bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Mark 5
Mark 5
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 6 →
1
Yesusii fi jarii isaa moggaa galaana Gergeesaa geennaan,
2
akkuma innii hoboloo keessaa bu'een, namii jinnii hamtuu qabu tokko awwaala keessaa ba'ee isatti dhufe,
3
namii kun awwaala keessatti gala, namii tokkolleen sibiilaalleen isa hidhuu hindandeene.
4
Mar. roo hedduu harkaa fi miila isaa sibiilaan hidhanii, ammoo sibiilaa cufa gargarii mamaaqee, ammallee sibiilaa miilaan hidhanillee kukkute. Namii tokkolleen isa eeguu dadhabe.
5
Halkan guyyaa innii awwaalaa fi gaara gubbaa dedeemee iyyee, dhakaan ufii dhaane.
6
Yesus fagootti arginaan, utaalee, duratti jigee,
7
qoonqoo olfudhatee, lallabee, “Atin maan narraa qabda, Yesus ilma Waaqaa guddaa gubbaa jiru? Anin maqaa Waaqaatiin si kadhadhaa, na hingaargalchin” jedhe.
8
(Wantii innii akkas jedheef, waan Yesus qaraa jinnii suniin, “Jinnii, namicha kana keessaa ba'i” jedheef.)
9
Duuba Yesus, “Maqaan kee eennu?” jedhee gaafannaan, innii, “Maqaan kiyya Gumii, nu hedduu” jedhe.
10
Innii akka innii lafa sun keessaa isa hinbaamne guddisee Yesus kadhate.
11
Booyyee guddootti laagaa gaaraa dheeduu jira jennaan,
12
Jinniin Yesus kadhattee, “Booyyee sunitti nu ergi, akka nu dhandhee keessa duunnu” jette.
13
Yesusilleen gadlakkisee; jinniin namicha keessaa yaatee, booyyee keessa duuddee, booyyeen haga kuma lamaa geettu sun gaara irraa konkolataa gadjidee, galaana duuddee, galaanii liqimse.
14
Tissituun baqattee, oduu taan diraa fi reeraalleetti odeesite. Jennaan biyyitii daawachuu dhufte.
15
Yesusitti dhufanii, namicha jinnii hedduu qabu kaan, ka wayya uyyifate, ka qalbii ufii qabu ka achi taa'uu arganii sodaatan.
16
Warrii duraan achi jiru ka waan namichii jinnii hedduu qabuu fi waan booyyeen taate argee warratti hime.
17
Jennaan warrii akka innii lafa warra keessaa ba'uu Yesus kadhate.
18
Adoo innii hoboloo keessa seenuu jiruu, namichii qara jinnii qabu kaan, “Si waliin deema” jedhee Yesus kadhate.
19
Yesus ammoo didee, “Beenii, warra kee galii, waan Aabboon sii tolchee fi akka innii sii nahee warratti himi” jedheen.
20
Innii ka'ee galee, lafa Dira Kudhanii cufa keessatti waan Yesus isaa tolche haasa'ee; namii isa dhaga'e cuftii mame.
21
Yesus hoboloon galaana gama kaanitti taakkinaan, adoo innii dhaattuu galaanaa jiruu, gumiin guddoon ammallee isatti baate.
22
Namichii tokko, ka Yaayiros jedhan, guddaan Mana Waldeennaa isatti dhufee. Yesus arginaan, miila isatti jigee,
23
“Intaltii tiyya diqumaa hindu'in, koottii, akka isiin fayyitee jiraattuu harka kee isii irra kaa'i” jedhee guddisee kadhate.
24
Jennaan Yesus ka'ee isa waliin deeme, gumiin guddoon isa gula dhuftee isa gaargalchite.
25
Niitii, tokkotti jiraa ta ganna kudhanii lamaa dhiigii keessaa yaa'ee cituu didee gaargaalche.
26
Isiin guddoo harka cirreeyyitti gaargaltee, horii hobbaafte, ammoo fayyuu dadhabdee haga qaraallee irra dhibamte.
27
Oduu Yesus dhageennaan, gumii keessaa dudda isaa duubaan dhuftee, wayya isaa tuxxe.
28
Isiin garaa ufii keessatti, “Anin yo wayuma isaa callaa qabadhellee, infayya” jette.
29
Hojjuma sun dhiigii yaasuma lakkisee, akka fayyitee nafa keessatti ufii beette.
30
Yesus marroo tokkottuu akka humnitii fayyichu isa keessaa baate arginaan, gumii keessa garagalee, “Eentu wayaa tiyya tuqe?” jedhe gaafate.
31
Jarii isaa ammoo, “Gumii si dhiibdu, adoo argituu, ‘Eentu na tuqe’ jettee gaafataa?” jedhan.
32
Yesus ammoo nama isa tuqe arguuf warra millate.
33
Niitiin taan waan taate beettee, sodaattee, hollattee, dhuftee, isa duratti jiddee, diidesitee waan cufa itti himte.
34
Innii isiin, “Intala, dhugeeffachaan tee la si fayyiftee, nagaan deem, dhukkuba kee fayyii” jedheen.
35
Adoo Yesus dubbachuu jiruu, namii garii ka mana nama guddaa suniitii dhufee waan jedheen, “Intaltiii tee la dootee; maaf ammallee teettee mooticha gaargalchitta?” jedhaniin.
36
Yesus ammoo dubbii warraa caqasuu didee, guddaa Mana Waldeennaatin, “Hinsodaatin, ammoo dhugeeffachuma dhugeeffadhuu” jedhe.
37
Jennaan Yesus, Phexros, Yaaqobii fi Yoh. aannis obbooleessa Yaaqobii malee nama cufaa ufi jalaa rare.
38
Warra nama guddaa Mana Waldeennaa kaan geennaan, Yesus huursaa gumii dhagayee laallaan biyya caartee boottee wawaattu arge.
39
Mana seennaan innii warraan, “Isan maaf boottan? Intaltii rafuu jirtti malee hindoonee” isaaniin jedhe.
40
Warrii isatti koblee, innii ammoo warra cufa alaatti gadyaasee, jennaan abbaa intalaa, haadha isiitii fi jara isa waliin jiru waliin fulaa isiin ciiftu seene.
41
Harka isii qabee, “Xaaliita, quumii” jedheen akkas jechuun, intala, anin ka'i siin jedha jechuu.
42
Hojjuma sun intaltii kaatee dedeemte. Gaafas gannii isii kudhanii lama. Warrii duuba akka takka hinargin maadeffate.
43
Yesus ammoo akka waan kana namii tokkolleen hindhageene jabeessee warratti seeree, “Waan isiin nyaattu itti kennaa” warraan jedhe.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16