waan namaa callaa herredda” jedheen.
34
Jennaan Yesus jara ufii walti yaamee warraan, “Namii yo na gula deemuu fedhee, ha ufi mormatee, fannoo ufii baatee na gula deemuutii.
35
Wantii akkanaatiif namii jireenna ufii baasuu fedhuu cuftii hindhaba, namii ammoo marroo tiyyaa fi marroo oduu Dansaatiif jireenna ufii balleessu inargata.
36
Namii waan lafa tanaa cufa argatee ammoo lubbuu ufii yo dhabee maal baatiif?
37
Namii lubbuu ufiitii maal baasuu danadaa?
38
Nama dhaloota hamaa Waaqaa didu cubbichaa kana keessatti naa fi dubbii tiyyaallee didee, ilmii namaa gaafa ulfinna Abbaa ufitiin ergamtoota qulqulloo waliin dhufee isaallee hindida” jedhe.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16